Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

 

Guraandhala/February 1, 2014 

 SEENAA Y.G (2005)

Qabsoon Oromoo gaggeeffamaa jiru, waan ykn rakkoo keessa keenyatti nu mudatee jiruun madaalamee, lakkii Qabsoon keenya duubatti harkifame ykn waa tokkollee hin hojjanne, jennee kan goolabnu yoo ta’e, dogoggora keessa jirra. Waan nu mudataa jiru hundi isaa, kan addunyaan keessa dabartee fi rakkoo qabsoo keessatti isaan mudate ykn dogoggora keessa dabran irraa baratanii, adeemsa isaanii gama hundaa sirreeffatanii injifannoo goonfachuu isaanii wayita ilaallu, dhugumayyuu haalli keessa keenyatti umame, waan sirraa’uu ykn hiikamuu hin dandeenyedha jennee,  madaallii Qabsoo keenya isa dhumaa taasisu akka hin dandeenye hubachuun rakkisaa hin ta’u. Haqi tokko garuu waan irraa barannee jirru hedduu ta’ee, sirreeffachuuf yeroo fudhachuun isaa hanqina jennee fudhachuu dandeenya. Keessattu yeroo amma keessa jirru kanatti.

Jaallannus jibbinuus yeroon keessa jirru ykn waggootiin 3n ykn 5n dhufan nuuf murteessaadha. Qaawwaa hundaa duchachuun murteessaadha. Adeemsa keenya ariifchiisuu fi galii keenya dhiheeffachuu irratti halkanii fi guyyaa hojjachuun akka nu irra jiru gadi fageessine waliif dhaamu qabna. Waggootiin kaa’e kun, diinaaf yeroo lubbuutii. Humni nu dura dhaabbatuu hundumtuu yeroo itti siyaasa isaa itti xumuratu ta’a. Faallaa kanaa, gaaffiin Ummatoota cunqurfamoo kan ol ba’ee itti mul’atu ta’a jedheen amana. Raagutti kaatee? Hin jedhiinaa. garuu. Kun haqadha. Kun jabiina keenya irratti hundaa’a. Humna taanee ba’uu dhabuun keenya irraa kaanee murteessuuf nu rakkisus, Amala Siyaasa warra Gabroonfattootaa yoo ilaalle garuu, wayyaaneen kana irra deemu hin danda’u. Kan isa dhiibu yoo dhibellee, rakkoon keessa isaanii isaan salphisaa deemuun waan hin oolle. Hattun yeroo waa hattu waliif galtee, yeroo waan hatan itti hirmaatan wal ajjeesuu jedhama. Wayyaaneenis adeemsa kana keessa jirti. Carraa kanatti OROMOON waan qabu hundaan fayyadamee Biyya isaa irratti ol aantummaa isaa kabachiisuun murteessaadha.

Ummati keenya hangam jabaataa akka dhufee fi gaaffii isaa dhageesisuuf sochii akkamii taasisaa akka jiru, warra abbaa dhimmaa kan taane caalaa diinoota keenyatu hubataa jira. Kanaaf keessaa fi alaa nutti iyyan. Akka baalagee daandii irraa Arraba safuu hin qabne sana nutti haqatan. Humni sadarkaa kana irra jiru, mo’aa odoo hin taanee, mo’amaa jiraachuu isaa argisiisa. ‘Yeroo kana jabaachuu nu barbaachisa. Gootummaan Abbootii keenyaa kan afaaniin dubbannu ykn seenaa kaafnee dubbannu odoo hin taane, hojiin itti argisifnuudha. Dhalataan Oromoo addunyaa kana irra jiru, har’a siyaasa haaraa itti himamu waa tokkollee hin qabnu. Maal akka isa barbaachisus kan itti himamu hin jiru. kan nu hafu yoo jiraate, maraamrtoo hawwii keessaa baanee, waan nu irraa eegamu hojjannee argamuudha. Yeroo itti Oromummaa ykn sabboonummaa ofii argisiisuuf haasaan of mul’ifnu odoo hin taane, Oromummaa fi sabboonummaa keenya kabachiisuuf hanga wareegamaatti falmannudha. sochii qabatamaan humnatti jijjiiramnee argamuudha. Addunyaanis haqa keenya simachuuf, Biyyatti sana keessatti humna qabaachuu keenya hanga argisifnutti nu eegaa jiran. Hamileen bakka maraa mul’taa jiru kan takkaa ka’ee, deebi’ee qabbanaa’u osoo hin taane, hanga mirga keenya goonfanutti kan itti fufu taasisuuf hundi keenya bakka jirru yeroo itti sacha’uu qabnuudha. Kana dhugeessinaan Gootummaa keenyaan Bilisummaa mirkaneessine jechuudha.

Ilmaan Oromoo Addunyaa kana irra jiran wanni jabeessanii hubachuu qaban,Qabsoo Ummata ofii keessatti hirmaachuuf Ulaagaan kaa’ame akka hin jirredha. Waan Ummata koof fayyada jennee itti amannee hojjannu hundumtuu qabsoo keessa jiraachuu keenyatti fudhachuu qabna. Kana jechuun ammo warra bakka Ummata isaaniif hin tollee dhaabbatanii  seenaa xureessan hin ilaallatu.warra halgaatti hirkatanii ofii quufanii bulanii ummata ajjeesisanis hin hammatu. Garuu walaba ta’anii, hegaree Ummata keenyaa qalbeeffatanii, har’a irraa kaasee kana gumchuun dirqama kiyya/tiyya jedhanii kanneen socha’an hundi, qaama qabsoo ta’u isaanii hubatanii, waan itti jiran irraa duubatti deebi’uu akka hin qabne hubachuu qaban.

Hojiin ykn gumaachi qabsoof taasifnu, akka hojii tokkoffaatti fudhannee irratti hojjachuun murteessaa ta’uu, yerootu nu dirqisiisaa jira. Hundumtuu bakka jirutti haa hojjatuu, miseensummaa dhaabaa qofaan qabsoon hin gaggeeffamuu, qabsoon miseensa qofaa hin jedhu wayita jennu maal jechuu keenyadha? Hundumtu bakka jirutti gurmaa’ee qooda isaa haa gumaachu wayita jennu, maal jechuu keenyadha? Asi irratti waan of eeggachuu qabnuutu jira. hundumtuu bakka jirutti haa qabsaa’u wayita jennu, hundumtu dhaabsa siyaasaa ykn waanuma kanaan wal fakkaatu ijaarratee wal dura haa dhaabbatu jechuu akka hin taane akka gaaritti hubachuu nu feesisa. Kun qabsoo keenya caalaattu laaffisuu danda’a. humna silaa bakka tokkotti ititee diina dura dhaabbatu harcaasu ta’a. kanaaf sochii sabummaa keenya nutti mul’ate wayita gaggessinu, Dhaabbilee siyaasaa Oromoo haaraa ijaarrachuu akka hin ta’iin qalbeeffachuu nuu barbaachisa.yoo akkas goone yoomillee injifachuu hin dandeenyu.

Afriikaan Kibbaa Addunyaa irratti kabajaa argaa jirru kan goonfachiiseen, Barattootaa fi Dargaggoota ishee akkasumas Ummata ishee, Barnoonnis ta’ee jireenyi BILISUMMAA booda jedhanii, kan wareegames wareegamee, kana barbadaa’es barbadaa’ee of kabachiisuu qabna jedhanii warra of kannaniin ta’uun hin shakkisiisu. Bu’aa Sabummaa qofaa irratti hundaa’anii waliin dhaabbachuu kanadha.

Taaddasaa Birruun Dhalli Oromoo hundi akka baratu kan dhaammatee dabreef maaliif? Akka kiyyatti, yeroo sanatti waan inni hubate hundaa dhaloonni akka hubatuuf barachuu qabaa jedheetu. Waan inni yeroo sana dhaame har’a irra dhaabbannee wayita ilaallu, kan har’a jiru, kan waa hubatee beekaa duude yk dabe dhiifnee, dhalooti har’aa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa jiru iyyuu hundee qabsoo keenyaa ta’aa jiraachuu yennaa arginu, yaada Taaddee dinqisiifachuu hin dhiifnu. Taaddeen yaada yeroo fagoo qabaachuu isaa kanas yennaa ilaallu, yaada Maandeellaa kutaa lameen dabran keessattis kaafneef hundee ta’u mirkaneeffanna. Taddasaan Bilisummaa akka gaafannuuf dhaamsa barachuu qabanii nu dhaamee yoo ta’e, kan abarate daangaa olitti qabana. Kan barate kun hundi ammo Bilisummaa gaafachuuf sagalee tokko qabaachuu dhabuun isaa, dhaamsa Goota keenyaa naaffisuu ta’uun hin hafu. Inni hunda irra nama gaddisiisu ammo, inni barate jedhamu, waan Gootoonni isaa dhaamaniif irraa maquu isaati.  Waan barnootaa fi beekumsa namoota keenyaa yoo ilaallees, waggoota 50 dhufaniif ijoollee barsiifachuu dhiifnee, ijoollee Ummata isheef of kennite mooraa waraanaatti naqinee odoo barsiifneyyuu waan miidhamnu hin qabnu. Isaantu fala Ummata keenyaa ta’aafi.

GOOTUMMAA WAYITA JENNU MAAL JECHUU KEENYADHA? GOOTUMMAA AKKAMIITU BILISUMMAA MIRKANEESSA? GOOTUMMAAN MAALIIN IBSAMA? OROMOON NAMA MAAL HOJJATEEF GOOTA JEDHA?
Bara biyya keessa turre sababaa hojiin, carraa Godinaa Oromiyaa waliin ga’uu argadheen ture. Carraa kanaanis, Namoota hedduu waliin mari’chuuf carraa argadheera.hunda irra kan nattii toluu fi itti boonu garuu, Maanguddoota keenya warra waa hin baratiin waliin mariin gaggeesseedha. Akka isaan Umama Namaa kanaa fi addunyaa har’aa kana itti ibsan Nama ajaa’iba. Waan Umamaa kana tokko tokkon yennaa ibsan, waan dhalli namaa bira ga’uuf waggoota dheeraa itti fudhatee Piroofesaraa fi Dokitara ofiin jedhee dhaadatu kana, Maanguddoota waraqaa argee hin beekneetu tokko tokkoon ibsa. Seera Umamaa addunyaanu hin beekiin namattii himan. Kana irratti ragaa fira Oromoo kan ta’an Piroofeesar Asmaroom Laggasaa jedhaman kan dubbatan  tokko haa kaasu. Isaan qorannoo samii irraa ykn Urjiilee kan gaggeessan, Hayyoota Booranaa waraqaa fi qalama tokkolee hin beekne irraa ture. Akkas jedhan.

“Ani Boorana keessatti waa hundaa xumure. Sirna Gadaa Oromoo addunyaa kana irratti kan jalqabaa ta’e kan na barsiise Boorana. Dhalli OROMOO hundi waan kana bifa barnootaan argchuu qaba. beektoonni keessan kana irratti hojjachuu qabu. Kun akka seenaa qofatti ijoolleetti himamuu hin qabu.kun qabeenyaa keessan isa guddaadha. Kun addunyaa irratti kabaajaa ol aanaa isin goonfachiisa. Nageenya addunyaa hegareef Gadaan qoricha. Ani yeroon waa’ee Urjiilee qoradhu, Booranni Hayyuu tokko naaf kennee, gara Finfinnee dhaqinee, galgala galgala Gaara Inxoxxoo irra teenyee Urjiilee kana tokko tokkon barachaan ture. kan yeroo san hedduu na ajaa’iibu, waa’ee umama Urjiilee Sanaa Odoo hin taanee, Oromticha quba isaatiin urjiilee hundaa na lakkoofsiisaa tureeti. Eessaa barate? Inni isa barsiisee eenyu irraa barate? Bara addunyaanu mataa ol hin qabatiin Oromoonni waa’ee Urjii akkamiin barachuu danda’an? Kun har’ayyuu anaaf gaaffiidha.”biyya alaa dhaqee beektoonni kana irratti kan kataban irra, hayyuu Booranaa irraa kanan baradheetu caala. Qabatamaadhas. Bakka tokko tokkotti waanuma isaan qaoratan katabanii kan dhiheeffatan natti fakkaata.beekumsa ga’aa hanga isaanii iyyuu hin qaban. Isaanuu eessaa kana hubatte jedhanii na gaafachaa turan…….  Jedhan.

Anaan kan mudate ammo itti aansa. Bara 1997 fi 1998 Booranaa fi Baalee hojiif dhaqeen ture. Maanguddoota Godinaa lameeniif gaaffii wal fakkaataa kaasee, deebii wal fakkaataa argadheera. Gaaffiin kiyya, Oromoon duri Umamaa Namaa ykn jecha “NAMA” jedhu kana akkamiin ibsaa? kan jedhu ture. Nama jechuun jedhan, 1.Hayyuu kan ta’e, 2.Arjaa, 3.Goota, 4.Soba kan hooddate,5.dhugaaf kan du’u jedhan. Mee 5n isaa hiikkaa isaa waliin naa himaan gaaffii kiyya itti aanee dhihaateef ture.deebiin isaanis,

  1. Hayyuu:- Hayyuu jechuun Sirnaa fi Seera Gadaa keessa warra dabraniif kan kennamuudha. Kana jechuun Gadaan jiraatanii fi  Gadaan Bulchuu ni dabalata. Yoo xiqqaate waa’ee gadaa fi Oromoo gadi fageenyaan beeku qaba. kun ragaa Maanguddootaan mirkanaa’a. Warri miidiyaa keessa hojjattan kun, warra barnoota addunyaa kana irraa baratee kanaan Hayyoota jettu. Garuu Hayuummaan Gadaa keessa dabruu gaafata akka Oromootti. Hayyummaa kana halgaan addunyaa kana irraa kamuu Namaaf kennuu ykn nama muuduu hin danda’u. Oromoon garuu halagaa addunyaa kana irraa ulaagaa hayyummaa guuteef, Hayyummaa kennuu danda’a.
  2. Arjaa:- Arjaa jechuun waan qabeenyaan, Maallaqaan, beekumsaan waan hundaan of harkaa qabanitti dhimma ba’uun Nama gargaaree nama taasisuudha. Maallaqa firfirsuun odoo hin taane, kan humna hin qabne barsiisanii haa ta’uu waan biraan, akka of danda’u ykn Nama ta’u taasisuudha.
  3. GOOTA:- Gootummaa raawwachuun karaa hedduu ibsamu danda’a. Gootummaa ol aanaa kan jedhamu, Ummata ofiif haqa argamsiisuuf gama hundaan of laachuudha. Gootummaa lolaan mirga Ummata ofii fi warra cunqurfamee kabachiisuu kaasee, waan qabaniin Ummata ofiif dhaabbachuun Gootummaa nama goonfachiisa. Waan Ummata ofiif tolu, Ummatis itti amanee harka rukuteef ykn deeggarsa barbaachisu taasiseef Goota jedhama. Dhimma Ofii irra kan Ummata ofii dursanii Ummataaf fakkeenya ta’uun, saba ofii addunyaan bakka geesseen geesisuuf tattaafachuu fi bu’aan isaas kan ummata gammachiisuu fi boonsu yoo ta’e, Gootummaatti ramadaa Oromoon.Gootummaan Lolaan, Biyya beeksisuun, Biyya gama hundaan guddisuun, Biyya Abbaa ofii irratti of kabachiisuuf hojjachuun Gootummaadha.
  4. SOBA HOODDACHUU:- Nama kan jedhamu kan hin sobneedha. Addunyaa keessaa sadarkaa tokkoffaatti soba diina kan godhatuu NAMA jedhama. Sobuu jechuun waaqaan wal dhabuudha. Hanqachuu argisiisa.Nama ta’ee Nama sobuun of sobuudha. Kun waan hoodaati. Keessattu wal sobuun waan qaaniiti. Sobi kun aadaa keenyas hin turre. Gabrummaa keessa nuttii dhufe. Har’a maddi jireenyaa soba ta’ee jira. Jireenya gaarii jiraachuuf sobuun ulaagaa tokkoffaa ta’eera. Sobaan lubbuu namaa dabarsuun hammaateera. Sobaan haqa awwaaluun jabaateera. Kana  ammo diinatu nama keessa naqa. Maaliif akka ta’ee beektaa? Akka wal sobnee daandii tokko irra hin hiriirreefi. Kan nu diigaa jiru isa kana. Nu jabeessuu irra kan nu laaffisu sobuudha. Har’a waliin kakatta. Bor wal ganta. Kun sobdee waliin kakachuu irraa dhufa. Yoo dandeessan kana Ummata keenya barsiisaa.
  5. DHUGAAF KAN DU’U:- Namni dhimma isaa kaasee hanga sabummaatti waan jiru hundaaf dhugaaf dhaabbachuu qaba. Oromoon waan dhugaa malee, waan dharaa hin dubbatu, hin godhu. Dhugaan ulaagaa Namummaa ishee hangafaati. Ofittummaa keessaa ba’anii dhugaaf du’an. Of jaallachuu f jecha dhugaa hin dabsan. Dhugaan Hundaaf bu’ura. Namni dhugaaf hin dhaabbannee, dikee bishaan irraa oofamaa jiraattun tokko. Gaafa isheenu bishaaniin dhuubamtee achumatti dhidhimti. Dhalli namaa dhugaa hin feenes kanuma. Dhugaa irra maquun salphinaaf nama kaadhimti. Dhugaaf dhaabbachuun diina heddumeessuu danda’a. diinni hedduun dhugaa hin qabne umuriin gabaabaa yennaa ta’u, kan dhugaa garuu galgalli isaa baredaadha. Naan jedhan. Gabaabseen waan yaadadhun katabe.

Gama kanaan gara fuula duraatti waa hedduun walitti dhufna. Namummaan keenya Oromummaa keenyaaf hundeedha. Oromummaan  keenyas, Sabboonummaa keenyaaf bu’ura. Sabboonummaan keenya ammo, GOOTUMMAA keenyaaf gaachana. Gootummaa kana qofaatu bilisummaa mirkaneessa. XUMUREERA.

Barruu kutaa sadiin dhiheesse xumureen jira. Dargaggoonni akka dhuunfaatti yaada naa laattanii fi kanneen biroo hedduun galateeffadha. Waan katabdu kana kitaabatti odoo geeddartee kan jettaniif, GALATOOMAA! Kan waaqaa haa caalu. Horaa bulaa!

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: