Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

 

Posted: Bitootessa/March 12, 2014 · Finfinne Tribune |

Taammanaa Bitimaa irraa*-

DURADUBBII
Jalatamoo fi kabajamoo warra barreefata kana duukaa-buutanii jirtan, mee waan hunda duran nagaa fi nageenya isiniif hawwa! Erga barreeffammi kun kutaa lammaffaan isinii dhiyaatee asii kunoo gara torban sadiiyii taha. Torban sadan dabran kana keessa barreeffatoonni iliitonni Amaaraa nu Oromoota irratti arabsoo fi doorsisaan, maqa-balleessii fi maqa-xureessiin babbaasn danuu dha. Duulli fi waraanni isaan uummataa Oromoo fi saba Oromoo irratti banan sun homaayyuu hin dhaabannee, ittuma-fufee jira.

Ani barreeffatoota amaan tana muummiyyeewwan Amaaraa nu Oromoota irratti baasan kana yommuun dubbisu, daqiiqaawwan hedduun aara-baafachuun itti-yaada. Ofumaafan deddeebisee of-gaafaddha. Wanneen naaf galuu didantu jiru. Kanneen keessa gariin: “akkamitti yeroo ammaa kana namni tokko akkana jechuun Oromoo arrabsa! Saba guddicha naannoo Gaafa Afrikaa kana akkanatti sulphisuuf aggaama? Handhuurri gaafii kiyyaa garuu akkamitti namni barumsa addunyaan teenya tun yeroo amma kana qabduun eebbifamee baye, waamsa akaadamii (“academic titles”) kan “Dr., Pirof.” sobaan otoo hin taane, dhugumatti akkaan barate, akkaan qoratee argate kun wanneen akkanaa kana Oromoo irratti baasa? Keessumaa namoota kana keessaa gariin namoota Biyya Oromoo keessatti dhalatanii guddatan, akka nuti isaan ilaallutti namoota lammiiwwan Oromiyaa (“citzens“) tahan? Silaa maaluma barbaadu jarreen kun? Isaan: “warra duriitii akkuma durii san Toopphiyaa biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko maaloo maaloo tokko barbaadu” naanan jechuu dandeessu. Garuu yaa Oromoo koo, isaan “warra tokkoo, warra tokkeessoo” kan afaanotaa fi aadaawwan, seenaa fi muuxannoolee, biyyoota fi amantiiwwan impaayera isaanii tana keessatti argaman mara Amaaromsuuf akka dhaabatan hedduu naaf gala. Hatahu malee, kana gochuuf ibdidda ofitti qamsiisuu qabuu? Borkaana (“volcano“) riphee ciisu kana ofitti dhodhoosuu qabuu? Maali akkamitti namni summuun isaa nagaa qabu, waan raatuu fi maraatuun godhutti gadi of-deebisa?

Guyyuu ennaa nuti waayee mirgaa fi haqa uummannii fi sabni Oromoo qabu kaafnu: “walirraa hore; waljaalanne; walirraa fuune” faa nuun jedhu. Marree waan walirraa horreef akkanatti nu arrabsuu? Nu arrabsaa, nu salphisaa, jedhanii jedhaniitoo sadarkaa ilmoo namaa irraa sadarkaa bineeyyiitti gadi nu buusaa, “tokkoomnee wajjin jiraanna nuun” jedhuu? Nuti Oromoota; aadaa boonaa fi boonsisaa qabna. Aadaa Oromoo keessatti namni “walirraa hore; walirraa fuudhe” sonaan walkabaja. Mee isaan soddaalee keenya yookaan nuti soddaalee isaaniti haa jennu. Akkamitti warra soddaalee isaanii kana akkanatti sadarkaa bineessatti gadi-buusu? Erga soddaaleen isaanii kun bineeyyii tahanii isaanis mee bineeyyii tahuu qabuu! Mee Galmoon Walattee fuudhee ijoollee horan haa jennu. Silaa warri akkanatti wal-horan kun maqaalee Amaaraa babbaasuufii, Difaabbachaw fi Algaanash maaluma tahu? Achi daka sana, gola bineeyyiitti darbatamu jechaa dha moo? Akkamitti obboleewwan, abbaanii fi haati Walattee, wasiillaani fi eessuumman, durbiiwwanii fi aanteewwan Walattee marti foonii fi dhiiga ofii jechuun, Difaabbachaw fi Algaansh gara oddo-bineeyyii-tti (“ZOO“-tti) ergu?

Yaa nama Oromoos, yaa nama Amaaras dubbiin mirgaa fi haqa saba tokkoo, mirgaa fi haqa uummata tokkoo dubbii: “walfuunee walirraa horreen” cuqqaalamee, ukkamfamee jala darbamu waayii miti! Gaafiin kun, gaafii sabaa waan tahaaf, gara gaafii warra walirraa horeetti kan dabarfamee hafuus miti! Gaafichi gaafii mirgaa fi haqa uummata tokkoo waan taheef, dimokiraasii irratti bu’ureeffamanii isa yeroon deebisuutu karaa isa sirrii fi isa nama-baasuu taha. Amma armaan gadittan waraqaalee jidduu kana keessa muummiyyeewwan (iliitonni) Amaaraa Oromoo irratti babbaasan keessaa tokko callaa filachuun, yaada kiyya irratti kennaa mee na oofkalchaa!

Isaan jedhaman kanneen keessaa kanan filaddhe barreeffama Dr. Geetaachaw Hayilee-ti. Namni kun nama dassiiba (“common man“) tahe wayii otoo hin taane, nama barumsa ammayyaa kan biyyalafaa (addunyaa) tana irratti argamuun eebbifamee baye. Inni bantiiwwan barateeyyii (“educated“) warra Amaaraa keessatti kan argamu. Haatahu malee, jibbii fi tuffiin, maqa-balleessii fi maqa-xureessiin inni uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti qabu: “barumsi sammuu namaa bana moo sammuu namaa cufa? Yaada fi naamusaan ol nama-baasa moo gadi nama-buusa?“, jechuun kan wal-nama gaafachiisu. Akkamitti namni biyya Toopphiyaa jedhamtu tanan jaaladdha jedhu, sunumtuu namni aannanii fi damma Oromootiin guddate uummata Oromoo abbaa keessummaa fi abbaa hiyyeessaa, gara-laafessaa fi mata-qabeessa kana akkanatti arrabsa? Akkamitti namni barateessa tahe, sunumtuu barachiisaan mabba (unibarsitii) keessatti ijoollee barsiisuu gulantaa addaggee fi gulantaa kashalabbee gadi of-buusa?* Inni akkanatti nu arrabsaa,  akkanatti nu sulphisaa, akkanatti alaa-mana keenya xureessaa wajjin jiraanna nuun jedhaa? Erga namni kun uummata keenya fi saba keenya irratti duula arrabsoo, duula maqa-baleessii fi duula maqa-xurreessi ifumatti uummatoota Gaafa Afrikaa fi uummatoota biyyalafaa fuulduratti banee, nuti akka isaa arrabsoon arrabsoo deebisuu otoo hin taane, dhugaa fi dhugoo irratti hundeeffamnee, saayinsii fi beekumsa ammayyaa qabanneetoo akka inni dhaddhaabbata sobaa qabatee nutti ka’e agarsiisuu qabna. “Karaan sobaan dabran oggaa deebiyan nama dhiba“, jedha Oromoon waan akkanaa kana ennaa ibsu. Kanaafuu, karaan innii fi iliitonni Amaaraa gariin qabatan kun karaa badii fi badiisaa akka tahe, ibsuufin dirqama nutti tahe.

SEENSA
Mee waan hundaa durseen waan gulaaltonni “gadaa.com” ennaa waraqaa Dr. G. Hayilee isa obboo Girmaa B. Guutamaa hiike san nuuf dhiyeessan, akka qalbeeffachiisa gulaaltotatti waan gammachiisaa fi lafee irratti malee lafatti hin buune jedhaniiyyu: “The following is the English translation of an article first written in Amharic by a certain professor by the name Getachew Haile on the website EthioMedia.com, where all the fake and senile anti-Oromo professors have called home in recent months. Hidden behind a local vernacular (Amharic, in this case), hate propaganda, disguised as academic articles and directed at the Oromo people, frequently appears on EthioMedia.com, thus Prof. Getachew Haile’s article is not a first on EthioMedia.com, nor that this is the first anti-Oromo piece by Prof. Getachew Haile. Regardless, in order to expose the ongoing hate propaganda on the Oromo people to the world, Gadaa.com has decided to publish the following English translation of Prof. Getachew Haile’s Amharic article in its entirety.

Obbolaan keenya kun, gulaaltonni “gadaa.com” gara fuulduraas olola jibbaa isa jarreen kun uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti oofaa jiran, afaan warra abbootii qawwee irraa gara Afaan Ingilizii-tti akka nuuf hiikuun, addunyaa beeksisan abdii fi amantii cimaan leencota keenya kanneen irraa qaba! Warri Gadaa, ee Maatiin Gadaa akka arman gadii jirutti nu dhalawwan Oromoo maraaf waamicha dhiyeessani: “Dear Readers, the ideology brought up herein by Prof. Getachew Haile used to be the overt state ideology of the Ethiopian empire up until February 1974 – exactly 40 years to the date; with the ongoing struggles of the nations and nationalities, including the largest nation – the Oromo, in the Ethiopian empire, this Ethiopianist/Nefxegna ideology will soon see its final demise, and a morning star will rise in the Horn of Africa. All Oromo nationalists must fight back this Nefxegna ideology in order to protect the gains of the people’s 40-years of struggle, and bring the final victory to the people’s struggle.

Kun dhugumatti waamicha cimaa fi waamicha biyyaati. Waamicha harmee teenyaa, waamicha OROMIYAA-ti! Wanni beekuu fi qalbeeffachuu qabnu, nuti Oromoonni qabsoo irratti waan argamnuuf, wanneen qabsoo keenya fashalsiisuuf dura dhaabatan mara akka barbaachisaa tahetti dura dhaabachuu qabna. Ee, akkuma dhufe sanatti waltaanee, walcinaa dhaabannee ofirraa deebifna! Ofirraa qolachuun, walirraayyis qoluun diibifna. Kan qalamaan dhufe qalmumaan, kan shimalaan dhufes shimalumaan ofirraa deebifna! Kan dideetoo eeboo fi qawween nutti dhufes eeboo fi qawweedhumaan ofirraa deebifna! Gayeen gayee-dhaa, jarri kun akka durii addaan nu qoqqoodanii: Shaawaa fi Wallagga, Arsii fi Wallo, Kiristaana fi Muslima, Waaqeffannaa fi sooshalistii jechuun akka fe’anitti nu bituu gonkumaa hin dandayani! Oromoon hundi Oromodhuma; dhalawwan aayyoo fi aabboo tokkooti!

Nuti cufti isan jedhe kana beeknee yoo qalbeeffachuun oljennee tarkaanfanne, nuti galaana Laga Abbayyaatii kan nu fuuldura dhaabatu hin jiru. Kan deemnuuf mirgaa fi haqa uumaan qabnu, isa nu irraa mulqame deebifachuufi malee, waan tokkollee mirgaa fi haqa namoota biroo tuquufi miti. Dr. Geetaachaw Hayilee faa, “EthioMedia.com”-n faa, “Gareen Morash” faa, “Gareen Cuquliisaa” faa fi jalaa-jaleen isaanii, duubattafoo fi booddessitoonni cufti, uummata Oromoo burkaana (“volcano“) riphee ciisu kunoo tuttuqanii, ofitti dhodhoosaa jiru. Uummanni fi sabni Oromoo burkaana tahe kun kophaa isaas miti. Uummatoota fi saboota Kibbaa cufatu isa cinaa hiriiree jira. “Yoo funyaan dhawan ijji boochi!“, jedha mammaaksi Oromoo tokko. Uummatoota obboleeyyii keenyaa warra Kibbaa, kanneen waliin kunoo waggaalee 140 guutuu mana hidhaa Habashootaa, Karcallee keessatti argamna. Waltaanee mana hidhaa kana wajjumaan caccabsinee, yeroon keessaa baanu fagoo miti!

QAAMADUBBII
Gara barreeffama kanaa olitti kaafameetti yoo ceene, kunoo akkana jedha, namni Amaarummaa fi Habashummaa isaatiin of-tuulu, of-guuru Dr. Geetaachaw Hayilee: “Historians tell us that our diversity has really hurt us a lot in the past. The fact that we are Christians and Muslims, Oromos and non-Oromos with failed system to accommodate our differences substantially degraded us. On the contrary, had we spoken one language, followed one religion and cherished one culture, we would not have stagnated in backwardness for centuries. The devastating impacts of our religious diversity can be seen from the demolition of the Axumite civilization by Yodit Gudit and the burning of the Amhara civilization by the invading Muslim forces of Ahmed Gragn. Perhaps, these civilizations were able to keep the country in pace with the rest of the world by the time, but they were demolished and we remained stagnated at where we were by then even to this date. Our knowledge about these two civilizations had to entirely rely on few written documents that survived the fire.

Namni yeroon hayyameef ishii inni jedhe tana, ee tan sarara (“lines“) shan qabdu irraa ka’uun yoo shimala qalamaa fi shimala sammuutiin dhaddhaye, kitaaba tokko guutuu barreessudhaan namichi kun qullaa isaa addunyaa fuuldura akka dhaabatu gochuu dandaya. Eessumattuu itti-beeknaan danaadaneen ( “diversity“) badhaadhina. Warra itti hin beeknee fi warra akka warra Dr. Geetaachaw fayiif immoo dammiyyuu isaan miidha. Akka inni gubbanatti jedhutti: afaan tokko, amantii tokko, aadaa tokkoo fi maaloo maaloon tokko wayyii waan qabaataniif ni misoomu jechaa miti. Jarreen tana jechuum miseensota gita-bittee Amaaraa fi muummiyyeewwan isaanii golfaan: “biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko, seenaa tokko, aadaa tokko, maaloo maaloo tokkoo” isaan qabeeti jira. Oddo-kabreen isaanii inni abbaa tokkeessoo kun bara Minilik irraa kaasee isaan: urgufaa, ija-babbaasisaa, hoomacha afaaniin baasisaa, lafaan dhaddhayaa jira. Oromoota kiyya, warri oggaa taabonni isaanii bawu, oggaan inni ximqataaf lagatti qajeelu, oggaa mankiristaana san oggaa sadii naannawu garri irra caaltan argitanii hin beektan taha. Oggaa kana nama isaanii, nama warra Amaaraa keessaa gariitti oddo-kabreen sun itti-ka’a.

Kunoo, Dr. Geetaachaw fi jaalleewwan isaa fi fakkaatota isaatti bardhibbee 21-ffaa kana keessallee, Oroppaa fi Ameerikaattillee oddo-kabreen isaanii sirumaa itti-hammattee, hoomacha afaaniin baasisaa jira. Namni isaanii innin kanaa olitti oggaa oddo-kabreen itti ka’u ibse, miskiinota; nama nagaati. Dr. Geetaachaw Hayilee faa garuu, namoota miskiinotas, namoota nagaas miti! Isaan warra arrabni isaanii akka bofa saafaa nama hiddu. Akka bofa saafaas summii namatti tuttufu. Isaan summii fi abjuu isaanitiin uummatoota impaayera isaanii keessaa, kan afaanota 76 dubbatan, kan aadaa, seenaa, qaroominaa fi muuxannoo garagaraa qaban balleessanii, lafarraa duguuganii: afaan tokko (afaan Amaaraa), aadaa tokko (aadaa Amaaraa), seenaa tokko (seenaa Amaaraa isa warra qaroomina qabu barbaacha Biyya Israa’eel deemu), amantii tokko (Kiristaana Ortodoksii), alaabaa tokko (alaabaa isaanii: magariisa, keelloo fi diimaa) isa alaabaawwan hortee Afro-Asiiyaa (hortee Haamii-Seem) irraa fottoquun akka isaan nu, warra Ertiraa fi warra Ogaadenyaa fayiin jedhan san fottoqxuu (“taganxaay“) tahuun warra biroo irraa ergifatan sanii miti.**

Kanaa olitti itti-beeknaan “danaadaneen badhaadhina” jedheen ture. Nuti Oromoonni isa kanatti hedduu ittiin-boonna. Mee gabaabduu wayii addaddummaa kana irratti hawaasa Oromoo fi hawaasa Amaaraa jidduu jiru haa fudhannu. Achumaanis kan warra Kibbaa itti haa daballu. Kana irratti akka Dr. Geetaachaw Hayilee kun qeesota isaa isaan Bulgaa fi Mooxaa Qaraniyoo faa wammachuun: “maqaa abbaatiin, maqaa ilmaatiin, maqaa afuura-qulqulluutiin” nama magansiisee (“gazzichaallahu“), “ni muramta, ni kutamta” (“tiqqatsafaallah“) naan hin jechisiifnen“adaraan” jedhaani. Harra fakkeenyaaf as irratti dubbii gabaabsuuf jecha, waayee aadaawwan impaayerittii isaanii keessatti argamanii yoo fudhannee, kanneen sabootaa fi sablammeewwanii yoo irra hambifnee kan saba Amaara callaa fudhanne, ishiin Dr. G. Hayilee faa ittiin boonan tun akka baaqqee kutaa jedhamuu sanii hedduu happhii wayii taheeti argamti. Mee nyaatan yoo jalqabne: kochee-n (“kitifoo“)-n uummatoonni impaayerittii kanneen addaddaa uummata Guraagee irraa fudhatan; cuukkoo, caccabsaa, qinccee fi aadaan bunaa kan Oromoon bara 575 irraa kaasee dhimma ittiin bahaa asi gaye, hardha Gaafa Afrikaa bira kutee addunyya guutuu kan badhaase kun faa, ollataan fi buldhaan (bullaan) uummatoota Kuushii kanneen Kibbaa fi warra Guraagee irraa dhufe faa hafee biddeenuma happhii kan Amaaraa sana ittee lukkuu-tiin (waxiin) qofa umurii keenya guutuu nyaanna jechaa dha.

Karaa uffataas: bollukkoon (“bullikkoo“) isaan jecha isaas uffannaa isaas Oromoo irraa ergifatan hafeeti, kutaan, jaanoon faas hafaniiti Toopphiyaa guutuun warroo finaxalaa (baaqqee) isaanii qofa uffata jechaa dha. Karaa bifoota uffataa faas bifoonni addaddaa hafanii impaarittii guutuun guyyuu uffata adii qofa uffata jechaa dha. Isaan kanneen fakkeenyumaaf, dubbii gabaasuuf jedhamani malee, waannee sonaan baay’ee kaasutu dandayama. Kana irratti warri Dr. G. Hayilee faa Oromoo fi Walayitaa faayin “warra burraa burree” jaalatu, “warra magariisaa faa” jaalatu jechuun ija tuffiitiin ilaalu, sagalee tuffiitiin waamu. Isaan mee wanneen addunyya guutuun, biyyoonni saayinsii fi tiknolojii-dhaan sokkan marti raajeffatan kana tuffatuu, arrabsuu! Ani otoon abbaa kitilaa (abbaa miliyoonaa) taheeyyuu, jarreen kana akka waayee bifoota uffataa faa irratti barannoo jalqabaa (“crash course“) fudhataniifan gara uummatota Ameerikaa Laatinii, warra Sarbiyaa, warra Ispaanyaa, warra Rusiyaa, warra Hungaariyaa, warra Jarman Kibbaa, warra Ostiriyaa, warra Sarbiyaa, warra Kirooshiyaa, warra Hindii fi warra Shiinaa (“Chaayinaa“) faattin ergaayyu. Achumaanis kun mataan isaa qaama qaroominaa tahuu isaa tarii hubatanii deebiyu! Jarreen kana gara biyyoota armaan olitti maqaan kaafameetti kanan ergu, isaan kanneen uummanni Oromoo, uummanni Sidaamaa, uummanni Gaamoo fi uummanni Walaayitaa faa qaban waan ija tuffiitiin ilaalaniif, baargama cewuun akka qalbeeffataniifi. Yoo sammuun isaanii inni sanyummaan cufame kun, karaa kanaan waa qalbeefata tahe jechuu kiyya.

The devastating impacts of our religious diversity can be seen from the demolition of the Axumite civilization by Yodit Gudit and the burning of the Amhara civilization by the invading Muslim forces of Ahmed Gragn.” Isa kan warra Guddiittii, “Gudiit” isaan jedhaniin kanaa, jechuun kan warra Agawoo isaan qaama hortee Kuushii fi qaama qaroomina warra Kuush tahanii , Dr. G. Hayilee eenyu faa qaroomina ollaa isaa lafa irraa akka balleesse, seenaan qabmee waan jiruuf ololli jarreen kun uummata Agawoo boonaa fi boonsisaa kana irratti adeemsissaa turanii fi kunoo ammas itti-fufan kan nama dinqu. Habashoonni Amaaraa kun bara shifticha isaanii kan Yikunoo Amlaak jedhamuu, bara 1270 keessa mootummaa warra Agawoo garagalchuun qabatee, qaroomina isaanii akka barbadeesse nama dhara dubbatu yoo tahe malee, namni galmeewwan seenaa gaggaragalche sirriitti beeka. Kunoo, harrallee, ijuma keenya durattillee, qaromina Kuushota Agawoo keessaa isa Laallibalaa kanraajeffatamoo addunyaa (“Wonders of the World“) keessaa tokko tahe, warri Dr. Geetaachaw “qaroomina keenya” jechuun sobanii, silaa isaan qaroomina, aadaa fi seenaa warreen biroo asii fi achi deddeemuun ergifatanii “keenya” jechuun, sunumtuu mee “handhuura keenya, kan nuti uummanne” jechuun dhiyeeffatuu, isa kanas “keenya” jechuun imaltoota (turistoota) fi warra kaanitti gurgurachaa jiru. Namn waa dhabnaan ni ergifata, ni liqeeffata kun qaanii wayiituu hin qabu. Kana nama gadi xixiqqeessu wayiis miti. Garuu, qaaniin qaanii calu, isa ergifan kana kan ofii maddisiisanii fi kan handhuraa ofii qofa tahe, godhanii dhiyeeffachuu dha. Ginni-bittee Amaaraa fi iliitonni isaanii isa kana irratti nyaara addachuun ijuma nyaatani!

Mee WAAQNI gurraachi garaa gurraachaa, leemmooon garaa taliilaa warra abbaa tokkeessoo kana jalaa aadaa Oromoo faas, aadaa uummatoota impaayerittii tanaas haa oolchu. Kutaa kanatti aane dhufu keessatti, waayee “qaroomina Amaaraa” isa Dr. G. Hayilee Muslimoota fi Oromootu balleesse jedhu san faa ilaalla. Kana asuma irratti dhaabuun bullaa, isin marti mee nagaan naa bubbulaa!

==============  Hubachiisota Miiljalee  ==============

Mana Barumsa Bantii = MaBBa (unibarsitii – warra Afaan Ingilizii akka afaa haadhaa-abbaatti dubbatu irraa kan hafe, afaanonni Oroppaa guutuu keessatti argaman marti “y” mitii, ”u” jedhaniiti dubbatu. Jecha kana warri Afaan Ingilizii dubbatu warra Afaan Laatiin dubbatu irraayyi ergifatani. Kanaaf, nuti kolonii warra Ingilizii faa mitiwoo maaf “y” isaanii kanatti rakkannaa? Maaf qubee “v” warreen biroottis rakkanaa? Akkuma uummanni keenya inni beekaan sun dubbatutti: unbarsitii, biidiyoo, bitaamina, foolisii faa jenna. Maaluma tahuu fi maaluma of-gochuu feeneti uummata keenya isa baldhaa kana irraa fagaachuun iliitota Amaaraa jala fiffiignaa.

** Uummatoonni afaanota “Afro-Asiatic” (“Hamito-Semetic”) dubbatan marti akka itti-taa’utu addadda malee, alaabaawwan isaanii irra akkuma alaabaa saba Oromoo (gurraacha, diimaa fi adii) gurraachi, diimaa fi adiin keessaa hin dhabamu. Kuni biyyoota Arabaa, biyyoota warra Barbar, biyyoota Adaala Sahaaraa keessa kanneen afaanonni isaanii Hortee Hamii fi Seem jalatti ramadamu marti bifoota sadan kana qabu. Alaabaan warra Fara’oonaa fi warra keenya Nubiyaanota duris isuma kan saba Oromoo: gurraacha, diimaa fi adii fakkaata. Habashoota “keenya” duwwaatu warra ofii irraa fottoqe jechaa dha.

Kutaalee dabran dubbisuuf mee as tuqaa:
– MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Duraa
– MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Lammaffaa

——————–

*- Taammanaa Bitimaa: gurree@web.de

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: