Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

OBBOO BAQQALAA NADHII SHILLIM JEDHE MALEE HIN DUUNE

Taammanaa Bitimaa irraa

Kunoo, nu dhiisee dabruu obboo Baqqalaa Nadhii ammuman dhagaye. Gadda cimaatu natti dhagayame. Maatiin isaa, firoottan isaa, hiriyoonni isaa, aantee fi lammiin isaa, uummannii fi sabni isaa gadda jabaa isinitti dhagayame kanaaf, mee WAAQNI obsaa fi jajjabina isinii haa kennu! Ekeraan isaa qabbanaa fi gaaddisa haa argattu! Lubbuun isaa jannata haa seentu!
Yaa Oromoo yaa uummata koo, kunoo tokkum tokkoon jagnootaa fi gamnoota keenya duuti nu irraa fudhachaa jirti. Eekaa, erga jagna keenya Jaarraa Abbaa Gadaa dhabnee, kunoo waggaa tokko tahuufi. Inni isa nuti gara boodanaa dhabne jechuu kiyya malee, san dura jagnootaa fi gamnoota keenya hedduu dhabne. Inni amma dhabne kun, obboo Baqqalaa Nadhii jagnootaa fi gamnoota jaarmaa saba Oromoo fi Oromiyaa guutuu isa: “Waldaa Maccaa-Tuulamaa” jedhamuu, nuuf bu’ureessan keessatti kan argamu. Obboo Baqqalaa Nadhii akkuma obboleessi keenya obboo Tasfaayee Kennaa jedhe san: “Obboo Baqqalaa Nadhii Dhiira gaafa giitii, nama gaafa lafee turan. Dhaabbanni isaanii magaala dheeraa gaaltama qoma babal’aa, korma OROMOOn gaafa xiiqiif abdattu turan Obboo Baqqalaan.“*
Inni yeroo roorroo fi rakkoon waldaa seena-qabeessicha kana irra gaye hunda, nama waan qabuu fi waan qabatu hundaan cinaa dhaabatu ture. Bara mootummaan Habashaa kan mootii moototaa Hayila-Sillaaseen gaggeeffamu waldaa kana cufsiisee, dureewwan waldichaa akka bineensa daggalaatti adamsiisee, kaan akka gaararraatti mijjiriitti baasee rarraasisee, kaan ajjeesisee, kaan manneen hidhaatti naqsiise sana warra lubbuun jaarmaa kanaa akka gonkumaan hin cichine taasise keessaa, obboo Baqalaa Nadhii isa tokkoo fi isa duraasaa-ti. Namni uummataaf dhalatee uummataaf jiraate kun, yeroo hamtuu akkanaa waan qabu maraan: humna, horii, yeroo, malaa fi beekumsa faan kan homaayyuu of hin qusanne ture.
Obboo Baqqalaa Nadhii nama bara dukkanaa sana Mabba (Unibarsiitii) Shaggar seenuun barumsa seeratiin eebbifame ture. Inni tajaajilaa kan ture Waldaa Maccaa-Tuulamaa qofa otoo hin taane, Oromoota mootummoota Habashaa sadeeninuu: mootummaa Hayila-Sillaasee, mootummaa Dargii fi mootummaa warra Wayyaaanee-tiin rakkoon isaan mudate, karaa ogummaa seeratiin bira dhaabachuun isaaniif falmaa ture. Obboo Baqqalaa Nadhii uummata Oromoo keessaa bayee: uummata Oromoo tajaajilee, uummata Oromootiif jiraatee, uummata Oromootiif du’e. Obboo Baqqalaan kan dhalateetoo guddate magaalmataa Oromiyaa fi Afrikaa, Finfinnee Shaggar keessatti. Akka namni seenaa dureewwan keenyaa, kan Waldaa Maccaa-Tuulamaa akka gaariitti qoratee, akka gaariitti baldhinaan nuuf barreesse, obboo Olaanaa Zoogaa ibsetti obboo Baqqalaa Nadhii barumsa isaa itti-fufuun, baargama ceyee Biyya Kanaadaa-ttii digirii isaa kan lammaffaa argate.** Sana durallee Shaggarum keessatti manneen barumsaa: durayyaa (“Elementary School“) fi jidduyyaa (“Junior Secondary School“) Shimallis Habtee-tti, isa oliyyaa immoo (“Senior Secondary School“) Tafarii Mokonnini-tti barate.
Bara inni Mabba Shaggar seenee baratu sana ilmaan Oromoo kan akkuma isaa carraa barumsaa argatan qubaan lakkaawamu ture. Mootummaan Habashaa inni qawween cabsee biyya keenya harkatti galfate sun, uummataa fi saba keenya roorroo hamaa, hacuuccaa hamaa fi dukkana hamaa keessa galchuun ukkaamsee bitaa ture. Oromiyaa fi biyyoota Kibbaa keessatti manneen barumsaa kan ijaaraman warreen abbootii biyyaa: Oromoo, Afar, Soomalee, Sidaamaa, Gede’oo, Guraagee, Hadiyyaa, Kambaataa, Koonsoo, Walaayitaa, Gaamoo, Kuulloo-Kontaa, Gimiraa, Kafichoo, Moochaa, Nuweeri fi Anyuwaak, Beenshangulii fi Gumus faaf otoo hin taane, ilmaan nafxanyootatiif ture. Bara obboo Baqqalaa Nadhii faa baratan sana dhiisitii bara nuti manneen barumsaa galluuyyuu Oromoonni barumsi unibarsiitii haa hafuutii kan oliyyaatuu lakkoofsi isaanii baay’ee, baay’ee xiqqaa dha. Manneen barumsaatti barsiisotaa fi barsiiftoota Oromoo arguun kan nama maalalu (dinqu) ture.
Ani mataan kiyya gaafan kutaa tokkoffaa seene galgala mana barumsaatii oggaan deebiyu, warri kiyya maqaalee barsiisota kiyya na gaafatani. “Shawaan Gizaaw Kabbadaa, Laggasaa Tafarraa, — faa” jechuun dhuma irratti “Xilaahuun Guutamaa” ennaan jedhu, gammachuun mirqaananii “inni mee Oromoo keenyaa!” jedhani. “Ee Oromoo dha, anuu wajjin dubbaddheen jira. Ispoortii nu barsiisa; magaala dheeraa akka fitaarii Daammasaa Gameessaa-tin” jedheeni. Wasiillan kiyya keessaa inni tokko:“akkamitti isa dabarsanii as gaye? Inni Oromoo keenya nama Wallaggaa ta’a!“, jedhe. Bara sana warri Habashaa Amaaraa Oromoon barsiisaa, abbaa murtii, bulchaa biyyaa faa akka hin taaneef, nafxanyoonni isa hin dabarsan jechaa dha. Hubaddhaa, manni barumsaa innin ani barumsa darayyaa-tiif seene sun, magaalaa yookaan ganda moggaa impaayerittii irratti argamu wayii hin turre. Handhuura Oromiyaa fi handhuura Jahan Bachoo irratti kan argamu magaalaa Tullu Boolloo, isa Finfinnee Shaggar irraa kiilomeetira 80 callaa fagaatee jiru sana.
Kunuu Oromiyaa Waltajjii, Iluu Abbaabbooraa fi Wallaggatti malee, ijoolleen Oromoo ishiin; Barentuu (Harargee), Arsii, Baale, Gujii fi Booranaa faa carraadhuma nuti arganne saniiyyuu hin arganne. Naannolee Oromiyaa himaman kanneen keessa nafxanyootaa fi malkanyoota isaan hamoo, kanneen sa’aa-nama nyaatantu ture. Ani mana barumsaa isa oliyyaa ergan xumure, biyya kiyya ilaaluufan olii-gadi deddeemaa ture. Dursee dachee qeerransoota Oromoo Arsii gaafan dhaqe, Gaara Cilaaloo koreen biyya abbaa kootii hamma ijji tiyya agartutti ilaaluu fedhe. Mana barumsaa magaalaa Asallaa keessa jiru, kan maqaa Raas Daargee harma muraa fi harka muraa sanaatiin waamamu dhaqeen, ijoollee Oromoo sadii yookaan shan kan na waliin deemtee karaa natti agarsiisuun Cilaalootti olbaatu barbaade. Ijoolleen argaddhe shanan kan mana barumsaa sana keessatti barumsa oliyyaa barachaa jiran keessaa, namni tokkollee kan Oromoo keenya isa Arsii tahe hin turre. Ijoolleen sadii kan warri isaanii naannoo Oromiyaa Waltajjii irraa, lamammoo Wallagga irraa achi dhufan turani.
Yaa Oromoo argitanii? Bara akkanaa kana keessa Mabba Shaggarii fi Biyya Faranjii dhaquun kan barate, beekaan keenya obboo Baqqalaa Nadhii! Barattoota oliyyaa taanee oggaa Shaggar jiruuyyu, nu keessaa namni tokko kan gaazexaa: “Addis Zaman“, “Yazaareyituu Itoopphiyaa” faa keessatti nama maqaan isaa maqaa Oromoo tahe yoo arge, fiigaa dhufee nutti agarsiisa. Nutis nama sana marsineetoo akka waan raajii wayiitti: “kun Oromoo keenya isa barate, anaa nyaatu!” faa jenna. Kunoo, hardha warri barate dhaloota obboo Baqqalaa Nadhii fi obboo Guutaa Sirneessaa faa qofa otoo hin taane, dhaloota keenya bira kunneeyyuu Dhaloota Qubee impaayerittii raasaa jiru kanaa dhaqqabnee jirra
Obboo Baqqalaa Nadhii nama aadaa Oromoo fi Afaan Oromoo akka lubbuu ofiitti jaalatu ture. Dheebuun inni aadaa Oromoo boonsisaa kanaaf qabu, dubbii obboleessi keenya obboo Lubee Birruu kan sirriitti isa beeku addeesseen ifa taha: “According to Oromo elder Lube Birru, Bekele treasured Oromo culture so much so that each time he left the city he would join wedding parties uninvited to learn about traditional Oromo wedding ceremonies.“*** Ani obboo Baqqalaa Nadhii gurbummaa kiyya irraa kaaseen beeka. Kanan isa bares bara Waldaan Maccaa-Tuulaaa dachee Oromoota Kurnan Gullallee, qeyee jagnicha durii, qeyee Tufaa Munaatti walgawu sani. Anaa kutaa 10-ffaa keessa barachaa jiruu, waldaan kun mana barumsaa isan keessa jirutti karaa lafa jalaatiin akka ijaaramnu godhe. Kan lafa jala deemee akka lafa jalaan ijaaramnu nu taasise, hiriyaa obboo Baqqalaa Nadhii, barsiisaa keenya Oromticha dhugumatti barsiisaa seenaa tahe, isattis biyyeen haa salphattuu Guutaa Sirneessaa ture.
Guutaa Sirneessaa nama naannoo Torban Kuttaayee (Amboo), kan Xuqur Incinnii irraa dhufe yoo tahu, barumsa seenaa kan barate Mabba Shaggaritti. Boodallee innis akkuma obboo Baqqalaa Nadhii digirii isaa kan lammaffaa ardii Ameerikaa Kaabaa, Biyya USAa-tti argate. Isa, obboo Baqqalaa Nadhii fi hiriyoota isaanii kanneen biroo wajjini, kan manneen barumsaa oliyyaa (sadarkaa lammaffaa) kanneen oggas Shaggar keessatti argaman, 14 fi kolleejota cufa keessatti karaa lafa jalaatiin barattoota Oromoo ijaarani. Obboo Baqqalaa Nadhii kana irrattis shoora (qooda) guddaa tahe qaba. Gaafa dhoksaan walgeenyee akka koree hojii gaggeessituu filannu obboo Guutaa Sirneessaa nutti himee, nu gorsetti dhoksaan mana barumsaa keenya keessatti walgawuun koree hojii gaggeessituu nama sadii filanne. Manni barumsaa sun Oromoota kutaalee impaayerittii kanneen addaddaa irraa dhufanis ni qaba ture. Nama Baale irraa dhufe akka abbaa marcumaatti, nama Horroo-Guduruu irraa dhufe immoo akka barreessaatti filanne. Anammoo akka abbaa horiitti na filani. Namoonni lamaan kun waan ammallee Oromiyaa keessa jiraniif beekatuma maqaaleen isaanii hin kennamne.
Akkuma seenaa jagnicha keenyaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu irraa hubatamutti Waldaan Maccaa-Tuulamaa uummata ABC (aa-baa-caa) Afaan Amaaratiin barsiisa ture. Afaan Oromootiin barsiisuun sonaan dhoowwamaa, kan nama hiisisuu fi kan nama ajjeechisu waan tureef, afaanuma jaraatiin barsiifamaayyu. Barumsa galgala-galgala kennamu waajjira waldichaa, kan Gullallee jiru keessatti akka nuti dhaqnee barsiifnuuf nu keessaa nama filani. Ani galgala galgala torbanitti gaafa lama: Lammaffoo fi Kamisan dhaqee barsiisayyu. Waldaan kun horii otobusii ittiin-yaabbannu kan dhaqaa-galaa tamunii takka nuuf kenna ture. Maal godhuree otoo baay’ee hin turin, waldaan sun akka waa tokkollee hin hojjanne seeraan, ee seera Habashaatiin dhoorkame.
Obboo Baqqalaa Nadhii faa, obboo Hayila-Maaram Gammadaa faa, obboo Dhinsaa Leepphisaa faa abbootii seeraa fi ogeeyyii seeraa beekamoo tahanillee seerri Habashaa seera abbootii irree fi abbootii qorkee waan taheef, waldaa kana seeraan dhoowwamuu jalaa oolchuu hin dandeenye. Ammallee sirriittan yaadaddhaa koodeen obboo Baqqalaa Nadhii, obboo Guutaa Sirneessaa gaafa waldaan kun dhoowwamee cufamu, mana barumsaa keenya keessa warra jirru walitti nu qabee: “seeraan dhoowwamnee jirraa, hardhaa kaaftanii walgayii keessan hin waaminaa! Isintu ija keenyaa, isintu ija Oromootii nu jalaayyi isin kichuuwwan kana galaafatuu, yeroof waayee waldaa kana dhiisaa! Garuu, waldaa kana nu jalaa dhoowwan malee, Oromummaa keenya nu dhoowwuu matumaa hin danda’anii, isinis waayee Oromoo adaraa hin dhiisinaa!”, nuun jedhe. Innis waayee Oromoo hin dhiifnee, bara Dargii bulchaa magaalaa Shaggar tahuuf, otoo dorgommii filmaataa irra jiruu Dargiin nu jaala isa nyaate.
Otoo Waldaan Maccaa-Tuulamaa hin dhoowwamin obboo Baqqalaa Nadhii fi obboo Guutaa Sirneessaa faa nuti ijoolleen Oromoo kanneen mana barumsaa oliyyaa Shaggar keessaa 14-nii, kolleejotaa fi Mabba Shaggar keessa jiranii karaa lafa jalaatiin akka walgeenyu godhani. Caakkaa baargamoo (“baarzaafii“) Gullallee, Gooroo Sulultaa jalatti dhoksaan yaanee, dhoksaan walgeenye. Akkuman bara 1999 keessa “Raadiyoo Waldaa Oromoota Waashingitan Diisii” irratti gaggaafatamnaan ibse sana: gaafa walgeenye sana hirqiffaneeti walitti boonye. Eekaa, bara dukkana hamaa san nuti Oromoonni wal hin beeknu turre.
Warri Habashaa Oromoo akka uummata xiqqaa wayiitti dhiyeessuun nu barsiisuyyu. “Arusii“, “Qottuu“, “Gunjii” faa jechuun waan nutti himaniif hedduun keenya Oromoon: “Gaallaa Shawaa“, “Gaallaa Wallaggaa“, ”Gaallaa Jimmaa” fi “Gaallaa Ilubbaaboor” qofa seena turre. “Yaa Taammanaa nu mee akka keeysan Gaallaa sanillee nu dhoorkataniiti Qottuu nuun jedhanii“, naan jedhe sabboontichi Oromoo, Bakar Yuusuuf yommuu baqataa taanee Biyya Sudaan, Kaartum jirruuyyu.
Maarree, nuti kutaalee ennas Toopphiyaan nan qaba jettu 14-n keessaa kan: Tigraay, Gondor (Beegamdir), Ertiraa fi Goojjam malee, hundumaa irraayyi kan dhufnee achitti walgeenyeyyu. Addaan nu qoqqoodanii, addaan nu babbaasanii, addaan nu faffacaasanii wal nu wallaalchisanii waan turaniif, gaafas Oromiyaa guutuu irraa walitti yaanee, fuula walii arguutu nu gammachiisee nu boochise. Eeyyen imimmaan waljaalaa, imimman waldharraa, imimmaan Oromummaatu walitti nu boochiseeyyu. “Taammee ka’iitii dubbaddhu malee!“, naan jedhe T. W. kan mana barumsaa keenya sanitti piresidaantii barattootaa tayee, filamuun walaloo Afaan Amaaraa, kan Hayila-Sillaasee fi mootummaa isaa, abbootii lafaa nafxanyyoota: dhiiga, imimmaanii fi dafqa uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa xuuxxachaa jiran sana ifumatti kan balaaleffatu; nuuf dubbisuun kan nu boochisuuyyu. Walaloota isaa keessaa kan: “Haadha Tiyyaafan Booya – Lannaatee Aalaqsaallahu” jadhu, “Oromiyaa” yookaan “Biyyoromoo” maqaa hin dhoofne malee, akkuma jirutti waayee ishii akka daawwitiitti nama fuuldura qabee kan nama doowwachiisu ture! Ee, Oromtichi sun nuuf Waalillinyi Mokonninii fi obboo Ibsaa Guutamaa ture. Nuti isa Amaara seenayyu; Oromticha kutataa kutaa kutataa, godina Arsii irraa dhufe sana. Ilaamee, kanneen mara lafa jalaan walitti fiduun kan walbarsiisanii karaa Oromummaa isa irraa hin maqamne (hin goramne) nu qabachiisan obboo Baqqalaa Nadhii fayi!
Kan kana hundumaa nu dhaqqabsiise jagnootaa fi gamnoota amma biyyeen nu jalaa nyaatte, obboo Baqalaa Nadhii fi hiriyoota isaa turani. Hundee Oromummaa isaan nuu buusantu cimee, booda keessa akka ABO nuuf ijaaramu taasise. Dammaqiinsa sabaa isaan nu habbuuqqachiisan sanatu karaabilisummaa fi walabummaa Oromiyaa qabannee, garuma fuulduraatti akka harka walqabannee tarkaanfannu nu taasise. Bu’urri tokkummaa Oromoo isaan nuuf buusan kun ammas waltanee alaa-manaa oljechuun, akka harqoota gabrummaa Habashaa ofirraa darbannee Republika Gadaa Oromiyaaijaarrannu nu godha!
Kunoo, ammaan tana Oromummaan daran cimee, Dhaloota Qubee diina ollachiisoo kana nuuf horee jira. Kanaaf, obboo Baqalaa Nadhii akkuma jagnootaa fi gamnoota Oromoo isaan kaanii akka: Taaddoo Birruu, Hayila-Maaram Gammadaa, Alamuu Qixxeessaa, Maammoo Mazammir, Zawugaa Booji’aa, Dhinsaa Leepphisaa, Guutaa Sirneessaa, Mokonnin Wasanuu, Kabbadaa Buzunash, Baqqalaa Bantii, Agarii Tulluu, Sisaay Ibsaa, Guddinaa Tumsaa, Baaroo Tumsaa, Abboomaa Mitikkuu, Elemoo Qilxuu, Jaarraa Abbaa Gadaa, Muldhis Abbaa Gadaa, Waaqoo Guutuu, Adam Saaddoo, Adam Jiloo, Roobalee Turee, Ahimad Bunaa, Muhee Abdoo, Magarsaa Barii, Jaatanii Alii, Nadhii Gammadaa, Guutamaa Awaas, Ibsituu Margaa fi Saartuu Yuusuuf faa meeqaa meeqa tarreessinee dandeenyaa mitii, shillim jedhan malee hin duunee, barumbaraan maqaan isaanii kaafamaa jiraata!
___________________ Hubachiisa Miiljalee ___________________
* Obboo Tasfaayee Kennaa gaafa 13. 02. 14, mandhee ONA keessatti waayee boqata obboo Baqqalaa Nadhii
miseensotaaf laallee dabarse keessatti kan akkana jedhee ture.
** Barroo Seenaa Waldaa Maccaa-Tuulamaa fi dureewwan isaa qorannoo tujuba-qabeessa tayeen sirriitti
nuu ibsu, kan akka lakkoofsa warra Gi’iiziitti bara 1985 keessa Shagarumatti Afaan Amaaratiin
maxxanfamee baye, kan fuuleewwan 465 qabu, mee dubbisaa! Tarii yoona Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitti
hiikame taha.
*** Obboo Mohaammad Adeemoo: “Bekele Nadhi, a pioneer Oromo leader and activist, dies at 80“, OPride, kan gaafa
13. 02. 14
============== // ==============

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: