Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

Boqota Dr. Paul Baxter fi Gadda Natti Dhagayame
Posted: Bitootessa/March 6, 2014 · Finfinne Tribune |

Taammanaa Bitimaa irraa*-

Firri keeny, ee firri cimaan kan uummata Oromoo fi saba Oromoo Dr. Paul Baxter boqochuu isaa, kunoo amman mandeewwan Oromoo kanneen garagaraa irraa qalbeeffaddhe. Gadda jabaatu natti dhagayame. Mee WAAQNI guddichii fi tokkichi kan hunduu Isa harka jiru: maatii isaa, firoottan isaa fi hiriyoota isaatii jajjabinaa fi obsa isaaniif haa kennu! Lubbuun isaa jannata nuuf haa seentu!

Uummanni Oromoo baldhaan kunii fi sabni Oromoo guddichi kun firoottan biyyoota alagaa hedduu hin qabu. Firoottan dhugumatti fira Oromoo tahan keessaa, Dr. Paxter tarree duraa irratti kan argamu. Abbaan keenya, kabajamaan kun umurii isaa guutuu waayee Oromoo irratti hojjate; qorannoo fi barannoo adeemsise jechuu kiyya. Inni bara 1952 keessa waayee Oromoo qorachuu fi qu’achuu jalqabe. Bara 1952 fi 1953 waggaalee lama guutuu waayee Oromoo Booranaa, Keeniyaa Kibbaa fi Bahaa keessatti qorate. Bara 1954 keessa immoo digirii isa dhumaa, kan “PhD” jedhamu waayee-dhuma Oromoo irratti qorachuun argate. Barumsi isaa barumsa xinaadaa (“anthroplology“) waan taheef, aadaa fi seenaa saba Oromoo irratti jireenya isaa guutuu qorannoo fi barsiisa adeemsise. Inni fira Oromoo callaa otoo hin taane, fira uummatoota Afrikaa teenyaa kanneen birootisi. Hubaddhaa! Oggaa inni waayee aadaa fi seenaa keenyaa qorachuuf eegalu, uummatoonnii fi saboonni Afrikaa garri dhibbayyaa 90 (“95%“) ol tahan harqoota gabrummaa warra Oroppaa jalatti argamuuyyu. Biyyi nama nama caaluu kun, biyyi Dr. Paxter tan Biritaaniyaa Guddoo jedhamtu: “Impaayera Biritaaniyaa-tti biiftuun gonkumaa hin lixxu” (“the sun never sets on the British Empire“), jechuun warri Biritaanii Guddoo tun of-waamuyyu.

Kan hedduu nama dhibu, Dr. Paul Paxter otoo gara Keenyaa hin deemin gara Toopphiyaa dhaqee, waayee Oromoo irratti qorachuu barbaadee ture. Ennaa sana mootummaan Habashaa kan Hayila-Sillaaseen durfamu, hayyama isa dhoowwate. Inni kanaaf, gara Biyya Keeniyaa, kan oggaa sana kolonii Biritaaniyaa turteetti qajeele. Garuu, gara boodaa bara dibba kudha-sagalii fi jaatamoota keessa (“1960s“) akkuma tahu tahee, hayyama mootummaa Toopphiyaa irraa argachuun Oromiyaa naannolee addaddaa keessatti qorannoo adeemsiseeti jira. Gaafa inni hayyama mootummaa Habashaa Shaggar irraa fudhachuun aadaa fi seenaa Oromoo qorachuuf godina Arsii dhaqu, waan gurri isaa dhagayee amanuun rakkisetoo isa qanname. Nafxanyoota godinaa fi koonyaawwan Arsii maal bulchuu mitii, bitan keessaa inni tokko: “maal irratti qorannoo adeemsisuuf dhufte?” jedheni. “Ani aadaa fi seenaa Oromoon qorachuuf dhufe“, jedhee yommuu Dr. Baxter deebisu, Amaartichi Habashaa sun: “isaanimmoo aadaa fi seenaa maalii qabuuyyi qoratta!“, jedheeni. Inni kun sirumaa namni beekamaa fi jaalatamaan keenya kun akka cimee waayee Oromoo qoratuu fi barsiisu isa taasise. Oromoon “aadaa fi seenaa” hin qabu jechaan mee, “Oromoon bineensa” jechuun kan addaa tahee miti. Haatahu malee, inni Habashoonni: Oromoo, Afar, Somalee, Agawoo, Hadiyyaa, Sidaamaa, Gedewoo, Koonsoo, Kambaataa, Kuulloo-Kontaa, Kafichoo, Gimiraa, Moochaa, warra Gambeellaa, warra Beenishaangul, Gurraagee, Hararii (Adaree) fi Alaabaa fayin: “seenaa hin qaban” jedhan kunillee, yaada Habashootaa kan orijinaalee tahee miti. Isaan akkuma wannnen hedduu asii fi achii bubbutachuun ergifatanii “nutu uummate,handhuuraa keenya” faa jedhan sana, isa kanas koloneeffatoota Oroppaa irraayyi ergifatani. Warra Oroppaa kanatu Afrikaan faa “seenaa hin qabdu” jedhuun, humna meeshaa waraanatiin qabachuun addaan qircataniiyyu.

Dottoreen keenya, Pirof. Baxter yaadan ani waayee koloneeffatoota Oroppaa fi Habashaa irratti ibse kana akka gaariitti nama barsiisu ture. Ani Dr. Baxter bara 1982 keesseen karaa qunnamtii xalayaatiin baruu dandaye. Waraqaan ani yeroo sana waayee seenaa fi barreessumsa (ogubarruu) Oromoo irratti baase tokko, kan uummata Oromoo godina Tuulamaa-Maccaa (Oromiyaa Waltajjii) irraa walitti qabame, kan walaloota isaa gara Afaan Ingiliziitti naaf hiike isaa fi Dr. Mohaammad Hasan ture. Akkan waraqaa sanis gara Pirofeesar E. Haberland-itti, jechuun gara unibarsitii Firaankifurtii-tti ergu isatu na gorse. Dr. Haberland-is gammachuun kitaabee inni gulaalee baasu takka keessatti bara 1983 baase. Kana malee, gaafan ani waraqaa sana gara isaatti ergu gorsaa fi qajeelfama hedduu cimaa tahe naaf dabarse. “Nuti isin ijoolleen Oromoo kanneen waayee uummata keessanii irratti qorattan barbaannaa, adaraa itti-nuu cimsi!“, faa kan jedhu ture. Namoota Oroppaa fi Ameerikaa Kaabaa kanneen waayee Oromoo irratti qoratan keessaa gariin isaanii, qorannoo digirii isa “PHD”-iif dhiyeessan san booda itti hin fufani. Waan uummanni Oromoo kottee gabrummaa Habashaa jala jiruuf, waan mootummaa ofii hin qabneef, kana isaan jajjabeessuu fi isaanii karaa banuuf hin turre. Ammallee hin jiru. Kanaaf, qorattoonni kun qorannoo isaanii gara biraatti xiyyeeffachuuf dirqamu. Isaan hafan garuu kunoo akkuma Dr. Baxer, jireenya isaanii guutuu dhimma Oromoo ilaalu irratti hojjatu. Isaan ammallee nu wajjin jiranii fi kan akka Dr. Baxter, nu dhiisanii bakka dhala namaa maraaf kurfeeffame deeman, qaamaan namoota alagaati malee, qaamaan Faranjoota malee, onnee fi qalbiidhaan Oromoo-dhuma.

Amma as irratti yoon waayee nama akkuma Dr. Baxtrer umurii isaa guutuu waayee uummata obbolaa keenyaa, waayee Somalee fi waayee Oromoo irratti qorate, innis amma kan addunyaa tana irratti hin argamnee yoon isiniif ibse, warri “onnee fi qalbiidhaan” Oromoo yookaan Somaalee, Sidaamaa yookaan Walaayitaa faa tahan kun hangam nu waliin dhama’aa akka turan, gariinillee ammas dhama’aatuma akka jiran nutti agarsiisa. Bara 1989 keessa “Kora Qorannoo Hortee Kuushi fi Omoo” isa magaalaa Turiinoo, Biyya Xaaliyaanii-tti godhame irratti walagarre, waan Pirof. B. W. Andrzejewski naan jedhe san jiraa kiyya dhiisitii du’aan kiyyallee waan irraanfatuu miti. Innis durii durii bara uummanni Somaalee keenya akka dullacha masqalaatti koloneeffatoota Oroppaa fi koloneefatoota gurraalee, warra Habashaatiin bitamaa jiru san irraa kaaseeti, kan Afaan Somaalee irratti qorachaa ture. Inni waayee Afaan Oromoos akka yeroon isaaf hayyametti ni qorata ture. “Taammanaa ilaa kan miidhame isin Oromootaa fi Somaalota, warra Kuush kanneen biroo fi warra Omoo callaa mitii! Nuti warri waayee keessan qorannus mee miidhamnee jirraa! Waayee keessanii fi waayee uummatoota akkum keessan miidhamanii waan qorannuuf, mootummaan Toopphiyaa nu rakkisa. Kanaaf, isinis nuuf jabaaddha-kaa! Nuti isin cinaa jirrawoo!” , naan jedhe namni akkuma Dr. Baxter raajeffatamu kun. Inni kana irrtti dabaluun: “Warra Habashaa duwwaa seetee kan nu rakkisu, kan nutti qoosu? Warrumti Oroppaa fi Ameerikaa isaan waayee warra Seem qoratan nutti qoosu. Bara dhibba kudha-sagalii fi jaatamootaa keessa: “Kora Qorannoo Toopphiyaa” isa Addis Ababaa-tti tahe irrattin, ani barreessumsa Oromoo keessaa kan walaloodhaan waayee Sheek Huseen Baalee ibsu dhiyeesseyyu. Boqonnaa bunaatii baanee oggaa deebinu, Faranjootumatu barandaa irraa dhaabatee Afaan Amaaratiin “Sheek Huseen maxxaa!” jechuun natti qoosaa ture.” Ee, namoonni dhabne kun kan akka Dr. Baxter fi Dr. Andrzejewski-innamoota jiruu fi jireenya isaanii waayee Oromoo, waayee Somaalee fi waayee uummatota Kibbaa miidhamoo kanaa taasifatan turani.

Dr. Baxter nu dhiisee dabrus gorsii fi barreeffamoonni isaa sun nu biratti hafaniiru. Gorsa isaa qalbeeffannee, barreeffamoota isaa baay’ee san dubbisaa: aadaa, seenaa fi afaan keenya irratti qorannoolee ciccimoo fi tujuba-qabeeyyii tahan adeemsifanna. Ennaa sana akka Oromoon jedhutti ekeraan isaa gammaddi. Lubbuun isaas bakka gaarii san, jannata qubatti! Gaafa Oromiyaan teenya walaboomtee, uummanni Oromoo inni jaalatu kun bilisoome daandiiwwan lama, tokko Finfinnee Shaggaritti, tokkommoo magaalaa Asallaatti maqaa jaalatamaa fi kabajamaa keenyaa, maqaa Dr. Paul T.W. Baxter-iin waamamu. Akkuma inni aadaa Oromoo jaaltu sana, akka inni eebba Oromootiin: “A River of Blessings“, jechuun raajeffatu sanan anis maatii isaa: haadha warra isaa Pat, ilma isaa Adam fi ijoollee ijoollee isaa kanneen inni akaakayyuu fi abaabayyuu tahuuf hunda eebbisaa, mee na hoofkalchaa:

Maatii Waaqni eebbisen, eebbisaa na ergattanii?
(Ee, si erganne!)
Akka isin “ee” naan jettan
Waaqni ee isiniin haa jedhu!

Ilaa, fira cimaa dhabnee
Waaqni bakka isaa firoottan hedduu nuuf haa buusu!
(Nuuf haa buusu!)
Lubbuun isaa jannatatti haa galtu!
(Jannatatti haa galtu!)

Haadha warraa isaa Pat umurii haa dheeressu!
(Umurii haa dheeressu!)
Nagaa fi fayyaa ishiif haa keennu!
(Ishiif haa kennu!)

Ijoollee fi ijoollee ijoollee isaatii nagaa haa keennu!
Wanneen gaggaaridhaan isaan haa badhaasu!
(Isaan haa badhaasu!)
Nagaa fi nageenyi qeyee isaanii irraa hin dhabamini!
(Qeyee isaanii irraa hin dhabamini!)

Qacceen Dr. Baxter hortee lafa haa guuttu!
(Hortee lafaa haa guuttu!)
Maqaa gaariin, maqaa jaalalaatiin haa waamamtu!
(Maqaa jaalalaatiin haa waamamtu!)

Biyyaa fi uummata ofii haa jaalattu!
(Haa jaalattuu!)
Biyyii fi uummannis ishii haa jaalatu!
(Ishii haa jaalatu!)

Isan ani jedhe kana mee WAAQNIS haa jedhu!
(Waaqnis haa jedhu!)
Kanan ani irraa hanqise mee WAAQNI ittaadabalu!
(Waaqni ittaadabalu!)

Warri na jalaa qabdan kunis horaa, bulaa!
Oromoon marti horee haa buluu!
Wal horee dachee haa guutu!
Nagaa fi nageenya hin dhabinaa!

Bilisummaa fi walabummaas hin dhabinaa!
Firoottan akka Dr. Baxter faa-s hin dhabinaa!

=========== Hubachiisota Miiljalee ==========

* Ani barreeffama kana beekatuman itti-yaaduun Afaan Ingilizii dhiisee Afaan Oromootiin barreesse. Tokkoffaa isumatu nuti Oromoonni barannee ofiin jennu akka afaan keenyaan barreessinu nu gorsaa, nu jajjabeessaa ture. Lammaffaa ani warra birootii otoo hin taane, Oromootaafan barreessa. Dhaloonni Qubee ijoollee fi ijoota nuuf tahan kun, ee isaan biyya haadhaa-abbaa isaanii keessatti argaman kun, dheebuu Afaan Oromootiin waa dubbisuu fi waa barachuu qabu. Seenaa Dr. Baxter irraa akka waa baratanii fi barreeffatoota inni waayee Oromoo irratti baase, dubbisuuf akka fidhii horatanin fedha. Dabaleesoo, Afaan Ingilizii-tiin hamma hardhaatti: WQO (OSA), Dr. Abbaas Ganamoo fi Opride baasaniiti jiru. Haa-tahuutii, Oromoonni London keessatti argaman kanneen maatii Dr. Baxter fayiin walbeekan isa kana afaanii afaanitti, keessumaa eebba kana gara Afaan Ingilizii-tti otoo hiikaniifii mishoo dha.

** Tarroo (“list“) barreeffamoota Dr. Baxter waayee Oromoo irratti baase, hamma tokko WQO (OSA) fi “OPride.com” waan baasaniif, mee “gadaa.com“, “ayyaantuu.com“, “OPride.com” fi “OromiaTimes.org” faa ilaalaa!

——————–

*- Taammanaa Bitimaa: gurree@web.de

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: