Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

 

Posted: Bitootessa/March 2, 2014 · 

SEENAA Y.G(2005)      kutaa 2ffaa

Maraammartoon siyaasaa akaaku hedduu qabaachuu mala. kan irratti walii galuun danda’amu, shira diinni Maraammartoo keessa nu galchee kasaaraa siyaasaa keenya ol kaasuuf itti fayyadamu ta’uu fi dhiisuu adda baafachuu irratti dha. Maraammartoon kun wayyaaneen qofaa odoo hin taanee, humnoota alaa fi Biyyoota ollaan kan gaggeeffaman ni jiru. Ajandaa namaa uumanii nama tilmaaman. Qalbii namaa gara barbaadanitti naanneeffatan. Hammeenya ofii hojjatan ittiin dagachiisu barbaadan. Badii ofii ittiin dhokfatan. Humna saba tokko ittiin ilaalan . waa hedduu itti fayyadaman. Inni hangafaa garuu, mata duree isaan umamniin alatti Ummati tokko ykn gareen tokko yk namni tokko Ajandaa mataa isaa akka hin qabaanne taasisuudha. tarkaanfii ykn mormii kamiyyuu gaggeessuun dura kana adda baafachuun faayidaa guddaa qaba.

Akka walii galaatti, wayyaaneen Maraammartoon siyaasaa Ummatootaaf keesse, Sirna Fedaraalizimii kijibaati. Maraammartoo kanaan har’allee of wallaalee kan wayyaaneef ragaa ba’ee, Ummata isaa miidhaa jiru hedduu. Sooressa akka ta’an yk maqaa kubbaaniyaa fi dhaabbilee gara garaan Ilmaan Oromoo Biyya keessaa bakka meeqa dhaabdee, sheerii seeneef wayyaanee jiraachisu filmaata isaa ykn mormii itti kaasuu irraa kan of qusatee taa’ee jiru manni haa lakaa’u. kun Maraammartoo siyaasaa keessaati. Biyyoonni madda Dimokiraasii ofiin jedhanii addunyaa tu’atan hundumtu shira kanatti itti fayyadaman. Walii gala maraammartoo siyaasaa uumuun shiraa fi toftaa Abbootii irree umurii dheeraffannaaf gaggeessaniidha.

Maraammartoo siyaasaa keessa bifa adda addaatu jira jennee jirra. Maraammartoo siyaasaa, yeroo dheeraa fi gabaabaa jedhee dinni namaa kaa’uutu jira. Kan yeroo gabaabaa jedhamu, siyaasa yeroo kan isaa tursiifachuuf kan gaggeeffamu yennaa ta’u, inni lammaffaa, Maraammartoo siyaasaa dhalootaan nama keessatti hojjatee Ummata tokko akka walii galaatti naaffisuudha. Naaffisuu irra dabree waaqaa gaditti isaaniin eeggachaa jiraachiisuudha.

  1. Maraammartoo siyaasaa yeroo gabaabaa :-
    Maraammartoon kun Ummata tokko siyaasa ofiin xaxanii tursuuf waan inni barbaadu tokko uumaniifii achi keessa odoo gangalatuu yk dhimma waan Sanaa odoo bara baraan dubbatuu fi haasa’uu , dhimma ofii raawwachuudha.
  2. Inni lammaffaan, dhaloota akkaataa itti of dhabsiisan, yk ummata tokko gama diinagdee yk gama hundaan boruu akka hin kaaneef, waan eenyummaa isaa ittiin dagatuu fi achi galagalee of hin gaafanneef , Maraammartoo siyaasaa keessa seensisu.

Maraammartoo siyaasaa keessatti wanni har’a jedhamee raawwatamu hin jiru. humni haala kanagaggeessu qorannoon kan deeggaramuudha. Diinni keenya wayyaaneen, waa tokko raawwachuun dura, dantaa ishee yeroo gabaabaa fi dheeraa jettee gamaaggamteeti malee, calliftee waa tokko hojii irra hin oolchitu. Waan Oromoo irrattii gaggeessan hundumaa sagantaa fi toftaa adda addaan gargaaramanii nu irratti hojjatan. Waggaa tokko booda waan nu irratti raawwatuu barbaadaniif, har’a bitamtoota bifa adda addaa nu keessaa kaadhimatan karaa barbaadan irra leenjisan. Har’a inumaa ijoollee akka keenya dubbattuu fi aadaa, qooqa, seenaa , gadaa nu caalaa lallaban qopheeffatanii jiran. Jarri kun maraammartoo siyaasaa warren nu irratti taphataniidha. Fakkeenyaaf, Maraammartoo siyaasaa akkasiin kan burkutaayee tokko , Qinijiti.

Maraammartoon siyaasaa akkasiis jira. Dhaabbilee siyaasaa adda addaa akka baayyatan taasifama. Isa keessaan namoota Afaan Oromoo beekan galfatan. Isa booda dhaabbileen siyaasaa kun akka wal dura dhaabbatan taasisan. Akka waliif hin galleef, Maraammartoo siyaasaa Ilaalcha sirnoota dabraniin warra mo’aman taasisan. Kunis GADAA jedhee kan lallabu garuu, adeemsa gadaa hojiin kan hin argisifne baayyisan. Humna barbaadan keessatti seer-dhablummaan akka babal’atu taasisan. Walumaa galatti aadaa miniilikii fi Tewudiroos faa’aa nu keessa kaa’aniin akka masakamnu nu taasisan.kana jechuunammo, akka of dhabnuu fi Angoof wal galaafannu nu dhaaban jechuu.

Kana malees, maqaa siyaasaanis haa ta’uu kan biroon, gurmaa’aa , ijaaramaa jedhan. Gurmuu kana keessaan ofittummaa dagaagsan. Kaayyoof dhiifnee ofittummaaf akka fiignuuf aadaa isaanii nu keessaan dubbatu nu fudhachiisan. Haala kanaan nu joonjeessaa jiraatan. Maraammartoon siyaasaa wayyaanee inni hangafaa nu irratti hojjataa jirtu, waan jirru akka nutti fakkaatu taasisuudha. Gadaan , seenaan, aadaan kkf kan haasa’aman malee, kan hojiidhaan hin argamne taasisuudha. “Isa Biyya keessa jiruun, gaaffii nuuti gaafannuuf deebiin, sirba jaalalaa sirbuu qofaadha. Isa Biyya alaa jiruuf ammo, nu mormaa jiraadhaa garuu qawwee hin kaasiinaa” jedhu. Kana jechuun, akka walii galaatti jecha tokkon kaa’uu dandeenya. “MINIILIKIIN YKN TEWUDIROOSIIN MORMAA, garuu SIIDAA ISAANII KUNUUNSAAN” tokko.

Boruu Mormii amma Biyya keessatti ilmaan Oromoo kaasaa jiran caalaa waan saboota biroon walitti nu buusan nu kaa’uu danda’an. Kana jechuun diinni kaleessa nu miidheef keessa keenyatti gubannaa hin qabnuu jechuu miti. Waan nuuti odoo itti hin qophaa’iin, waan goonuu fi dhiifnu adda hin baafatiin, keessa keenya hin cimsatiin, irratti hin hojjatiin gaggeessinu, tarii bifa adda addaan nu miidhuu danda’a. waan yeroof tarkaanfiin ykn mormii ummataa irratti gaggeessanii of irraa dhaaban ni jiru. waan akka miniiliik kan ilaallatu fi qabxiilee kanneen biroo ilaallatan qophii isaan barbaachisa. Hundeetii buqqisuu malee bara baraan dhagaa itti darbachaa jiraachuun furmaata hinta’u. kun add baafannee irratti hojjachuu qabna.

Maraammartoon siyaasaa kan biroo mee haa ilaallu. Bara meeqaaf TOKKUMMAA UMMATA KEENYAAhawwaa jiraanne ? tokkummaan garuu hawwiin hin dhufu. Tokkummaan waan tokkummaa jedhaniif ofii guutanii argamuun dhufa. Tokkummaa keenya kan har’a duubatti harkisaa jiru, diina qofaa miti. Nuutis qooda mataa keenyaa akka gaaritti keessaa qabna. Tokkummaa keenya kan diige, GANDUMMAA FI AMANTII akka namaatti dhiheessuu yaalla. Gandummaa sanaaf garuu sababaan nu mataa keenyadha. tokkummaa keenyaaf gufuun Gandummaa fi Amantiin gumaacha yoo taasisan malee, bu’ura ta’uu hin danda’an. Kana dhugeessuuf, yaada TOKKUMMAA jedhu kanaaf dhalli Oromoo hundi hiikkaa maalii akka kennu beekuun barbaachisaadha. tokkummaa kana akka salphaatti ilaallee ykn madda isaa beeku dhabuu irraa Maraammartoo keessa jiraanneerra.

Tokkummaan sadarkaa Ummataatti odoo ol hin guddatiin, jalqaba abbaa tokkummaa gaafatu keessatti ulaagaan tokkummaa guutamuu qaba. Gandummaa fi Amantiin wal qooduu kan nama yaachisiisuu maalii ? jedhanii deebii odoo hin argatiiniif, tokkummaa sirbaa fi harka wal qabatanii weellisuu qofaan waan mirkanaa’uu miti. Kun arrabsoo miti. Tokkummaa keenyaaf , sirbi odoo ani hin dhalatiin sirbamee, har’a illee dhalooti jiru dhaggeeffatee irra deebi’ee ija imimmaanii cobsaa sirbaa jira. Maaliif ?????maaf furmaata dhabe ?bara sana tokkummaa dhabuun waan nu miidhee irraa barannee, kan har’aa maaf qajeelchuu dadhabne ? deebiin isaa gabaabaa fi ifadha. Waan dura hojjatamuu qabutu hanqate. Kun dhala Oromoo sadarkaa dhuunfaa kaasee ilaallatuudha. Waan hundeetii buqqisuun nu irra jiru dhiifnee , damee isaa qofaa ciruun ni dhaabbata kan jenne hundi, har’allee nu miidhaa jira. Nama aarii irra hin dabarre nu taasiseera.

Beektoonni keenya waggaa amma kanaaf rakkoo keenya kanaaf furmaata argachuu ykn furmaata ta’uu dhabuu isaanitti dhalooti har’aa gadduu nan dhaga’a. yaadaa fi fedhii kiyya odoo itti hin daballee, waan Maanguddoon warra Tuulamaa, Bokko Cittuun gaafa deebitee ayyaaneffatamuu eegale kan naan jedhani (waggaa 18n har’aa) fi Maanguddoon Walloo(kamisee) waggaa 20 dura isaanis abbootii isaanii irraa hubatan  haa kaasu. Yaada isaa walii galaan dhiheessa.kana dura waan hubachuun nu irra jiru, Tokkummaa siyaasaa, tokkummaa ummataa , tokkummaa ilaalchaa , tokkummaa waa hedduu akka jiru hubachuu qofaa odoo hin taane, tokkummaa isa kami akka barbaannu adda baafachuu dhabuu fi adda baafannee irratti hojjachuun murteessaa ta’uudha. Kana waliin qabatamaan TOKKUMMAA isa kamtu bara keessa jirru waliin mirkanaa’uu danda’a ? tokkummaa nuuti barbaannu dizaayiniin isaa isa akkamiiti ? tokkummaa Ilaalchaa siyaasaa ilamaan Oromoo, hiddi dhaloota keenyaa tokko ta’uu isaa, isa kam ? kam irratti hojjanna ? haala amma keessa jirruun , tokkummaan kun dhufe malee jennee harka marannee teenya moo, kan yaadaan walii gale muratee diina dura dhaabbatee , wareegama baasee injifannoo argamsiisee waan barbaannu gara feenutti qajeelchuutu nu gabaabbata ? isa jedhullee ilaalun baroodha. Gama kanaan ka’umsi keenya kana irratti hundaa’ee ? kun gaaffii birooti. haasaa Maanguddootaatti haa deebi’u….

Bara sana maanguddoota  waliin kan mari’adhee fi miidiyaa irratti dabarsuu dhorkamnee, tokkummaa Ummata Oromoo deebisuuf , jiruu fi jireenyi umama OROMOO dursa deebi’uu qabaa , Tokkummaan dhugaa Bilisummaa booda kan dhufuudha. Amma kan yaadaan walii gale muratee diina Oromoo ukkaamsaa jiru irratti bobba’uu qabaa. Wareegamaan waltajii ummannu irratti , dhimma tokkummaa kaasee dandeenya. dhalli Oromoo bakka maraa jiru kanatti amanee irratti hojjachuu qabaa kan jedhuu fi haasaan hafe sirnichaaf yaaddoo ta’uu irraati.kan nama gaddisiisu, gaaffii fi deebii kana akka hin dabarre kan dhorkan, Ilmaanuma Oromoo wayyaaneef yaadda’aniitii. Biyya keessa wayitan jiru kanan taajjabee fi Biyya alaa ba’ee kanan argees, Maanguddoonni kan dubbatan dhugeessu . Akkas jedhan…

“ Tokkummaa ummachuun waan salphaa miti. waan waggoota gabrummaa keessa nu irratti fe’aman of irraa buusuuti. Ykn bara Bilisummaa keessa waan tokkummaa keenyaaf hundee ta’ee nu keessaa haqanii, bara gabrummaa keessa waan nu keessa naqan of keessaa baasuu ulfaataa jedhan. Gandummaa fi Amantiin, madda rakkoo tokkummaa keenyaa miti. Maddi rakkoo tokkummaa keenyaa hunda keenya keessa jira. Innis Oromoo ofiin jechuu malee Oromoo ta’anii argamuu dhabuudha. Oromoo jechuun ulaagaa mataa ishee qabdi. Oromoo ta’uun dhiiga irra ni dabra. Dhiigaan Oromoo ta’ee qaamnii fi qalbiin isaa kan halagaan yoo ijaarame, akkamiin Oromummaan dhaabbatee tokkummaf hojjata. Aadaan keessa jiru waliin jiraachuu hin hayyamu. Maddi rakkoo tokkummaa keenyaa of dhabuu keenyadha. Maddi rakkoo tokkummaa keenyaa , sirna gadaa Faarfachaa ykn sadarkaa barnootaa keenyaa ittiin guddifachaa, waan gadaa keessa jiruun jiraachuu dhabuu ykn hojiin argisiisu dhabuudha. Sirna gadaan bulaa turre jechaa, Angoof jedhanii imaanaa Ummataa dagatuudha. Ummata tokko dhiisii nama lama giddutti tokkummaan jiraachuuf , aadaan keessa isaanii jiru murteessaadha. Aadaa akka hantuutaa fi adurree isaan taasisuun jiraatu taanaan akkamiin tokko ta’u ?

Maddi rakkoo tokkummaa Ummata Oromoo , umama keenyatti deebi’uu dadhabuudha. Maddi rakkoo tokkummaa keenyaa  aadaa diinaa dhaaluu keenyadha. Maddi tokkummaa ummata keenyaa, Oromummaa isa dhugaan jiraachuu dhabuudha. Maddi rakkoo tokkummaa keenyaa, OFITTUMMAAdiinni bara miniiliik nu cabsee kaasee nu keessa kaa’ameedha. Gandummaa fi Amantiin yaadutti kan nama geessu, Ofittummaadha. Ofittummaan aadaa keenya keessa hin jiru. kana dura of keessaa dhabasiisuutu karaadha.

Akka waliigalaatti, tokkummaa keenyaaf dhibdeen, diinni dantaa isaaf ykn jooraa akka jiraannuf aadaa keenya nu harkaa gate deeffachuu ykn akka dhuunfaattu ittiin buluu dadhabuu keenyadha.kana irra dabree , aadaa isaanii dhaallee Ummata Sirna gadaa fakkeenya addunyaa jennee ittiin dhaadannu waltajjiif qofaa itti fayyadamuu keenyadha.

Furmaati Tokkummaa keenyaa, hundee keenyatti deebi’uudha. Akka habashaa yaadaa fi of tuulaa, ilkaaniin walitti kolfuun keessa keenyatti mana ijaarratee odoo jiruu, gonkumaa tokkummaan hin yaadamu . tokkummaa nuuti barbaannu, odoo qotee bulaa ykn Ummata keenya baadiyyaa keessaatti deebisuuf yaallee , yeroo nu jalaa hin fudhatu. Eenyummaa isaanitti dhihoo jiran. Rakkoon magaalaa kan of jalaa bade keessa jiraatutu madda kanaati. Qaroominni Faranjootaa irra jireessi ofittummaattii nama oofa. Jireenyi isaanis ofittummaatti nama geessa. Kana irra kan dabre, eenyummaa ofiin kan boonnu odoo hin taanee, waraqaa isaan nu laataniin akka of tuullee gubbaa sanatti akka of rarraafnu nu taasisu.

Jireenya hawaasummaa keessatti jireenya gamtummaa kan hin beekne, akkamiin tokkummaa fiduu danda’a ? umamni isaa kan harkaa bade waan halagaan keessa kaa’een joonja’u akkamiin tokkummaa dhugoomsuu danda’a? kanaaf kana hanga har’aa faarfatame milkaa’uu dide. Kana deebisuuf hundee isaatii irratti hojjachuu ykn itti amananii ofiin eegaluu barbaada.madda rakkoo qoratanii wanni hundeetii dhabamsiisuu qaban, tokko isa kana. Irra irra isaa suphinee furmaata hin finnu. Diinni guyyuu maraammartoo hedduu nu qopheessa. Kana waliin wajaguun furmaata hin ta’u. furmaata kan ta’u, waan diinni nu keessa gadi dhaabe, sadarkaa dhuunfaa eegalee of keessaa buqqisuu eegaluudhaa.” Jedhan. Hangam akka isiiniif liqifamu hin beeku. jacha isaanii kana mee fakkenyya Biyyoota har’a qabsoo keessa jiraniin haa mirkaneessu.

==Masrii / Gibtsi, maaliif qabsoon isaanii karaa yaadan deemuu didee, kasaaraatti isaan oofaa jira ? kan irra keessa mul’ataa jiru, dubbii Amantii fi waan biraa fakkaachuu danda’a, garuu walii galtee maaltu isaan dhawwee ? Biyya addunyaa irraa seenaa guddaa qabduu fi waamamtu, maaf yaadaan walii galu illee dadhaban ? yeroo waggaa 2 dura sochii eegalan, tokkummaa qabaachaa turan booda irra maa dhaban ? namoonni qoratan akka jedhanitti, Ummati Gibtsi yaadi isaa seenaa isaan wal haa qabatu malee, seenaan isaa hojiin mul’ataa waan hin jirreef, bakka hedduu isaan dhaabee wal falmiin dhiiga dhangalaasisaa jiraa jedhu.

Warrii dhihaa fi dantaa isaaniif warri isaan barbaadan, hangam bifa gara garaan isaan seenanii eenyummaa isaanii ittiin boonan jalaa dhabamsiisan ? hammaayyoomuu fakkeessanii qalbii isaanii hirkattoota isaanii taasisanii har’a akka wal galaafatan taasisan ? kan jedhan heedduudha. Kanaaf akka aadaa isaanitti wal dhaggeeffachuun dhibee seenaa gaddisiisaa wal irratti raawwatu kan jedhan jiru. addatti qaroomiina mataa isaa keessa ofittummaan waan jiruuf beektoonni isaanis kanaan taakaalamanii wal afarfachaa jiru. Nuuti Gibtsoota seenaa qabnu ofiin jedhu malee, warra seenaa sanaan bulan miti . kanaaf ijoolleen abbaa tokko wal fixu. Maraammartoon siyaasaa waggoota dheeraaf isaan odoo hin qalbifatiin irratti hojjatamaa ture, har’a seenaa gaddisiisaa kanaaf isaan afeeru isaanuu dubbachuu eegalaniiru.

==somaaliyaa biyya addunyaa irraa Ummata qooqa tokko dubbatuu fi Amantii tokko qabu jedhamanii faarfamu. Kun garuu har’a hin jiru. inumaa kan nama gaddisiisu, humnoonni Addunyaa keenyaa jedhaman gama tokkon Ummata kana faarsaa, gama biraan Ummata addunyaa keenya irraa adda ta’an kana sirna fedaraalizimiin akka bulan taasisuu isaaniiti. Lammiileen somaaliyaa kunis kana fudhachuun isaanii maaliif akka isaan gargaaru hin beeku. akka fakkeenyaatti , Oromoo , Oromiyaa keessatti sirna Fedaraalizimiin Bulchuu jechuudha. Akkam nama sodaachisaa ? waan maraafuu lammiileen somaaliyaa rakkoo keessa jiran kanaaf sababaan maalii ? sadrkaa tokkoffaatti humnoota alaati. Humnoota alaatu maraammartoo siyaasaa ittin kufanii fi dantaa isaanii itti kabachiifatan umaniif. Bor ammo itti seenanii waan har’a hin jirreen adda qoodanii, akka kooriyaa kibbaa fi kaabaa godhan.

Lammiileen Somaaliyaa yaada addunyaan ittin isaan faarsuun haa boonan malee, ittiin jiraachaa hin jiran. Warri har’a Biyya bulchaa jiran irra jireessi isaanii , Aadaa warra dhihaan warra masakameedha. Beekumsi isaanii furmaata isaanii akka hin taanees, waan irratti wal ta’aa jiraniin madaalaman. Waan maraafuu hundee isaanii gadhiisanii jiran. Maraammartoo qophaa’eefiin xaxamanii jiran. Nuuti Ummata Amantii tokko fi qooqa tokko dubbatuudha jedhanii waltajjii irratti haa dubbatan malee, aadaan keessa isaanii keessaa isaan sochoosu kan kaleessaa miti. Kan boora’eedha. Abagaazootaan akka sana wal fixuun isaanis, waan ittiin of waaman kanaan jiraachuu dhabuu irraa madda. Kanaaf saba adda addaatti wal bulchuuf taa’an. Kana jechuun tokkummaa isaan itti dhaadatan sun haasaa isaa ykn seenaa isaa malee , har’a qabatamaan isaan keessa akka hin jirreedha. Kun ammo rakkoo keessaa ba’uu hin dandeenye keessa galcheenii jira jechuu dadeenya. Furmaati kanaa takkaa dhaabbatanii keessa isaanii ilaaluu ture. garuu hin taane.

===Sudaan kibbaa , Bilisummaa waggaa lamaa booda, waan jiru hundi dacheetti makamee dhiigni dhangala’aa jira. Sabaabaan dhiiga wal dhangalaasuu kanaaf waa hedduun tarrifamaa jira. Garuu ka’umsa Bilisummaa irraa yoo kaane, Bilisummaan sudaan Kibbaa Maraammartoon Siyaasaa kan uumeedha. Keessattu dantaa warra dhihaaf jedhamee , akka Uffataatti lammiilee sudaan kibbaatti kaa’an. Kana jechuun Bilisummaa isaanii mormuu miti. Bilisummaan kun garuu, warri abbaa dhimmaa yeroo yaadanitti odoo hin taanee, ajandaa warra kaaniif daddaffiin kana taasifameeddha. Abbootiin bIyyaa waan kanaaf qophii akka hin turre kan raga ta’u waggoota 2n kana akkaataa itti deemaa turanii fi waggaa lama booda rakkoo seenuu isaaniiti.

Maddi rakkoo har’aa, warrii Bilisummaaf dhaabbatan rakkoo keessa isaanii hundee isaatii buqqisanii waliin dhaabbachuu hanqachuu irraa , dubbiin irra dibaan gaggeffamu har’a isaan miidhaa jira. Qabsaa’oonni isaanii bilisummaa jedhanii dubbachuu malee, ykn qawwee baadhachuu malee, Bilisummaa booda maal taana ? akkamitti bulla ? dhimma alaa fi keessaa akkamiin ilaalla ? humna namaa hangamii qabnaa ? boba’aa qabaanneef qofaa Biyya ta’uu dandeenyaa ? rakkoon keessa keenyaa maalii ? dhuguma aadaa ummata keenyaan jirraa ? wal galaafachuu fi abbaa irrummaa sudaan gudditti irraa dhaalleen wal bulchuu dandeenyaa ? kkf waan itti yaadan ykn qophaa’an hin fakkaatu. Kaan gochuu baannaan waan hundi humnaa ol taa’aa dhufee, rakkoo har’aa dhalcha. Rakkoon kun ammo akka salphaatti kan hiikamuu miti. Amma isaan rakkoo keessa isaanii, rakkoo sudaan gudditti fi rakkoo warri dhihaa akkasumas,Biyyoota ollaa irra bulchaniin unkuramaa jirti. Furmaati kanaa, ofitti deebi’uudha. Hiixachuu irra amma xinneenya ofii yaadanii, adeemsa hirkattummaa keessaa ba’anii dandii xaliila’aa, maraammartoo siyaasaa keessaa bilisa ta’e baafachuudha.

Ummata ofiin boba’aa qabdaa abdadhu jechuu qofaa odoo hin taanee, hannaa fi saamicha aadaa isaa hin taane keessaa baasanii , waan qabutti sirnaan akka itti fayyadamu barsiisuu hanqachuu irraa har’a dhiiga dhangalaasuun dirqii taate.adeemsa kana keessaan of ilaalaa turaa . kutaa 3ffaa keessatti ammo , maraammartoo wal fakkaataa akkasii keessaa of hin baafnu taanaan waan nu eeggatuun akeeka. Hundeen barruu koo kanaa, “Miniilikiin dorsifamuun kan adhaabbatu, Siidaa fi afuura miniiliik OROMIYAA keessaa buqqisuu qofaatu furmaataa” kan jedhu ta’uu hin dagatiinaa !!!!!!!!!!HORAA BULAA !

Kutaa 3ffaan itti fufa.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: