Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

Gaaddiidduu Jaaramayaa Farra Sabboonummaa Oromoo (kutaa lammaffaa)

 

(Xannacha Keeysaa Kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn Hogganamtu Quucarse)

 

1.    Araara

Oromoon waanjoo gabrumma isa irraa jirtuu of irra buqqisuuf bifa fincilaa fi akka jaarmayaatti qindawee gaggeeysa ture, ammas gaggeeyfataa jira. Adeemsa kana keeysatti mootummootni habasha wal duraa duuba bakka wal jijjiiran akkaataa itti araara Oromoo waliin buusuuf karoorfatan heeddu walfakkataa dha. Oromoo fi Oromoo wal dura dhaabanii gansisuun dantaa isaani tikfachu dha. Bakka gartuun sadaffa jirutti ammoo diiddaa agarsiisuun ykn yaada isaanii fudhachiisuuf dirqisiisuun olaantumma isaani agarsiisu hawwu.

  1. Araara Oromoon dhimaa isaa irratti Araarsituu tahuu ilaalchissee (Sooggiddaan Sooggidda cabsu)
  1. Seena darbee yoo ilaallee Abishee Garbaa inni Horroo  bara 1875 keessa yoo xiqqatee yeroo sadihii weerartuu habashootaa  qanfachissee of-irraa deebsee jira. Ragaan qaanii habashootaa kitaboota seena barreesitoota  adda addaa keessatti  waan dubartootni Gojjamee warri abbaa warraa isaanii irra du’an ykn waraana sanaa keessatti midha’an irra gahee kan jeedhani bohanin galmeeffamee jiru keeysaa fakkeenyaaf:

”Sangaa gachii fidi jedhee ergeetan irsa koo,

Gaallaa(Oromoo) booji’ii fidi jedhee ergeetan irsa koo,

Gaallaan(Oromoo) kutee hambise walakkaa qaama koo”

Abishee Garbaa goota diina akkas rakkisa ture, gaafa Soorii Galaa maqaa araaran Abishee fi “Ras“ Darasuu gidduu deemuun, “Ras“ Darsuun Taabotaan kakatee kaku diigee. Abiisheen kaku dhugaa se’ee harkaatti kufe. (kitaaba Jabeessaa Ejjetaa, 1995)

  1. Fincilli bara 1959tti hogganummaa Hasan Ammeetiin gageeffames hedduu bal’aa ture.  Humni mootummaa itti bobba’e hedduunis waaroo qaanii haguuggatee arihame.  Dhuma irratti humni “Kuburzabanyaa” kan moyxannoo lolaa Koriyaatti horate hidhannoo ol aanaa qabuun itti duule.  Humni kunis loltoota Oromoo loluutti dabalee ummata nagaa garaa-jabeenyaan fixuu fi qabeenya saamuu fi barbadeessuu hojii godhate.  Haalichi hedduu rifachiisaa ta’us lollii itti fufe.  Kanaaf, Haile Sillaaseen karaa namicha Haaji Aliyyii Dullattii jedhamuu loltootaa fi ummata qunnamee kijibuu filate. “Nagaadhaan yoo galtan dhiifamatu isiniif godhama” jedhee akka aadaa Oromootti Haaji Aliyyii jaarsummaadhaaf ergate.  Ummanni fi loltoonnis dhugaa se’anii qawwee isaanii hiikkatanii hark kennatan   qe’eetti deebi’an mootumichi kanaan booda tokkoo  tokkon  funaanee fannise.  Warra akkasitti fannifame keessaa tokko gooticha Hasan Aammee ture. (kitaaba seena ABO Qooda Duraa caamsa bara 1997)
  2. Sochiin kibbaa Oromiyaatti baroota saddeetiif, 1962-70, deeme sochii sabummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba.  Finciloowwan bakka bakkatti belbelanii dhaamanii fi qabsoo hidhannoo dhawaataa har’a deemaa jiru gidduutti riqicha ta’ee mul’ata.  Sochii karaa Baale irraa namoota akka waaqoo Guutuu, Aliyyii cirrii, waaqoo Luugoo, Hasan Turee, Adam Jiloo, Huseenii fi Mahamuud Buneefaatu hoggane. Sidaamoo irraa ammoo namoota akka Hasan Gabaabaafaa, Harargee irraa nama Abdulkariim Ibrahim  Hamiid faatu qooda olaana xaphatee. Hunda irra Waaqoo Gutuu gaggeessaa fi qindeessaa sochii kanaa ture. Mootichii Hayilesilasee waraana bobbafateen yeroo milka’uu dadhaabuu General Jaggamaa Keelloo jaarsummaa itti erge. Waaqoo Guutuus garaa hiruun qabsoo eegalaamtee lafa ka’ee Hailesilaseen Shumaata Dajazmachummaa kennee gaggeessee. Dajazmachummaa kanaan gaaf tokko utuu itti hin waamamiin kan Oromoon isaa keennee Generaal Waqoo Guttun yaamamaa qabsoo keeysatti umuriin isa dabarte.
  3. Mootumman Dargii baraa aangoo isaa keessatti qabsoo Oromoon gageeysu maqaa dhayuu hin feedhu. Haga danda’ameetti  keessaa warra qaroo tahan gara jabinaan ajeessuu fi dhimicha dhoksuu akka toftatti fudhatee irratti hojeeta ture. General Tadassaa Biruus kan ajeessuf itti jarjaree waan sochii Oromoo dhaamse itti fakkateti. Muddee bara 1975-tti Mangistuun yeroo EMALEDIHI  uumuun gara Parti tokkotti partoota jiran fiduu barbade namni inni dhoksaan mana isaatti  maari waliin godhan keeysa tokko Baaroo Tumsaa ture, boda irratti akka lokkobsa Ityophiyatti Amajii 26 bara 1969 yeroo uumamuun  EMALEDIHI-n labsamu Koree hujii raawwachistuun isaa nama jahaa turan. Isaaniis 1) Mangstuu Hailemariam – seded bakka bu’ee 2)Shawandanye Balaxe –Wozleg bakka bu’ee (har’aallee gorsaa Meles Zenawiidha) 3) Haile Fida MEISON bakka bu’ee 4) Tesfaye Mokonon (Kan Dimmaa Nagwoo irra angoo fudhate) MALERIDn bakka bu’ee 5) Baaroo Tumsaa ECAT-n bakka bu’ee turan. Mangistuun hanga sadarkaa koreetti Baaro waliin hojjechaa fi marii irraa fudhate akka gaariitti beeku gaafa Baaroon dirree seenu al tokkollee sabqunnaamtit maqaa Oromoo kaasuu hin feene. Garuu wa lama irratti xiyyeeffanno godhate. Isaanis Miseensoli ECAT to’anno jala olchu fi  qondaaltota Oromoo kan Waraana fi Polisa keessa sadarkaa olaana keessa jiran gamtaa isaan giddu jiru dhabamsiisu irratti hojjete. Kana keessaa akka fakkeenyaatti maqaa dhayuuf Kolonel Getachew Wakjira kan Magarsaan biraa dirree seene shakkin Finfinneetti ol waamee hordofsiisaa ture, General Merid Nugussee fi General Gebrekirstos Bulii walii isaani gidduu rakkoo dhalchee  erga wal dhabsiisee booda bifa adabaan sooruma baase. General Gebrekirstosiin basastota isa akka ergamtoota ABO fakkeesse hasoofsiisuun Kolonel Wasihun Negaatu waliin Dire Dawa gaheen booda bakka inni bu’e uttu hin argamiin hafee. General Demissee Bultoo Ityophiyanisti dhugaa hatahuyyuu malee Mangstuun wan amantaa dhugaa irratti hin qabneef General Tesfayee Gebre Kidan itti ramaduun sochii isa maraa to’acha waliin jiraate. Karaa biroo namoota akka Muhee Abdoo, Lubaa Gudinaa Tumsaa fi kkf shaffisaan dhabamsiisse. Akka birootti garu gaafa Mootummaan Dargii kufu galmeewwan tikaa Dergii keessaa wa’ee ABO Jaarmayaa Yohanisoota sadaani (Yohanis Banti, Yohanis Lata fi Yohanis Nugwoo)  jeechuun odeeffataa qabu mara galmeesse jira.

Dargiin araara Qabsawotaa Oromoo waliin kan yaalee karaa warra mana hidhaa turanii ture. Kunis karaa Abba Biyyaa Abba Jobir fi Zagayee Asfaw yaada tokko hidhamtoota Oromoo maqaa ABOn hidhamaniif dhiheesse. Yaadichi badii dalagdaniif dhiifamaa gaafadhaa, ABO balaaleffadhaati Dargii waliin hojjeenna jedha. Yoo waan isiniin jenne gootan mana hidhaa keessaa isin baasna jedhee waadaa seeneef. Yaadni kun Abba Biyyaa fi Zagayee biratti fudhatame, hidhamtoota kaaniif dhihate. Dhimmi kun hidhamtoota maqaa ABOn hidhamnii jiran bakka lamaatti qoode. Garee kan Abiyuu Galataan durfamu, kan  mana hidhaa keessaa bahuuf jecha dantaa Oromoo hin sharafsiisnu jeechuun yaadicha dura dhaabbatanii fi garee Ibsa Gutamaa yaadicha fudhatan dha. Sababa kanaaf Abiyyuun fi Ibsaan haga harkaan walitti cehuutti gayan. Dubbichis uttu hin milka’iin Dargiin kuufaati isa jalaa yeroo muraasaa dura mana hidhaa keessaa isaan gad dhiisee, kan irraa hafan akka Dargiin kufeen mana hidhaa keessaa yaa’ani. Warra bahan keessaa Zagayeen Minsteera qonnaa Dargii ka xumuraa yeroo tahuu Abban Biyyaa alaatti kute, warri kaan Dargiif hin hojeennuu jeechuun harka sassaabatani taa’an.

Waliigala Dargiin yeroo Roma-xalayaniitti EPLF fi TPLF waliin haaswee ABO akka humnaatti utturecognise hin godhiin hafee.

Haasawaan araarri ABO fi TPLF gidduutti deddeeme boqonnaa itti aanu keeysatti ibsama.

Itti fufa……

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: