Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

 

 Taammanaa Bitimaa irraa*

DURAANDURSA
Jalatamoo fi kabajamoo warra barreefata kana duukaa-buutanii jirtan, mee waan hundumaa duran nagaa fi nageenya isiniif hawwa!  Barreeffama kana kutaa sadaffaa, ilaa akkana jedheen xumureeyyu: “Mee WAAQNI gurraachi garaa gurraachaa, leemmooon garaa taliilaa warra abbaa tokkeessoo kana jalaa aadaa Oromoo faas, aadaa uummatoota impaayerittii tanaas haa oolchu! Kutaa kanatti aane dhufu keessatti, waayee “qaroomina Amaaraa” isa Dr. G. Hayilee Muslimoota fi Oromootu balleesse jedhu san faa ilaalla. Kana asuma irratti dhaabuun bullaa, isin marti mee nagaan naa bubbulaa!” Eekaa, erga marti keessan nagaan naa bubbultanii ani amma nagumaanan isa jedhamee ture kana itti isinii fufaa, isinis yeroo keessan barreeffama kiyyatti mee hin qusatinaa!

SEENSA
Dursee qaroomina jechuun maal maal faa akka tahe, mee wajjumaan haa ilaallu! Kanaafis qabxiiwwan afur kanaa gaditti kennamaniiti jiru:

1. “civilization – a society in an advanced state of social development (e.g., with complex legal and political and religious organizations); “the people slowly progressed from barbarism to civilization.”

2. “civilization – the social process whereby societies achieve an advanced stage of development and organization.”

3. “civilization – a particular society at a particular time and place; “early Mayan civilization.”

4. “civilization – the quality of excellence in thought and manners and taste; “a man of intellectual refinement”; “he is remembered for his generosity and civilization.”*

Qabxiiwwan armaa olitti keennaman keessaa mee Dr. G. Hayilee kan: Oromoon yookaan Walaayitaan, Sidaamaan yookaan Hadiyyaan, Kafichoon yookaan Somaaleen faa hin qabne, garuu uummanni isaa Amaarri callaan kan qabu nutti haa himu! Maarree, “waraabessi biyya isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe!“, kan jedhamutu mammaaksota Oromoo keessatti argama. Dhugaa dubbii yoo tahe, yaannumti muummiyyeewwanii (illiitotaa) fi gita-bittee Amaaraa kunuu, jechuun inni isaan nuu fi uummatoota Kibbaa maraan, dabraniituu Misira irraa kan hafe uummatoota Afrikaa guutuun: “nu malee, isin qaroomina wayiituu hin qabdan” jedhan kun , yaada isaanii kan isaan irraa madde, yaada orjinaalee otoo hin taanee, kan warra Faranjii irraa ergifatame. Isaan akkuma waan hedduu asii fi achii bubbutachuun ergifatan sana, isa kanas Faranjoota Oroppaa-Ameerikaa irraa ergifachuun nus, saboota Afrikaa teenyaas: xixiqqeessu, tuffatu, arrabsu, sanyumaa fokkisaa tahe nutti agarsiisu. Koloneeffatoota Oroppaa sanatu: “Misira irraa kan hafe Afrikaan marti qaroomina maleessa” jedha. Ee, isaan Afrikaa teenya “qaroomsuuf dhufaniitoo” qabeenya fi leecalloo Afrikaa kan akka: sabbuu (“gold“), diggaa (“diamond“), sibiila (“iron“), sibiilboora (“copper“), meeta/ meetii (“silver“) faa saammachuun biyyoota ofii misoomsanii teeknolojii fi saayinsiin sokkuu dandayani. Kunis leecalloo fi qabeenya Afrikaa qofa otoo hin taane, kan Ameerikaa Laatinii irraa sammatanis dabalata.

As-irratti, karaa kanaan koloneeffatoota Oroppaa fi koloneeffatoota Habashaa walbira qabuuniyyuu “dogoggora” jechuutu dandayama. Akkamitti namni fardaa fi harree walbira qaba? Yoo xiqqaate koloneeffatoonni Oroppaa Afrikaaf wanneen tokko tokko dhiisanii deemaniiru. Isaan “keenyaa” kun mee maaluma faa nuu fidani? Maaluma faa nuuf dhiisani? Sagalee tokkoon uummanni Oromoo jarreen kana irraa kan argate gadadoo fi beela; dhumiinsa sa’aa-namaati. Mee yaadaddhaa! Seenaa keenya keessatti Oromoon: “bara loon dhuman“, jedhee kan waamu sun, bara 1889-1892 keessa dhibee sa’aa-namaa kan isaan wajjin dhufeen dura loon dhumanii, booda namni dhume. “Namni dhume” jechuun kiyya nama isa dirreewwan waraanaa: Calanqootti, Aannoleetti, Salaale-Darraatti, Gullallee Shaggaritti, Galaanitti, Ada’atti, Meettaa Aabbuutti, Sooddotti, Bachotti, Walisotti, Kuttaayetti, Cabootti, Noonnootti, Gaamoo Jibaatitti , Jimma Raareetti, Daannootti, Limmutti, Guumaa fi Leeqaa Hordaa faatti qawwee ibiddaatiin gubatee dhume sana jechuu kiyyaa miti. Dhibee sa’aa-namaa kan isaan hordofuun dhufe sanitu akka beekaan seenaa, namni Afran Walisoo Baqqalaa Bantii Beellamoo Roggee bara 1998 keessa natti himetti: “Biyya Oromoo onse“. Dhibeen: fanxoo, cobxoo fi qurcummaa faa akka isaan waliin Biyya Gadaa seene, ani gamnoota: Jahan Bachoo, Sadeen Sooddoo, Kurnan Gullallee, Afran Walisoo, Ja’an Ammayyaa fi Torban Kuttaayee irraan dhagayaa guddaddhe. Isaantu barachiisota (pirofeesaroota) kiyya ture. Dabreetuu Oromoon keenya: “bineensi hamaan kan abbaa-rusii jedhamu Sidaama wajjin dhufe” jedha. Dabaleesoo: “idda Sidaamni dhufeeyyi biyyi bade. Erga Sidaamni dhufee kormi sa’a koruu dide. Lafti miilli Sidaamaa irra ijjate miidhaan baasuu dide“, waan jedhan qabu Oromoonni Tuulamaa fi Macca Bahaa. Mammaaksota isaanii beekamoo san keessattis: “yaa Waaq kan tolu fidi jennaan Sidaama fiddee?“, kan jedhamutu argama. “Waan tolu, waan nagaa fi gaarii fidi jennee si kadhannaan ati waan hamaa fi badaa nutti fidde“, jechuu isaanii akka tahe akeekkachuun rakkisaa miti! Isaan akka biraatti of haa beekan malee, uummanni keenya gocha isaanii fi muuxannoo ofii irraa ka’uun akka kanaa faatti warra Dr. G. Hayilee kana beeka. Boosettiin: “qayya kiyya! Meerre qayyi kiyya?” jennaan, “kan si hin beekne bira dhaqii waayee qayya-keetii odeeffaddhu, jedheen abbaan manaashii“, jedha mammaaksi Oromoo keenyaa!

Kanaa olitti koloneeffatoonni Oroppaallee “waan tokko tokko Afrikaaf dhiisanii deeman” jedheen ture. Biyyoota isaaniis qabeenya Afrikaa fi qabeenya Ameerikaa Laatinii irraa saammataniin, akka misoomfatan ibseetan ture. Nafxanyoonni Amaaraa kana lamaanuu hin goone. Isaan erga meeshaa-waraanaa kan ammayyaa fi leenjiftoota-waraanaa isa humnoota Oroppaa oggaa sanii: Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Ixaaliyaa fi Rusiyaa irraa argataniin Oromiyaa fi Biyyoota Kibbaa qabatanii, lafa uummata irraa sarbatanii uummata gabbaarii godhatanii, kaan akka hoolotaatti gabaa baasanii gurguratanii, siree irra ciisanii aannan, dammaa fi buna Oromoo dhuguu malee, cooma dilbii Oromoo murachuu malee, biddeena xaafii-maanyaa kan Oromoo dhudhawuu malee, wanni isaan hojjatan hin turre. Jarreen akkamalee dhibaawoon kun qabeenya uummata Oromoo irraa saammatan akkuma awaannisaa nyaatanii gattaa’uun of-keessaa baasuu (a–g–) malee, akka warra Oroppaa isa saammatan sana gara biyya ofii geessanii, biyya isaanii ijaaruun uummata ofiitii waa hin buufne. Kana kan godhu mee nama qaroomee, nama hojii jaalatuu, nama fageessee yaaduu fi nama dhibaawummaa aadaa ofii hin taasifannee! Mee waan kana akka sirriitti nuu addeessuufan, as irratti fakkeenyota sadan tokko kennee dabra.

QAAMADUBBII
a) Dur bara mootolii isaantu gara Oromiyaa dhufa malee, Oromoonni biyya isaanii, Habashiyaa (Biyya Amaaraas, Biyya Tigrees) dhaqan hin turre. Maal barbaada dhaqu-ree? Booda keessa loltuuwwan miseensota Waraana Toopphiyaa turanii fi barsiisonni tokko tokko waan achitti ramadamaniif dhaquuf dirqamani. Oromoonni wanneen lammiiwwan isaanii kun erga gara biyya ofiitti deebiyanii, odeessan amanuu daddhabani. Silaa Oromoon ni soba jedhee wali hin ilaaluu: “jarri kun Biyya Sidaamaa irraayyi soba baratanii dhufanii-laa“, jedhaniitoo walgaafachuutti ka’ani. Jireenya uummanni Amaaraa kabajamaan kun keessatti argamuu fi kan nafxanyoota Oromiyaa keessaa waan lafaa fi waaqa (samii) tahee itti-muldhateef, Oromoonni dhalawwan ofii sana irratti ciicannoo agarsiisani.

Fakkeenyotan jedhe keessaa tokko kan nama Gudar, ee Gudar Gabaa Jaafaroo jaalatamaa biyyaa sana irraa argame. Oromtichi seenaa kana natti hime amma Oroppaa Lixaa keessa nama jiraatu. Obboleessa isaa isa hangafatu, barsiisaa tahuun Biyya Amaaraa keessaa naannoo Dr. G. Hayilee, Manjee-tti (“Manz-tti) ramadame. Booda carraa dansaa isatti qabee obboleessi keenya kun Biyya Tokkummaa Sobiyeet irraa, iskoolarshiippii argate. Obboleessa isaatin otoo “nagaatti” hin jedhin, otoo eebba hangafaas hin argatin maal godhee Biyy Faranjii dhaqaree? Akka bilbiltoon (shilkiin) hin dubbifneef, akka warri Manjee jedhanitti wanni akkanaa kun, “hojiin sheexanaa” bakka obboleessi isaa itti-ramadame hin jiru. Amma inni kan takkaa biyyaa bayee hin beekne, biyya ofii irraa bayee habisee (“visa“) wayiituu malee, Biyya Amaaraa, Manjee magaalattii bichuu takka dhaqe.** Bulee, bariitu isaa obboleessi isaa waan hojii deemee achi ooluuf: “gabaa bayiitii kanaan waan feete bitaddhuutii, bilcheeffaddhuu dhiyaana-kee nyaaddhu!“, jedhee horoo itti-kennee gara mana barumsaatti qajeele. Inni hirriba isaa quufee, gara guyyaa saafaa gabaa baye. Buupphaa bitatee galee waaddachuuf, dhaaba indaanqoo dhaqee abbaa buupphaa sanaatti maallaqa baasee kenne. “Hin fuddhu” jedhee namni sun harkatti dide. Horoo biyya biraati akka hin jennee, asittis namni akkuma Gabaa Jaafarootti qarshii Toopphiyaa sanaan dhimma-baya. Afaaniin walii hin gallee akka hin jennee, yoo loqoddaa warra Manjee wallaaluun “baqloo” jechuuf “ba’ilooh” jechuu baatellee Afaan Amaaraa, waan manneen burumsaa Gudarii fi Amboo keessaa bitateef, ni dubbata. Namni keenyaa sun: “yaa Gudar-koo, yaa Ambo-koo, yaa Shaggar-koo” jedhee biyya abbaa ofii waamuun isaa hin oolle. Nama lamaa-sadii kanneen lukkuu fi killee gurguran gaggaafatee harkatti didamnaan, gara mana obboleessa isaatti deebiyee, agabuu isaa oole mucichi keenya, ilmi Oromoo!

Hojii booda obboleessi isaa gara manaatti deebiye. “Yaa haadhoo-koo maal qoppheeffattee nyaatte?“, jechuun isa gaafate. “Lakkii, anoo homaa hin nyaannee! Inqaaquu bitachuuf gabaa bayeen horii na harkaa fudhachuu didani.” “Mee yaa Waaq, ati qarshiidhuma itti-kennite moo?” “Maarree, malan itti-kennaree!” “Dhiifama balleessi kan kootii! Dura soogidda bitteetu booda isa inqaaquu-dhaan geeddaratta. Kana sitti himuun irraanfaddhee maloo qoonqoon na jalaa si ajjeesse-kaa!” Muuxannoon obboleessa keenyaa kun kan  nutti agarsiisu, warri naannoo Manjee kun, ee warri Amaaruma keessayyuu gosa: Minilik, Raas Daargee, Raas Walada-Gabreeli fi Dr.G. Hayilee faa bara Dargii keessallee sirna maallaqaa keessa otoo hin taane, sirna meeshaa-meeshaan geeddaruu(“barter”) keessa akka jirani. Bataskaanni naannoo sanatti argamnaan isuma callaatu jalqabaa fi dhuma qaroominaati jechaa dha, warra abbaa-dhuunfaa qaroominaa kanaaf!

b) Faakkeenyi inni lammaffaan kun immoo waayee jireenya uummata Amaaraa kan naannoo Goojjam hamma tokko kan agarsiisu. Isa kana kanan dhagaye dirbantii (“metropolis“) Shaggar-itti, bara 1996 keessa. Tan isa kana natti himte aayyoo Oromoo takka. Ishiin nama naannoo Afran Walisooti. Bara Dargii san keessa ilmi ishii hojiif magaalaa Baahir Daaritti waan ramadameef, ishiin ilma ishii kana gaafachuuf gara Goojjam deemte. Ilmi ishii sun waan hojiif jecha baadiyaa keessa deddeemaa tureef, ishiin yommuu baay’ee isa waliin deddeemuun jireenya baadiyaa isaanii agartee turte. Amma as irratti maqaa ishiis, maqaa ilma ishiis kaasuun barbaachisaa hin tahu. Aayyoon teenya kabajamtuu fi beektuun sun magaalaawwanii fi magaalattiiwwan naannoo Afran Walisoo keessa tan jiraattu otoo hin taane, baadiyaa keessa jiraatti. Shaggarittis ishii kanan argeeyyuu, ilma ishii sana gaafachuu waan dhufteefi. Ani dur otoon biyya kiyya, dachee Abbaa Gadaa fi dachee Haadha Siiqqee irraa hin bayin Biyya Amaara Gondor, Manjee, Amaaraa Sayintii fi Goojjam deddeemeen ture. Hatuhu malee, ani magaalaawwan isaanii malee, baadiyaa isaanii hin agarre; isa konkolaataan konkolaatee keessa dabru yoo tahe malee. Amma dubartiin Oromoo sun jireenya baadiyaa Oromoo fi kan baadiyaa Amaaraa ennaa ishiin walbira qabdee natti himtu, anumaa (kan seenaa isaanii, afaan isaanii, waayee amantii isaanii, sanyii isaanii faa isaanuma irraa “baraddhe“) amanuutu na dhibe. “Edaa ani jireenya uummata isaanii, isa biyya isaanii keessa jiraatuu sana hin beekuu?”, jedheen of-gaafaddhe. Dhugaa dha; duris jireenyi qutee-bulaa isaanii akka kan qotee-bulaa Oromootii gadii tahe nan beeka. Ammoo, akkanatti jireenya hedduu duubatti hafaa keessa akka uummanni Amaaraa kabajamaan kun jiraatu, beektuu Oromoo sana irraayyin hedduu baraddhe.

Ilaamee, ishiin akkanatti natti himteeyyuu: “Yaa ilmakoo akkamitti namni otoo uffata ofii hin miiccatin biyyee of-fakkeessee gabaa ba’a? Qopphii cidhaa faa irratti argama? Maal saamunaan yoo dhabame andoodeen jiraa mitii? Keenya namni surree bolaalee uffatee deemaa, isaan garuu ammallee qumxaa gonnoffee sana hidhatanii deemu.” Naan jette. “Yaa ilmoo koo mee na dhiisi ani sitti himee hin fixuu! Cilfaallee mee hin qabanii!” “Aayyoo maal jechuu keessani, maaliin itti-nyaata (waxii) baafatu-ree?” “Biddeenuma dhiyaate keessaa tokkoosaa fuudhanii qubaa fi barruutti maratanii distii keessaa waxii baafatu. Yoo kun isaan rakkisemmoo waanuma itti-waxan sana, yoo hoo’aa ta’e bututtuun qabanii keessaa biddeena irratti naqu.

As irratti dubartiin Oromoo sun uummata Amaaraa irraa jibbas, tuffiis hin qabdu. Ammoo, warri nafxanyaa jireenya akkanaa keessaa bayanii qawwee baaddhatanii, mataa uummata Oromoo, uummata Kafichoo, uummata Sidaamaa, uummata Hadiyyaa, uummata Walaayitaa, uummata Gimiraa fi uummata Moochaa faa irra taa’anii: dafqa, imimmaanii fi dhiiga isaanii xuuxxachaa akka as gayan dubbiin kun nutti agarsiisa. Otoo akka awaannisaatti isa nyaatan san achumatti a–g– baatanii, waa isa irraa gara biyya ofiitti erguun akkuma koloneeffatoota Oroppaa faa godhanii, uummanni isaanii kun gadadoo fi beelaan harca’aa, Toopphiyaan isaanii tunillee fakkeenyaa fi asxaa beelaa taatee addunyaa irratti hin muldhattuuyyu. Kunoo, kana irraa barachuun obbolaan isaanii ginni bittee-Tigraayi fi illiitonni isaanii qabeenyaa fi leecalloo Oromiyaa akka hamaatti sammachuun, otoo muknii fi kursiinillee hin hafin, ol-guurratanii biyya ofii sirriitti ijaarrachaa jiru. Gita-bittee Amaaraa isa akka daanawoo fi bacoo, shilmii fi dhulaandhulaa of-taasise kana, warra Wayyaanee wajjin karaa kanaan walbira qabuun hin dandayamu. Yoo xiqqaate Wayyaanonni dhibaawoo fi hojii lafarra-harkisoo miti.

c) Mee asirratti waayee hojii lafarra-harkisuu nafxanyootaa fi miseensota birokiraasii isaanii kan akka gaariitti nutti muldhisu, tokkon isiniif kaasa. Ani barreeffata tokko kan Afaan Amaaratiin oggaan baqattuu tahee, ee mootummaa Amaara Habashaa isa Dr. G. Hayileen ittiin-boonu jalaa lubbuu tiyya takkittii tana oolchuuf Sudaanitti baqaddhee, Kaartum jiru waraqaa irratti facaasee ture. Matadureen isaa: “Falamaa Lafaa Waggaa 30 ture– (30 Amat Yaqoyya Yamareet Kirikkir)” kan jedhamuuyyu. Kitaabee “Tokkummaa Barattoota Toopphiyaa Oroppaa keessaa – ESUE“, tan “Tiglaachin” jedhamtu keessatti bayee ture. Barreeffanni sun gidiraa fi roorroo nafxanyoonni uummata Oromoo irratti adeemsisaa turan hamma tokko ibsa.*** Ani otuman biyyaa hin bayinin: “jechi Amaaraa inni “naga” jedhu, jecha Oromoo isa “boru” jedhuuf hiikkoo hin tahu“, jechuun qoosaa ture. “Naga“-n isaanii kun dhuma hin qabu. Beellama mana-murtii isaanii sanatu “naga” jedhamee, waggaa 30 fudhate. Waggaan 30 kun ennaan ani waan sana barreesse malee, ergan ani barreessee asii waggaa lama dabalachuun waggaa 32 guutee jira.

Kan waggaa 32 guutuu uummata ofiitiin wakkiilamee, bantiiwwan nafxanyootaa dura dhaabachuun, falamaa sana adeemsise ekeraan isaa dhaadhii haa dhugduutii abbaa kiyya, Bitimaa Soondhessaa Kowalee-ti. Amma erga geeddaramni impaayerittii keessatti tahee asiin, bara 1992 keessa biyya kiyya lubbuu tiyya sanitti deebiye. Abbaa kiyya waayee kanaa gaafannaan otoo Dargiin dhufee waayee lafaa hin labsin, waggaa tokko dura akka moyate natti hime. Dubbii kun otoo Xaaliyaaniin biyya keenya hin qabatin, jechuun bara 1935 keessa jalqabamee ture. Lafti sun “Lafa Abbaadhoo Warra Gurree” kan jedhamu, erga waraanni Afran Walisoo qawwee ibiddaatiin moyamee, lafa Oromoo nafxanyoonni dhibbayyaa 70 sarbatanii, dhibbayyaa 30 Oromoof hafe san keessatti kan ramadamu. “Lafti kun idda Birqii Assee yaa’ii Afran Walisoo keessa dhaabatee, bulbulii lafti abbaan dhabduu koottaa yaa Waliso lafa naa tumaa” jedhee, “yaa’in Arfan Walisoos waliigalteen isaa tumee eebbisee kenneefii keenya malee, kan eenyutuu hin turre“, jedhu Oromoonni Abbaadhoo Warra Gurree. “Gurree Birqii jireenya-saa guutuu Oromoof laffa’aa waan jiraateef, dulluma isaa keessa Arfan Walisoo waan feetu himaddhu, eebbifnee si badhaafnaa isaan jedheef, inni kana himate. Walisoo isatti kolfaa nuti waan guddaa nu gaafatta jennee otoo si eegnuu ati ishii kana nu gaafattee jedhee tumee kenneefi. Haatahu malee, hamma miilli Sidaamaa biyya Walee Walisoorra hin ijjatinitti namni Warra Gurree Birqiitii lafa qote hin turre. Lafti akkuma durii kan walee (kan gamtaa) ture“, jedhu gamnoonni fi jagnoonni Afran Walisoo isaan lammii Abbaadhoo keessaa Warra Gurree Birqii tahanis, isaan hin taanes.

Maayessa warri Dajjaach Gaarradoo Waldee (Gaarradaw) isuma hafe sanayyuu dhuunfachuuf dhufnaan, Abbaadhoon uummata Qaqaldhii wajjin yaa’ee ofirraa deebise. Gaarradoo Waldee kun, Amaara keessaa nama Manjee yoo tahu, itti aanaa Goobana Daaccee tahuun nama waraana Oromoo Afran Walisoo ollachiisaa sana cabse keessatti kan argamu.**** Egaa, humnaan daddhabnaan Shaggar mana-murtii isaanii sanitti warra Oromoo kana himachuun dhiyeeffatani. Lafti kun wantaa (gaashaa) jaha. Kan abbaa tokkoo qofa otoo hin taane, kan warra Gurree Birqii fi kan Abbaadhoo warra biroo, dabalees kan Oromoota biroo kan gosaaniyyuu Afran Walisoo hin taane fayiiti. Laftichi lafa gamtaati jechaa dha. Yoo xiqqaate qeyee abbootii warraa gara 100-tu lafa kanarra jiraata. Naannoon kun hedduu gobbuu waan taheef, nama danuutu irratti argama. Biyyi yaa’ee akka akaakayyuun kiyya, Soondhessaa Kowalee Kishiiroo Gurree, Shaggaritti marmaaree falmuuf filate. Waggaa tokko booda akaakayyuun kiyya nama waggaa 65 tayee, duulee akka uummanni keenya jedhutti, “Maqaleetti hafe“.

Garuu, lammiin Dr. G. Hayilee, mootichi isaanii Hayila-Sillaaseen akka akaakayyuu kiyyaa Maqaleetti hin hafnee, akka abbaa kiyyaas Shaggaritti hafuun booda bosona hin seennee, firoottanii fi raroo isaa haratee akka Oromoon jedhutti: “biyya ofii qarriffaa diinaa keessatti dhiisee” Biyya Ingiliziitti baqate. Nafxanyoonni dugda uummata keenyaa akka dugda baataa fardaatti madeessan sun, “waraabessi kan halkan nama godhe waan beekuuf, guyyaa nama dheensaa“, otoo Oromoon waa tokkollee isaaniin hin jedhin gara biyya ofiitti deebiyani. Oromoon biyya ofirraa gara itti-dheensu hin qabuu, aadaa isaa keessatti biyyi ofii irratti du’ama malee, irraa hin dheenfamuu, bosona Oromiyaa seenuun Xaaliyaanii dhaabii dhoowwe. Waggaa shan guutuu Gaara Hococaa (kan Finfinneen karaa Lixaatiin jala jirtu) irraa hamma Laga Gibeetti, Laga Abbayyaa irraa hamma Biyya Guraagee fi karaa Sooddotiin hamma daangaa Oromoo Arsii, Laaqii Dambal (“Ziwaay“) faatti kan magaalaawwan irraa hafe, Garasuu Dhukii jala ture. Biyyi Oromoo inni Shaggar irraa gara Kaabaas Oromticha Abbichuu, Abbabaa Aragaay Baccaree jala ture.

Akka uummanni Oromoo jedhutti: “Qeerransi Dhukii lafa Oromoos, Biyya Oromoos deebisee ture“. Naannoo kana otoo Minilik hin qabatin wanni “gabbaarummaa” yookaan “cisanyummaa” jedhamu hin turre. Dacheen Waaqni eebbisee Oromoof kenne sun kan abbaa lafaa waayii otoo hin taane, kan gamtaatiyyu. Sirni ittiin-bulus Sirna Gadaa raajeffatamaa fi isa bantii dimokiraasii addunyaa sana ture. Waggaa shanan sana keessa, “jabana Qeerransa Dhukii” namni namaaf qotu hin turre. Eekaa, ginni-bittee Habashaa inni takkaa miila isaa lamaanin dhaabatee hin beekne, inni seenaa isaa keessatti Oromoonis loluuf, Muslimootaanis loluuf gara humnoota Oroppaatti fiigu sun, loltoota fi jeneraalota Biritaaniyaa Guddoo kanneen akka Jeneraal Wingeet fayiin marfamee Shaggaritti deebiye. Silaa ginni-bittee Amaaraa fi sobni obbolaa lakkuu-tii, biyya Oromoon bilisa baafate kana: “anatu Xaaliyaanii hariyee bilisoomse“, jechuun soba gabaa keessaa addunyaatti odeeffate. *****

Amma nafxanyoonni tokko tokkoon deebiyuun mataa uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irra qupphanani. Bara 1942 keessa warri nafxanyaa lafa kanaa olitti jedhame sana irraa midhaan uummataa hirachuuf, yeroo garbuun baddaa Qaqaldhii Walisoo galfamu, baatii Muddee keessa magaalaa Walisoo fi magaalaa Tullu Boolloo irraa foolisoota isaanii of-duukaa buusanii itti-dhufani. Yeroo kana labsiin mootummaan Hayila-Sillee inni Oromoon: “qawwee manneen foolisiitti haa deebisu” jedhu sun hin jalqabamnee, Oromoon qawwee Xaaliyaanii irraa boojiyate sana tuullaan qabaa: “jarana asii deemaa! Waggaa shan ennaa nuti Xaaliyaaniin lollu isin eessa turtaniiyyu? Lafti duris keenya; hardhas keenyumaa nagaan bakka dhuftanitti, boongoo (waasshaa) keessan mandarootatti (magaalaawwanitti) dacha’aa” jedheeni. Booda lolli ka’ee gara lachuu irraa namni du’ee, isaan baqatanii deemani. Oromoo irraa nama lamatu gaaf sana galaafatame. Tokko jaarsa waggaa 75 obboleessa akaakayyuu kiyya isa hangafa ture. Gochi jaarsicha Oromoo kun jagnummaa Oromoo kan akka mishootti nutti agarsiisu. Warri kaan waggaa shan waan caakkaa turaniif, akka faannootti, akka riphxee-loltuutti gadi-ciisanii dhukaasu. Dhaabaa Kowalee Kishiiroo garuu, akka dargageessaatti olii-gadi u’utaalaa, eeboo isaa mirmirsaa: “maal abbaa keessaniif diina jalaa gacciiftu? Oljedhaatii haleelaa malee, maa maqaa Oromoo balleessitu?“, otoo jedhuuyyu xiyyiitiin nafxanyaa tan barartu isa galaafatte.******

Sanaa achi nafxanyoonni qawween Oromoo daddhabnaan silaa manni-murtii dhuunfaa isaaniiti, Finfinnee Shaggar bawuun fayila Abbaadhoo Warra Gurreetti banani. Uummanni yaa’ee sagalee tokkoon abbaa kiyya, isa ennasumaa abukaatoo ture, akka Shaggaritti marmaaree biyyaaf falmu filate. Dubbiin kun fuuldura Hayila-Sillaasettuu ennaa lama dhiyaatee: “qulqullaawee haa-dhiyaatu – taxaartoo yiqrab” jechuun gadi deebiye. Yeroo sadaffaa bara 1973 keessa dubbiin sun mooticha-motolii fuulduratti, jechuun Dhaddacha Gonfoo-tti (“yazufaan ciloot“) dhiyaatee, Oromoonni Abbaadhoo Warra Gurree moyatani.

Fakkeenyi lafaa inni kanaa olitti isiniif dhiyaate kun, akkamitti warri Dr. G. Hayilee “qaroomina” isaanii kanaan uummata Oromoo akka gidirsaa as dhaqqaban nutti agarsiisa. Maali qaroominni Amaaraa inni Dr. G. Hayilee Oromoo fi Muslimootatu balleesse, nuun jedhu sun isa kanas ni dabalataa? Hojii jaalachuu, lafarra harkisuu dhiisuu, hisataa (“hard-working“) tahuu, dhibaawummaa jibbuu faas Oromoo fi Muslimootatu isaan jalaa balleessee? Dr. G. Hayilee fi jaalleewwan isaa akka itti-hojjatamu, akka hojiin kamiyyuu hin tuffatamne, akka hojiin kamiyyuu lafarra hin harkifamne, gara biyya obbolaa isaanii gara Maqalee dhaquun otoo baratanii wayyaafi. Yommuun kana jedhu, ani warra Wayyaanee jaaladdhee, yookaan isaan faarsufii miti. Warra Wayyaanees tahee, ginni-bittee Amaaraa akkuma humna qawweetiin mataa uummata keenyaa irra of-kaayan, humna qawweetiin mataa isaa irraa kaafamu. Waaqaa gaditti lafaa olitti eenyumtuu Oromiyaa teenya humnaan qabatee, uummata Oromoo gaccabsee bituu gonkumaa hin dandayu.

Amma gara wiirtuu dubbii Dr. G. Hayilee sanatti yoo deebine, mee maaluma-laa qaroominni Amaaraa kan inni Oromoo fi Muslimootatu barbadeesse nuun jedhu kun? Innii fi illiitonni isaanii kaan, amma gara seenaa waggalee 400 fi 500-ii faatti deebiyuun kan uummata Oromoo fi Muslimoota Toopphiyaa kabajamoo irratti waraana banan, Toopphiyaa isaanii tana ijaaru fi moo diiguufi? Jarri kun uummata Oromoo isa walakkaa uummatoota Toopphiyaa kan barana lakkoofsaan kitila 92 (92 000 000) tahee, jechuun kitila 46 (46 000 000) fi sana irratti uummattoota Toopphiyaa kana keessaa, Muslimoota dhibbayyaa 50 (“50%“) fi dabreeyyuu, uummatoota Kibbaa maratti summii tuttufuun maal akka isaanii fiduufi? “Yaa qotiyyoo gowwaa, marga malee hin agarre bowwaa!“, jedha Oromoon waan akkanaa-tiin. Mee amma kutaan kun akka nutti hin dheeranneef, asuma irratti haa dhaabnu! Kutaa kanatti aanee dhufu keessatti, erga muummiyyeewwan Amaaraa duula hamaa fi jibbisiisaa: uummata Oromoo fi Muslimoota Gaafa Afrikaa irratti bananii seenaa Oromoos, seenaa Muslimoota keenyaas bardhibbee 16-ffaa fi bara Ahimad Giraanyi duraa irraa kaasuun dhugaa fi dhugoo irratti hundeeffamuun ibsamaatii, mee hammasitti nagaa fi nageenyi qeyee keessan irraa hin dhabamini!

========== Hubachiisota Miiljalee ==========

* “Thesaurus Legend:  Synonyms Related Words Antonyms; Based on WordNet 3.0, Farlex clipart collection. © 2003-2012 Princeton University, Farlex Inc.

** Habisee (“visa“) = hayyama biyya seennaa (HaBiSee).

*** “30 Amat Yaqoyya Yamareet KirikkirTiglaachin, Quxir 1, Maskaram – Xiqimt 1965“, fuulee 15-18. Barri kun akka lakkoofsa warra Gi’iizii-tti.

**** Dajjaach Gaarradoo Waldee kun itti-aantoota Amaaraa kan Raas Goobana Dachee keessaa isa tokko. Inni Amaara dursee Oromoo Afran Walisoo bite yoo tahu, abbaa haadha Raas Masfin Silashii-ti. Ilmi isaa Dajjaach Tassammaa Gaarradoo fi intalti isaa Weezaroo Askaalaa Gaarradoo (haati Raas Masfin) hamma mootichi-Mootolii qabsoo uummatootatiin gombifamee, lafti kan qonnaan-bulaa tahutti biyya Afran Walisootti abbootii/ haadholii lafaa isaan olaanoo keessatti argamuuyyu. Tan Oromoota himchuun karra warra Amaaraa irra dhaabaa jiraatte, Askaalaa Gaarradoo tana. Erga Gaarroadoon du’e lafti sun kan Tasammaa mitii qooda ishii tahe. Yommuu dubbiin sun Hayila-Sillaasee fuulduratti dhuyaatu namoota mirgaa fi bitaa mootichaa dhaabatanii waa itti-himan keessaa, (akka isaan jedhanitti “yammitachuu“), inni tokko Raas Masfin Silashii isa Oromoon “bulguu-lafaa” jecdhuun sana ture. As irratti mammaaksi warra Amaaraa inni: “abbaatuu daanyaa lijuu qammaanyaa – abbaan abbaa-murtii ilmimmoo gaadduu” jedhamu sun hojiirra oolee, ture jechaa dha.

***** Waayee Garsuu Dhukii fi jangoota Oromoo hedduu kanneen bara Xaaliyaanii, waggaalee shan guutuu bosona Oromiyaa manneen ofii taasifatanii turan, waraqaan kora Waldaa Qorannoo Oromoo (WQO – OSA) isa bara 2005 magaalaa Atlaantaa, USA irratti dhiyeessee ture, amma karuma mandheewwan Oromoo gadi-baasuuf irratti hojjachaan jira. Matadureen barreeffama sanaa: “GARASU the Tiger: Oromo Poems During the Italian Occupation – 1936-1941” kan jedhamu. Hayaa, oggaa Oromoonni biyya abbaa-haadhaa ofiitiif jecha, dhiiga ofii dhangalaasaa turan miseensonni Gita-bittee Habashaa Biyya Ingilizii fi Biyya Falastinaa, magaalaa Yarusaalem tan ennaa sana kolonii Ingilizii jala turte keessa bashannanaa turani. Gariin kan akka Raas Hayiluu (ilma-ilmaa kan mootii warra Goojjam) fi Raas Siyyum (ilma-ilmaa kan mootii warra Tigree) faa gantuu biyya isaanii, baandota turani. Keessumaa Raas Hayiluun kun Garasu “harkasaa qabeetan fida” jechuun faashistoota Xaaliyaanitii waadaa waan galeef, qeerransa Dhukii maal qabaa mitii, gandeeni fi midhaan oobruu keessaa Oromiyaa Waltajjii irraa barbadeessaa ture. Seenaa isaa keessatti Oromoon warruma Habashaa kana qofa biyya ofii irraa ittisaa hin turre. Warra Misiraa (ijjibtii) kan Osmaanota Turkiitiin deeggaraman (Oromoonni Barentuu), mootummaa Sinnaar/ Sudaan (Oromoonni Macca Lixaa – Jootee Tulluu faa) fi faashistoota Mosolonii fi Giraaziyaanii dura dhaabachuun seenaa boonsisaa galmeessanii jiru.

****** Jedchi Afaan Amaaraa inni “xiyyiit” jedhamu kan Afaan Oromoo irraa ergifatame. Kunis jecha Oromoo isa “xiyya” jedhamu irraa madde. Xiyya – xiyyiitii, billaa – billiitii faa jenneetoo itti-fufuu dandeenya. Jechi isa “rasaasa” jedhamu immoo nuti Afaan Arbabaa irraayyi ergifanne.

Kutaalee dabran dubbisuuf mee as tuqaa:
– MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Duraa
– MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Lammaffaa
– MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Sadaffaa

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: