Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

Posted by: Boonaa Dagaa February 11, 2014

Haawaasni Oromooti fii islaamni biraa kan Oromiyaa keessatti waggaa 140 ol gabrummaa hangana hin jedhamne jalatti dararamaa ykn rakkachaa turn
amma hoo? Maal eegan?:-
Carraa du’a mallasiin argame kana maalif hin saammanne?
Hanga gabroonfataan haarowni harqootaa haarawa fidee mormatti nu fe’ee kooraa haarawallee fidee duydatti nu fe’ee egasii duyda keenna gubbaa taa’ee lafaan nu qotatu hoyfannee eegnaa?
Yoo kana hin tahin maalif kaanee osoo diinni gaggabarraa hin bayfanne mataa isaa muquqquullee ukkamsinee mirga keenna maaf irraa hin fudhanne? eega inni bayfatee ijabanatee uf karoorse akka waraabeessa guyyaa fiiguu kaanee batat batat jechuu hennaa?
Sun waan bu’aa qabuumitii mee maaltu mala amma?
Malli akkna fakkaata:-
1- Rabbii oltahe kan xaaguuta abbaa irree’ee kan nu ukkaamsee waggaa 21 guutuu wallaalan nu ukkaamsee xaxoo mormatti kaahee nu gabroonfataa bahe yeroo gabaabaa keessatti qabee nurraa mogolcheef galata guddaa faaruu baay’ee shukrii guddaa fii miidhagaa Isaaf galchuun nurra jia Rabbiin oltahe akkana jedhe (لئن شكرتم لأزيدنكم ولئن كفرتم إن عذابي لشديد) yoo waan ani isinii kennerratti shukrii naaf galchitan waan isarra caalu isiniif kenna yoo ammoo shukrii diduun qananii an isinii godhe sanitti kafartan azaaba irra jabaatu addunyaa fii Aakhiralletti isin eeggata jedhe kanaafuu abbaa irree kan islaama lafarraa duguuguf imaammatee karora cubbuu kaayate kana yeroo gabaabaa keessatti qabee nurraa mogolchuu kanarraa qananiin guddaan jiru waan hin jirreef akka jabatti shukrii irratti Rabbiif galchuun nama isalaamaa hundarratti dirqama irraa boodaati!!!.
2- Shukriin maaliin tahaa beekuun dirqama waan shukriin tahuunirraa matadureen tokkoffaa: waan Rabbiin tumsa Isaa irratti nuuf fide sanirratti waan duraanii caalaa dacha meeqa jabaachuu. Lammaffaa: afaanii fii dalagalleen shukriin barbaachisaa haatahuu ammoo yoo waan Rabbiin irratti nuu tumse san dhiifne ykn irraa deebine bilaashuma dalaguu malee nurraa hin qeebalamtu kun gadi fageeffamee nubiratti beekamee jala muramuu qaba.
3- Mallasii nama miliyoona sadii hawaasa oromoo kan islaamarraa waggaa shan keessatti afaan adda addaatiin garii ajjeesuun garii hidhuun garii biyyarra facaasuun dhabsiisuuf imaammatee jala mure nurraa yeroo gabaabaa keessatti Rabbiin oltahe ajjeesuun ni’maa ykn qananii irra guddaa Rabbiin ummata oromooti fii ummata islaamaa kan oromiyaa keessa qubatan hundarratti qanani’e tahuu beeynee irraa haasawuu bakka hundatti akka karaamaa diin islaamaa qabu namni hundi beekee kuunis sodaatee kuunilleen kabaju kana godhuu dhabuun ajaja Rabbii oltahee diduu tahuu beekuu qabna akkuma Rabbiin Qur’aan Isaa keessatti jedhe (وأما بنعمة ربك فحدث) hikkaan isaa( waan Rabbiin siin qananiiserraa hasawi) jedheen.
4- Olola dagamtoonni gobantoota fii bitamtoonni olii dagi hafarsaniin dagamuu dhabuu kan akka namichi Rabbiin inni diin Islamitti kabajaa dhabnaan halaake kun isatu mirga oromoo fii islaamaa mirkaneesse jechuun olola dharaa hafarsuu faa akkasuma inni kun isatu misooma ithopia kaase jechuun kijiba dhuubuufaa akkasuma barnoota dagaaysee wallaala dhabamsiise jechuun kijiba buufuu faa kan kana fakkatu hundaan akka mataa nu jeequun nu hin burjaajessine ufirraa eeguu qabna.
5- Yoo haqiiqaa fii dhugaa barbaanne oromoon waan amma isaan haasawan kanarra kan caalu qabsoo isaatiin mirkaneeffate:- bara 1991 qabsoo waggaa dheeraa godheen bilisummaa biyya oromiyaa guutuu kutaa tokko mlee gootonni oromoo gonfachise eega gabronfataa kanaa fii goobantoonni wal qarqaaruun irraa mulqe boodaan mootummaa naannoo oromiyaa jedhanii waan laamshuu tanaan oromoo sossobaa jiran akkasuma wanni isii jala jiru guutuun hanbaa bilisummaa sanirraa hafte malee wanni mallasii fii motummaan isaa saba oromooti fii sablammiilee sabboonummaa qaban tokkolleef goote hin jiru kanaafuu ololli yeroo ammaa humnaan hafarfamaa jiru kun carraa amma du’a abbaa irree kanaan argame kanarraa akka hin fayyadamne nu shaagalanii nu bira dabarsuuf malee waan biraatif akka hin tahin dagi fageessinee hubachuu qabna.
6- Yaa ilamaan oromoo yaa ilmaan islaamaa mee uf gamaa gamana mil’adhaa nama nu malee jiru kan reeffa mallas kanaan shagalamaa jiru argaa jirtuu? yoo dhamaan gadi qabnee laalle sabni tokkolleen amma ithopia keessatti kan du’aa fii reeffa mallasiin shaagalamaa jiru oromoo malee hin jiru sabaa fii sablammiin biraa hundi bakka inni irraa du’e kana akkamitti qabanna yoo kophaa qabatuu dadhabnellee akkamitti qooda guddaa kabajamaa hirmaata kana keessaa arganna jedhanii kanarratti halkanii guyyaa walmarii fii waldamaysutti jiran amaarri tigreen sidaamni sumaaleen afar walaamoon kanbaataa fii shanqillalleen waa’ee mootummaa qabachuu kanaaf tattaaffii hangana hin jedhamne godhaa jiran oromoo qofatu waan sabni biraa walmari’atee itti gadi bahu eegaa jira kun fafa guddaa himamuun hin dandayamne yaa ilmaan oromoo osoo yaadannee carraa bara 1991 -1992 fii 1993 nu dabre goobanaa bitamaa fafa uffatee gadigalummaa koofiyyaa godhate kan yeroo san waa’een qabsoo oromooti fii oromiyaa gutuun harka isaa jirtu Lencoo Lataati fii bitamtoota isa wajjiin dhaaba ABO kan yeroo san deeggarsa bal’aan saba oromorraa muudamee keessa jiran santu nuhongessee nubira dabarse jennee isaan komachuunn uf sabbarsiisaa jirra yoo amma carraa ar’a waggaa 21 booda bara 2012 nurra Rabbiin fide kana raqa mallasiin garmaamnee gadoodu fii booyuun osoo nu yeroo gubnuu yoo nu dabre eenyu komachuun uf sabbarsiifna? eenyu ajiifanna? eenyu Aalanna?
Waan yeroo ammaa hatattamaan godhamuu qabu:-
1- Yaa ilmaan oromoo yaa ilmaan islaamaa waan waldhaba tahee akka dhunfatin isin jidduu jiru hunda dagachuu qabdan sabboonummaa keessan gootummaa fii gameeyyummaa keessan ar’a ummata oromooti fii sablammiilee oromoo wajjiin wagaa dhibbaa ol cunqurfama hangana hin jedhamne keessatti rakkataa bahan argisiisuu qabdan fafa fuularraa ufii fii saba keessanirraa dhiquu qabdan sosso’aa hanga gabroonfataa haarownii harka xiqqaa ykn guduu tigreeti fii amaararraa dhufee harqootaa haarawaan lafaan isin qotatu hin eeginaa akkasuma kooraa haarawa isinitti fe’atee isin yaabbatu hin eeginaa yaa ilmaan oromoo yeroo hawaasa oromoo kan milyoona jahaatamatti shallgamu tigreen miliyoona lama hin guunne ykn amaarri miliyoona torbarra hin jirre itti waldabree waggaa dhufaa dabraa gabroonfatu fafni kanaa olii eessa jira? kanaafuu ka’aa qabsoo keessan karaa mijjate hundaan finiinsaa gabrummaa fixiradhaa fafa ufirraa dhiqaa.
2- Qabsoon yeroo hunda bifa tokko qofaan hin godhamu karaan qabsoon godhamuun hedduu, irra gabaabaan isaa kan daddaffiin bilisummatti nama fullaasu qabsoo hawaasni hiriira nagayatti irkatee godhu, akkuma laaltanii argaa jirtan hawaasni arabaa karaa hiriira nagayaatiin bilisummaa ufii gonfachaa jiraachuu yeroma ammaa kana keessa, akkasuma qabsoon karaa hiriira nagayaatiin godhamu kun wareegni isalleen irra xiqqaa, akkasuma Aalama keessallee deeggarsa baay’ee argata, akkasuma waan hawaasni qabsoo ufii ufumaaf hogganuuf jecha bitamtoota fii goobantoota qabsoo sabaa kardii raashinaa godhatanii ittiin daldaluun yeroo hunda bilisummaa sabaa gurguranii carraa dhufaa dabraa hawaasa bira hongoon dabarasan karaa itti mura, akka abbaan fafaa goobantichi gadigalaan Lencoo lataa jedhamuu fii bitamtoonni isa jala yaatu lammaffaa deebitee saba oromooti fii oromiyaa hin gurguranne, akka bara 1991 fii 1992 gurguratanii hongoon ummata oromoo gabrummaa keessatti hambisanitti.
3- Warra abaarsi Rabbi kumaan itti bu’ee abaarsi malaa’ikaa sammurraa gadi qu’e jabaadhaa ufirra eegaa waan tigree fii amaara ufirraa eegdan caalaa, cubbuun hin shalagamne tan namoonni kun saba oromooti fii biyya oromiyarratti raawatan Rabbiin guyyuma qiyaamaa jahannamiin isaanif galata haagalchu malee wanni addunyaa tana keessatti isaanirraa kafalu hin jiru, ummnni falfalaan abaaramaan kun eenyu yoo jettan? Isaan namoota hedduudha:- amallee dhaaba hedduudha matootii isaanii dubbachuun kuun isiniif gala:- tokkoffaan Leencoo lataati hogganaa goobantootaa kan tahe hogganaa goobantootaa tahuu isaa namoota wallaalaa dubbiin hin galleef hundaaf bara 2008 kan ibse akkana jedhee:- ani takkaa bilisummaa oromotti hin amannee jedhee, lammaffaan: dallaala beekkamaa oromiyaa fii oromoo waggaa 22 ol goobantoota fii gabroonfataa jidduu fiigee gurguruu keessatti muuxannoo bal’aa horatee karoora dheeraa kaayate ifreem ishaaq kan jedhamu, akkasuma kan akka diimaa nagoo daawut ibsaa bayyan asoobaa hoggantoota ABO dame shanee guutuma akkasuma kumaa damaysaa maraaraa guddinnaati fii bulchaa dammaysaa ida’tee murni kun murna cubbuun isaan saba oromorra geessan Rabbin oltahe ufumaa murtii akka mallasitti kennee itti haa kennu malee waanni ilmi namaa itti murteessuu dandahu hin jirtu, garuu hawaasni oromoo yoo muratee Rabbii oltaheetti irkatee ka’e murna falfalaa kanaa fii gabroonfatallee haxaahee walitti haree balfaa taarikhatti ykn seenatti darbuu dandaha, kanaafuu namoota kana bakka gartan hundatti kosii harreetin darbadhaa daaralleen faana isaanii jala afuufaa abaarsallee gadi qabaa abaaraa akka deebi’anii lammaffaa oromiyaa ormoo fii islaama hin gurguranne.
4- Yaa ilmaan oromoo yaa ilmaan islaamaa eeguma Rabbiin tumsa Isaa ifa baasee isin garsiisellee deebitanii mujrima gabroonfataa kana sodaattanii? Osoo ji’a 4 qofa ufduuba deebinee xiinxallee silaa waa hedduutu nuuf gala akka fakkitti mee yaadadhaa qabxiilee tana haa yaadannuu:-
A:- guyyaa 17/4/2012 mallas zeenaaween uftuulaa boonaa dhodhommoqaa dhufee boonarraa miila tokko fuudhee kaanirraa kaahee akka korma gaalaa kan qooqni itti jirutti uftuulee barlamaana dura taa’ee islaamatti ufdhaadee kijibaa fii olola irratti oofee eegasii fixuu qabna keessattuu biyya Arsii fii baalee kana keessaa islaama duguuguu qabna jedhee uf dhaade san keessatti ammoo humna isaa tan waraanaa tan diinageeti fii sheeyxaanarratti irkate eegasii achii deeb’ee karoora waggaa shan keessatti islaama oromiyaa keessaa fixuu keessatuu kutaalee Arsii baalee Arsii dhihaati fii baharrtti akkaan xiyyeefate yeroo san gariin namaa muddamee dachiin itti dhiphattee islaamummaa keessaa bahuuf dhihaate kana hundi keennahuu niyaadanna.
B:- guyyaa 18 rraa hanga guyyaa 19 tti olmaa’iin islaamaa waltajjii guddaa magaalaa shaashamanneetti geggeesserratti murtiilee jajjabaa Rabbii oltaherratti irkatee kaayate isaanis:-
– kaafira roorro fii cubbuu nurratti oofaa jiru kana Rabbiin hatattamaan nurraa haamogolchu jedhanii Rabbii oltahe salaata hunda keessatti kadhachuu murteeffatan.
– hiriira nagayaa bahanii roorro fii cubbuu kana karaa nagayaatiin balaaleffatuu murteeffatan.
– hatattamaan booyanii du’aa’ii akkaan gadi qabanii itti fufuu eegalan masjida hunda keessatti.
C:- guyyaa 23/4/2012 dhibeen jabaan mallasiin jalqabe.
D;-guyyaa 18/5/ 2012 mallas arrabsamee xiqqeeffame ameerikaa keessatti waajjira oobamaa keessatti bakka itti guddifamuuf dhaqetti Rabbiin isa xiqqeesse.
E:- guyyaa 14/5/2012 booda mallasaan hin mul’anne hanga reeffa isaa guyyaa 21/8/2012 biyyatti deebi’etti.
Asirratti wanni akka gadi gadi qabnee xiinxaluu qabnu Rabbiin oltahee mallasaaf carraa lammaffaa hin kennineef marcumaa irra taa’ee islaamatti dhadate sanirra lammaffaa taa’uuf teessumti sun marcumaa sanirra tan irraa boodaati akkasuma barlamaana dura taa’ee uftuulaan haasawulleen santu tan irraa boodaati kun hundinuu dallansuu Rabbiin oltahe diin Isaa tuqamnaan mujrima Abbaa irree sanirratti buuserraa tahuu akkaan gadi fageessinee hubachuu qabna, eegasii diiniin islaamaa kun tika Rabbii oltahee jala jiraa rakkoon tokkolleen kan isarra gahee isa dhabamsiisuu dandahu hin jiru jechullee akkaan qalbii keenna keessatti mirkaneessu qabna.
F: Ramadaana guyyaa 7 shifarraa kan jedhamu kan mallasiin bakka bu’uuf qopheeffame kan islaamaan loluu keessatti hammaate Konkolaataan seensa magaalaa Adaamaatti dhooftee caccabsite amma ameerikaa keessa ciisaa jira.
G:- Ramadaana guyyaa 15 munaafiqticha guddaa Ahmad diin jedhamu hogganaa majlisul’a’alaa kan jamaa’atul ahbaash tahe kan cubbuu guddaa islaamarratti raawataa bahe maraatee hidhaa seenee achitti dhabame.
I:- guyyaa 22/8/2012 qeeysichi waliigala ithiyopia kan mallasuu islaamaan lolurratti kakaasu du’aan halaakamee qiletti dabre.
Kanaafuu amma mootummaan tigree dhamaasuu hangana hin jedhamne keessa jirti jaarmaya akka qabutu hin jirre malee silaa tan kararraa achi darbanii laaftumatti biyya qabtan garuu islaamni kan oromooti fii kan biralleen hirriibarra yeroo dheertuuf waan jiruuf humaa qabatuu hin dandeenne.
Walumaa galatti wanni Rabbiin tumsa islaamaatiif yeroo ammaa kana keessatti nu argisiisaa jiru kun gara seenatti uf duuba nu deebisa akka fakkeennatti bara 1875 gabroomfataan Yohannis jedhamu Tigrerraa kan tahe seera islaama Biyya Habashaa kessaatti argamu guutuu drqiin kafarsiisu tumate waggaa 3 qofa keessatti kafaruu qabdan jedheenii dirqama itti kenne yoo san booda islaamummarratti haftan guutuu keessan qalee lafarraa isin fixa jedheen gaafa san ummanni islaamaa muddamee Rabbitti booye,Rabbiin oltahe xaaguuta san osoo waggaan sadeen sun hin dhumin Magaalaa Suudaan Ummu durmaan tan jedhamtutti rarraafamaan isa ajjeese .
Bara 1969 haylasillaaseen Kongareesa Ameerikaa dura taa’ee biyya Ethiopia keessa islaamni hin jiru namoota hanga xinnaa tokko kan Diin Kiristaanarraa bahan malee jedhe ittuma aansee yeroo gabaabaa keessatti namoota san gara diin Abboota isaanii Kiristaanatti deebifna jedhee waadaa gale gaafuma san yeroo achirraa deebi’u sochiin fincila Hawaasaa itti eegale achirraa jalqabee osoo boqonnaa tokko hin argatin bara 1974 qabamee Barbaree nyaachifamee albaatiifi haqqeedhaan osoo iyyuu lubbuun isaa baate .
Akkasuma bara1991 irraa hanga bara 1993tti dhaabdi ABO kan ol tahummaan Biyya Oromiyaa keessatti jiraate akkasuma deeggarsa bal’aa hangana hin jedhamne ummata oromootirraa kan argate diinii silaamaa kana Aadaa Arabaatii biyya Oromiyarraa dhabamsiisuu qabna jedhee waadaa gale Qur’aanallee Gaazexaa Arabaati jedhee cubbuun maqaa itti moggaase yeroo san keessatti Ummanni islaamaa hedduun Bilisuummaa waan jaalatuuf isa jalatti dagamee jiraatullee Olomaa’ii islaamaatiifi barattoonni Rabbii ufitti Yaa Rabbi Nama Diinii keennaaf hin taane nurraa dhabamsiisi jedhanii booyan, san booda yeroo gabaabduu keessatti dhaaba san Rabbiin barbadeessee Daaraa bubbeen fuute godhe.
Ar’a Mallas akkuma dabretti waan Rabbiin isa godhe gartan kanaafuu kunilleen kanneen as dura dabran saniin wal fakkaata Diin islaamaa ol taha malee wanni tookkolleen isarratti hin injifatu kun jala muramee beekamuu qaba.
Yaa obboleeyyan islaamaa eega kanaa boodallee karaamaan diin islaamaa kun qabu nuuf hin galuu??? namni ar’a karaamaan diin islaamaa qabu hin galiniif hanga du’ee qabrii galutti wanni isaaf galu hin jiru kanaafuu diinii Rabbiin akkanatti kabajee karaamaa kenneef kana jalatti gurmoofnee isa oltaasisuuf tattaafannee isuma san wajjiin yoo Rabbiin olnuqabe malee karaan biraa hundi fashala tahuu 100% beekuun waan hunda keennarra eeggamu yeroo amma kana, kanaafuu haajabaannuu hamilee keenna olhaafuunuu yoo dhugumaan Rabbii oltahetti cinnee Isa kadhanne Rabbinn nuuf tumsa jechuu akkaan qalbii keenna keessatti haamirkaneessinee dagagsinuu cubbuu fii walganurraa haafagaanuu fakkii bareedaa dhala nuboodalleef haa hambifnuu yoo murannee kana godhuuf kaane fafa kufaa fii gabrummaa kana keessaa Rabbiin yeroo gabaabatti akkanubaasuu beekaa jalamuraa.
Faaruun hangana hin jedhamne Rabbii keennaaf haagayu eegsii
Nagaa fii Rahmanni Nabiyyii keenna Muhammadirratti haabu’u.
Gammachuun Rabbiin walitti nuhaadeebisu.

Kan qopheesse BY Bosona Oromiyaa@gmail.com

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: