Gabaasa Qeerroo Sulultaa Ebla 11,2014

Gabaasaa Qeerroo godina Addaa Naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irraa uummanni oromoo Ebla gaafa 10 .2014 walitti bu’iinsi uummata Oromoo fi Amaara jidduutti ta’een miidhaan namootaa fi qabeenya irra gahuu gabaasi nu gahe addeessa. Gabaasan maadhee iftuu Barii Sulultaa irraa akka addeessuun sababaan walitti bu’iinsa kanaa wal dorgommii magaalaa Bahardar irratti ta’en uummanni Amaaraa sanyii balfattummaa irraan ka’uun dargaggoota Oromoo wal dorgommii kubaaf jecha naannoo Amaaraa Bahirdar deeman arrabsuu fi reebicha Oromoota irraan gahan kan sababeeffate ta’uu beekama.

Kanumaan wal qabatee enyummaa ofii hubachiisuuf biyya isaa keessatti saba Amaaraa hammmeenya Oromoo yaadan kun gochaa jibbiinsa Oromoo fi lammummaa Oromoo irraa akka of qusatan bakka adda addaatti yeroo himamee raawatamu illee rakkoon kun wal qabatee bifa addaan ka’aa jira. Magaalaa Sulultaa irratti qabeenyaan lammii kamuu akka manca’ee balleessaa jiran,ibiddaan gubbuudhaanis magaalicha keessa kan jriaatnilee ariyuudhaan uummanni oromoo magaalichaa bobbaa jira reebicha yeroo darbe gaggeeffame irratti namootni muraasni lubbuudhaan kan darban,namootni 17 ammoo hedduu mada’anii kan jiran tahuu isaanii gabaasaan haala kanaan namoota mada’an keessaa namoota sadii man maqaan nu gahe:-

1.Caalaa Guutamaa-Qote bulaa magaalaa kanaa yoo tahu saba oromoo keessaati
2.Ayinaalem Taaddesee-Naggaadee saba Amaaraa keessaatii
3.Warqinee Daamxee-barataa saba Amaaraa keessaatii
Kanneen kun sadan kan hedduu mada’aniidha.Haala kana qabaneessina sababaa jedhuun naannichatti kan bobba’e humni waraana Wayyaanee guyyaadhaan dabalaa kan dhufe magaalaa kanatti ammallee humna keenyaan oli jechuudhaan waraanni Wayyaanee himachaa akka jiran ifaa dha.

Walumaa gala waldhabbii kanaan dhimma bahuun ykn sababeeffachuun mootummaan Wayyaanee EPRDF goosota jidduun nageenyi dhibee ofii akka araarsituu ta’ee yeroo bulchiisa isaa dheereffachuuf jecha tooftaa siyaasaa haarawaa baafate ta’uu namoonni keessa wayyaanee beekan ni dubbatu. Rakkoo bu’uuraa fi gaaffii saba Oromoo kan hundee ta’e hiikuu hanqachuu irraan goosota Oromoo Gujii fi Borana,gara biraan uummata Beeneshanguli Gumuzii fi Oromoo,Ogaadenii fi Oromoo amma ammoo Amaaraa fi Oromoos jidduutti rakkoo uumame hafarsuu irratti kan argamu irra caalaan mootummaa Wayyaanee dha.