Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

Ebla 12, 2014: Waamicha Kabajaa Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo

Posted: Ebla/April 7, 2014

Hawaasni Oromoo Kibba Dhiha Norway (Haugaland) qubannee jirru guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo bara baraan Ebla 15 kabajamu, guyyaa 12.04.2014 kabajuuf qophii goonee jirra.

Hawaasni keenya, akka ijaarsa Hawaasaatti yeroo sadaffaaf guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo kabajuuf jira. Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo baranaa yeroo Yaadannu kanatti dhaadannoo “Media Oromoo” haa gargaarru jedhuun, Oromoo Media Network gargaaruuf saganteeffannee jirra.

Kaayyoon ijaarsa hawaasa keenyaa, yeroo gaddaa fi gammachuu waliif dirmachuu fi walcina dhaabbachuu, ijoollee keenya afaanii fi aadaa keenya barsiisuudha. Kana malees ummata keenyaaf gumaata adda addaa gochuudha.

Guyyaa Yaadannoo Goototaa yeroo yaadannutti bara 2012 baqattoota Oromoo biyya Libiyaa fi Yemen keessatti rakkataniif maallaqa Norway 25,000, – walitti buufnee ergineef, bara 2013 keessa ammoo dargaggoo Oromoo Gammadoo Jamaal fiilmii Mijuu Haqaa afeerree fiilmicha erga ilaallee booda isa hamichiisuun gumaacha guddaa gooneef. Mudde 2013 ammoo bara 2014 simachuuf qophii goone irratti projektii AFAAN jedhu aadde Toltuu Tufaan hojjetamaa jiru gargaarree jirra.

Haaluma kanaan barana ammoo Oromo Media Network gargaaruuf qophii goonee jirra. Fuuldurallee bifuma walfakkaatuun Mediyaalee Oromoof hojjetan mara hanga humna keenyaa dinagdee fi yaadaan gargaaruu itti fufna. Hojii keenya ilaaluuf yoo barbaaddan facebook “Haugaland Oromo Sosial Forening” jedhu keessa galtanii dohachuu ni dandeessu.

Kanaaf kanneen isiniif mijate hundi guyyaa 12.04 2014 bakka “Haugesund Folk Hjelp” jedhamutti argamuun ayyaana guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo akka waliin kabajnu isin afeerra.

Nagaa waliin

Kanaaf K

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: