Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

OBBO JUNEEDDIIN SAADDOO GARA UUMMATA ISAATTI DEEBI’UUF FEEDHII FI CARRAA QABAA?

Posted: Bitootessa/March 11, 2014 · Finfinne Tribune |

Abdii Boruutiin*

Dhiyoo kana mata duree “Ob. Juneeddii Saaddoo Eenyu?” jedhuun gabaasa Obboo Ahmad Saayyootiin TVOMT irratti dhiyaate daawwadhee ykn dhaggeeffadheen ture. Yaadolee namootni dhimma kanarratti barreessanis ta’e kan bakkee adda addaatti dubbatamanis argee fi dhagyee jira. Yaadolee waliin mormantu wal bukkee waan deemaa jiran nattt fakkaata. Kanaaf, anis yaadan dhimma kanarratti qabu ibsuuf jedhee barreeffama gabaabaa kana dhiyeessuu barbaade.

Duraan dursee, dhimma kanarratti hunduu waan isaanitti mula’tu ibsuu fi yaada fi ilaalcha qabanis dhiyeessuuf mirga qabu. Haa ta’u malee, ani dhimma kana karaa lamaanan ilaala. Yeroo ammaa dhiyaachuun isaatis gaarummaas ta’ee badummaas qaba jedheen yaada. Akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu, waan Obboo Ahmad dhiyeesse waanuma dhugaarratti hundaaye fi beekamus waan ta’eef, badii dalagame irraa barachuuf gorsa ta’a jedheen amana malee, waan akka ololaatti dhiyaate natti hin fakkaatu. Waanuma ta’eefuu, mee waayee kana karaa lamaan akkan ilaalu ibsuun yaala.

Akka hubannoo, yaada fi ilaalcha kiyyaatti, Obboo Ahmad waanuma addunyaa kanarratti ta’e fi kan seenaan ragaa ta’uu danda’u fakkeenyota gara garaatiin dhiyeessee; seena saba Oromoo keessattis waan ta’e fi ta’aas jiru waan ibseef, warri uummata isaaniirratti waan badaa dalagani fi dalagaa jiranis; akkasumas dalaguuf deemanis seenaa kanarraa akka baratan waan taasisuuf jecha gabaasni kun dhiyaate malee, waan ololarratti hundaaye natti hin fakkaatu. Kun ilaalcha dhuunfaa kiyyaa ti. Obboo Ahmadis ittisuufii miti. Kun karaa tokko, karaa ani dubbii kana ittin ilaaluu fi hubadhu dha. Karaa biraatiin yoon ilaalu garuu, dhimmi kun dhimma dhugaarratti hundaaye ta’ullee; Obboo Juneeddiinis waan badaa uummata Oromoorratti dalagullee; kanaafis ittigaafatama qabaatullee; yeroo gabaasni kun itti dhiyaate (timing) yeroo gaarii natti hin fakkaatu. Xinnoo waan muddamaan dhiyaate dha jedheen yaada. Maaliif yeroon kun yeroo gaarii hin taane? Muddamaan dhiyaate yoon jedhu hoo maal jechuu kooti? Gaafiilee kanaaf deebii gabaabaa kennuun yaala.

Innumtuu (Obboo Juneeddiin) sababaalee adda addaatiin, fakkeenyaaf qaaneffachuudhaan yookaanis waan itti amanee hojjechaa ture sanarratti hanga lubbuun isaa dabartutti irratti cichuudhaan of dhoksuu waan maluuf, gadi bayee dubbachuuf tarii fedhii qabaachuu baatus, otuu gabaasni kun uummataaf hin dhiyaatin dura Obboo Juneeddii ofitti dhiyeessanii wajjin dubbachuun ykn haasa’uun tooftaa gaarii ture jedheen yaada. Kun silaa karaa lamaan carraa bana ture. Tokkoffaa, Obboo Jundeeddiin gadi bayee waan ta’e hundaa uummata isaatti ibsuu fi achumaanis dhiifama gaafatee, xinnaatullee boqonnaa sammuu akka argatu carraa isaaf bana ture. Lammaffaa ammoo, innumtuu (Juneeddiin) waayee kana dubbachuuf fedhii kan qabaatu yoo ta’e, mootummaa Wayyaanee keessatti nama bakkee guddaa (taayitaa olaanaa) qabaachaa ture waan ta’eef (badii inni uummata Oromoorratti dalage akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti) waan diinni godhaa ture fi jiru akka saaxilu fi hawaasota addunyaatti akka himu malaan ittifayyadamuun ni danda’ama ture.

Dhimma kana karaa biraatiinis yoon ilaalu ammoo, wallaalaa ofii gorfachuun; jallaa ofii qajeelfachuun; beekees ta’ee otuu hin beekiin, kan uummata keenyarratti badii dalage fi dalagaa jirus balaaleffachuu fi abaaruun barbaachisaa ta’ullee, yeroo ammaa yeroo tokkummaan Oromoo abdii namatti horachiisaa jiru kanatti, obsa dhabnee waan tokkotti muddamuun gamnummaa natti hin fakkaatu. Mee fakkeenyaaf haa jennuu, otuu Habashootni namticha kana (Juneeddii) ofitti qabanii dhimma ofiitiif itti fayyadamanii, hangam aararratti aara ofitti daballa? Nama uummata isaarratti balleessa hanga kana hin jedhamne dalage/dalagde seenaanuu isa/ishii hin hirraanfatu. Innuu otuu du’ee biyyee keessa hin seenin du’ee jira. Kan du’aan addunyaarraa boqate wayya. Kan jiruudhaan du’e nama du’a lama du’e dha. Kun waan wal nama mormisiisuu mit. Kanaaf, dhimma kana itti muddamuun yeroon isaa yeroo murteessaa natti hin fakkaatu jedha.

Amma garuu, akka natti mul’atutti, namtich kun karaa adda addaatiin waan of salphiseef; kanarratti dabalamee ammoo, erga inni baqatee Ameerikaa seene kanatti dafanii waayee kanaan isa simachuun, fedhiillee yoo qabaate, namtichi kun gadi bayee Wayyaanees waan saaxilu fi ofiifillee badii dalagetti amanee uummata Oromoo dhiifama waan gaafatu natti hin fakkaatu. Namtichi kun du’a lama du’ee jira; salphina hangana hin jedhemane keessa jira. Kan isaaf wayyu silaa, kan dabre dabree, yoo kutannoo fi hamilee qabaate, gadi bayee, akka aadaa hawaasa hammayyaa keessa jirutti, waan dalagamee dabreef uummata isaa dhiifama gaafachuu dha. Kana godhuunuu silaa gootummaa (jagnummaa) dha. Seenaa xuraaye sana hanga tokko xurii irraa dhiquu ta’a jedheen yaada. Gaafii guddaan garuu, Obboo Juneeddiin gara uummata irraa dhalateetti deebi’uudhaaf carraa kanatti fayyadamuu danda’a moo akkuma seenaa isaa xureesseetti dhuma lubbuu isaa eeggatee addunyaa kanarraa boqota laata? kan jedhu ta’a.

Gara dhimmichaatti deebi’uu fi cuunfuudhaaf, waan Obboo Ahmad Saayyoo dhiyeesse, akka ilaalcha kiyyaatti, kan barumsa ta’uu qabu dha. Biyya keessattis ta’ee biyya alaatti, warri dhimma saba ofii dhiisanii; fedhii ofii guuttachuuf alagaa fi diina jala deemanii; uummata ofii miidhan, booddeen isaanii salphina fi badii akka ta’u hubachuu qabu. Karaa kanaan yoo ilaalame, gabaasni kun qeeqamuu hin qabu. Gabaasni kun dhugaa uummata keenyatti himamuu qabu dhas. Warrumti diina tajaajilaa jiranillee, beekaniis ta’ee otuu hin beekin, kan balleessa hojjechaa jiran, dhugaa kana hubatanii barumsa irraa argachuuf isaan gargaara jedheen yaada, amanas. Namni seenaa badaa hojjete, yoomiyyuu maqaa badaadhaan yaamama; du’ullee abaaramaa jiraata; kan waan gaarii saba isaatiif dalage ammoo, du’ullee saba issa biratti jaalala fi kabaja guddaa argachaa; maqaa gaariidhaan yaamama. Yoomiyyuu seenaan isa hin dagatu. Dhumarratti, gaafii tokko kaaseen, barreeffama kiyya xumura. Seenaa impaayara Itoophiyaa tana keessatti, ilmaan Oromoo alagaa fi diina tajaajilaa, uummata ofii midhaa, boodarra garuu salphatanii hafuun ykn akkuma salphatanitti du’aan addunyaa kanarraa boqachuun; sana boodas seenaa badaadhaan yaamamuun eenyurratti dhaabbatina laata?

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: