Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

 

=================

IYYAA, IYYA DABARSAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

DURAANDURSA

Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo,

Bakka jirtanii fi bakka jiraattan hundaatti nagaa fi dhaamsi kiyya kan onnee irraa madde isin haa dhaqqabu! Kunoo, nuti Oromoonni erga torban takkootii asii faaraan rafnee irriba hin quufne; faaraan nyaannee midhaan hin quufne; faaraan bishaan dhugnee dheebuu hin baane. Garuu, waa tokkollee hin daddhabne; waa tokkollee hin beelofne; waa tokkollee hin dheebonnee, buna Oromoon keenya addunyaa fi ilmoo namaa mara badhaase kana deddeebfinee dhugaa waayee biyya keenyaa irratti walmariyachaa, tokkkummaa keenya akka sibiilaatti jabeeffachuu akka qabnu waliif galaa, ijoollee Oromoo fi namoota Oromoo rasaasa diinatiin galaafatamaniif gaddaa, booyaa jirra. Gochi warri qawween cabsee biyya keenya seene kun, uummata keenya irratti amma oofaa jiru kun onnee teenya madeessullee, qalbii teenya jeequuf aggaamullee, hamileen keenya fi aariin keenya, seexaan keenya fi booreen hin jeeqamnee sirumaa tokkoomsee ol nu kakaasaa, uummata keenya cinaa nu hiriirsaa jira. Ani barreeffatan amma isiniif dhiyeesse kana, dheengadda-kaaniin ariitiin barreessee, gara mandhee Akkaadamii Oromiyaatti ergee ture. Waan wanni mandhee ONA kana irratti baafamu, miseensota isaa callaa keessatti hafuuf, namoonni keenya tokko tokko kanneen barreeffama san dubbisan akkan ani gara mandheewwan Oromoo isaan eenyumtuu dubbisuu dandayuutti erguuf, yaada naaf dhiyeessani. Amma obbolaa kiyya kanneen galteeffachaan barreeffama san gulaalee, wanneen gariis itti-dabaluun kunoo isinii dhiyeessee, mee yoo yeroo fi wanneen biroo isiniif hayyaman dubbisuuf yaalaa!

QAAMADUBBII
Haalli amma biyya keenya keessa adeemaa jiru karaa tokkoon kan daran nu jajjabeessu, hamilee fi onnee teenya kan sirriitti olkaasu. Karaa kaan immoo kan daran, daran nu gaddisiisu, kan imimmaaniin fuula keenya xoollessu. Ijoolleen teenya kichuuwwan tun xiyyiitii fi xiyya diina uummata keenyatiin akka baala mukaatti harcawuun ishii, kan aariin nu guggubee, xiiqii fi booree garaa nu kaayee tokkummaan kaanetoo akka Dhaloota Qabee kana bira dhaabannu nu taasisu! Amma yeroo kun yeroo nuti ijaarsa koo, garagarummaa koo, dugda koo, miila koo, maaloo maaloo koo faa jennuu miti! Amma alaa-manaa waltahuun uummata keenya bira goruu qabna! Ee, “qabnaan” kun dirqama. Dirqama seenaa fi dirqama dhalootaati! Yeroon isaa yeroo nuti alaa-manaa waltahuun ijoollee teenyaa fi uummata keenya bira dhaabannu. Yeroo waltaanee iyyinee, iyyaa waliif dabarsinu! Iyyi keenya kun iyya imimmaaniin cuubamee qofa otoo hin taane, iyya dhiigaan cuubameetisi. Dhiigni sun dhiiga dhalawwan Oromoo ishii mirgaa fi haqa uummata ishiitiif dhiigaa kuftee sanaati! Dhiiga dhiiraa-dubartii Oromoo ijoollee ofii cinaa dhaabachuun dhangalaafamee sanaati! Kunoo, otuma agarruu, ijuma teenya duratti Wayyaanonni Habashaa isaan qawwee bakka amantii ofii buufatan kun, ijoollee Oromoo fixaa, kanumaas addunyaatti agarsiifachaa jiru. Dur Yohaannis isaanii fi Minilik oggaa Oromoota meeshaa waraanaa isa maqaa Kiristaanummaa isaanitiin humnoota Oroppaa yeroo sanii irraa argataniin, bara dukkanaa san dukkana uffatanii Oromoota akka okaatti haamaa, dirreewwanii fi gaarran Oromiyaa dhiigaan faalaa, laggeeni fi harawwan Oromiyaa dhiigaan booressaa biyya keenya qabatan sanii miti! Bardhibbee ifaa bara ammaa kana keessa, kunoo Hababashoonni Tigraay ofumaan ofuma qullaa-dhaabuun malummaa isaanii addunyaatti agariisaa jiru.

Yaa Oromoo koo, kunoo akkuma gara torban tokkoo miidiyaalee addaddaa irraa dhageessan ijoolleen teenya, dhalawwan teenya heddumminaan nu jaalaa galaafatamtee jirti. Magaalaa Amboo fi naannoo isaa irraa qofa namoota keenya gara 40-tu galaafatame. Jimma, Dirree Dhaawaa, Horroo Guduruu, Roobe (Baale) fi naannoo sanitti, Midaa Qanyii, Xuqur Incinnii, Tokkee Kuttaayee, Gimbii fi Mandiitti faatti namoonni keenya fi dhalawwaan keenya diinaan gorra’amanii jiru. Yaa Oromoo kiyya hamma yoomiitti, hanga hammamiitti warra qawween biyya keenya seene kanaan gaadamaa, hindhamaa, garafamaa, waxalamaa dabrees ajjeefamaa jiraanna? Nuti warri biyyoota alagaa keessa jirru, amma hatattamaan walgayiiwwan kurfeessuu, hiriira babbawuu fi waayee haala amma uummanni keenya keessatti argamuu kana, miidiyaalee warra alaatti beeksifachuutu nu irraa eegama. Ee, dabaleetan jedhaa: miidiyaalee, miidiyaalee biyyoota addunyaa tanaa hundaatti akka ijoolleen teenya akka bineensaatti adamfamtee ajjeefamaa jirtu, akka uummanni keenya bayeetoo ijoollee ofiitti makamuun, mirgaa fi haqa ofiitii falmachaa jiru beeksifachuu qabna! “Yoo abbaan iyye ollaan namaaf birmata!“, jedha mammaaksi Oromoo tokko.

Nuti amma ijoollee teenya ishii nu jalaa galafatamte awwaallachaa, reenfa ishiirra tarkaanfannee qabsoo saba keenyatiif harka-walqabannii garuma fuulduraatti adeemuutu nus, biyya keenyas kan baasu taha. Biyya leencotaa qabatanii, ilmoowwan leencotaa gorra’anii nagaan taa’uun akka gonkkumaa hin jirre, warri Wayyaanee kun dursanii beekuu qabuuyyu. Kunoo, amma uummata keenyatti ba’aa inni baatee deemuu hin dandeenye waan itti-fe’aniif, ibidda hamaa ofitti shidaniiti (qabsiisaniiti) jiru. Oromoon hardha irraa kaasee akka duubatti hin deebine, akka impaayerittii sochoosuuf waltahee sochowu, akka harqoota gabrummaa caccabsee achi darbatu diinonni isaa beekuu qabu. Ilaa, uummannii fi sabni Oromoo waltahee qabsoo ofii cimsachaa gara fuulduraatti tarkaanfachuu malee, filmaata biraa hin qabu. Habashoonni qaawa filmaata wayiillee nuuf hin hambifnee, cufaa sibiilatiin duuchanii jiru. Kanaaf, nuti alaa-manaa waltahuun, maarree nuti kitiloonni 46 (46 000 000) cufti harka walqabannee qabsaawuu callaa dha; filmaanni nuti qabnu!

Nuti dhalawwan Oromoo alaa-manaa uummatoota akkuma keenya mana hidhaa impaayeritti, karchallee keessa jiran mara bira dhaabachuu qabna! Isaan akka obboleeyyaniitti ilaaluu qabna. Uummatoota: Sulula Laga Omoo, Gambeellaa, Benshaangul, Somaalee Ogaadeniyaa, Afaar, Sidaamaa faa cinaa gorree roorroo isaan irratti adeemaa jiru kanas, isuma keenya waliin addunyaatti dhageessisuutu nu irraa eegama! Nagaa fi nageenya namoota biyya keenya keessa nagaan jiraatanillee, eeguu fi tiksuun muuxannoo aadaa keenyaa isa boonsisaa sanaati.

Miidiyaaleen Oromoo isaan amma burqaa, hamilee keenya jajjabeessaa jiran kun guyyuu warra OPDO-tiif waamicha uummmata keenyaa dabarsuu fi qabu! Isaan amma akka uummata ofiitti makamuun hacuuccaa isaa dhageessisan, Caffee Oromiyaa fi Paarlamaa Toopphiyaa keessattis akka gaafii uummanni Oromoo ammaan tana qabatee warraaqaa jiru irratti haasawuu qabu! Akkanuma Oromoota miseensota Waraana Toopphiyaa tahaniif, waamicha harmee Oromiyaa dabarsuufiin barbaachisaa dha. Akka isaan uummata isaanii isa sochowaa jiru kanatti makaman, akka qawwee isaanii Oromoota irrattii mitii, gara diinota uummata Oromoo fi Biyya Oromootti garagalfatan deddeebifnee itti-iyyachuu qabna! Karaa isaanitti iyyannu keessaa inni duraasaa karaa miidiyaalee keenyaa kanaati. Raajii WAAQAA! Habashoonni Wayyaanee kun foolisoota Oromiyaa isaan jalatti isaanuma tajaajilaa jiranillee, amanuu daddhabanii qawwee irraa hiikkachaa jiru. Kunoo, Habashoonni kun amma gara appaartayidii Afrikaa Kibbaa durii fi gara mootummaa Israa’eel isaan gocha akkanaa Falastiinota irraatti adeemsaa jiraniitti of-geeddaraa jiru. Kanaaf, amma irraa kaasee, nama Oromoo dhiisitii laftii fi margi, bineeyyii fi alaattiiwwan Oromiyaallee diina qawween biyya abbootii Gadaa fi haadholii Siiqqee unkuraa jiru kanatti ka’uu qabu! “Oromoon goondaa dhaa, boolla goondaa harka hin kaayin! Oromoon kanniisaa gaagura kanniisaa hin horfin!“, jedhe Bitimaa Soondhessaa jedhama, naannolee Afran Walisoo fi Jahan Bachootti! Egaa, amma irraa kaasee nama Oromiyaa dhiisitii, lafti Oromiyaayyuu iyyitee iyya dabarsuu qabdi!

Kana irratti kana dabalamu immoo yaada obboleessi keenya obboo “Ka. She.” kaase sani. Oromoonni ogummaa-seeraa qaban akkamitti dureewwan TPLF mana-seera-addunyaa, isa magaalaa “den Hague” jirutti dhiyeessinu nuuf qorachuun sirrii dha. Dureewwan warra Wayyaanee ijoollee teenya qalanii, uummata keenya gorra’anii Oroppaa fi Ameerikaa keessa abadan bashannanuu hin qabani! Seeri dureewwan Sarbiyaa, dureewwan Sudaanii fi dureewwan Keeniyaa fayiif hojjate, Oromoo fi Oromiyaafis akka hojjatu ganamumaan beekuun mishoo dha. Kana irratti kan idayumuu qabu immoo: Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA-n) xalayaa hatattamaa gara a) Tokkuummaa Mootummoota Waltahaaniitti (ToMoWa-UNO) b) gara mootummoota biyyoota kubbaaniyyaaleen isaanii Oromiyaa keessaa qonnaan-bultoota Oromoo lafarraa buqqisaa jiraniitti, fakkeenyaaf: mootummaa Shiinaa fi Indiyaa, Sawudii Arbiyaa fi kanneen fafakkaatanitti c) gara mootummoota kubbaaniyyaalee fi namoonni isaanii Karoora Finfinnee babaldhisuuf qooda keessaa qabanii kanneen akka Biyya Faransaa fi Itaaliyaa faatti d) akkanuma gara kubbaaniyyaalee saanitti kallachaan erguufii qabu! e) Dabaleesoo, gara mootummaa USA, isa ministeerri isaa kan dhimma alaa, guyyaaa Kamisa dabree, kan biraa hafee magaalaa Finfinnee Shaggaritti otoo achuma Unibarsitii Finfinnee keessatti barattoonni Oromoo qawween marfamanii jiranuu, waayee harree Oromoonni midhaanii fi meeshalee daldalaa, qoraanii fi cidiin faa otoo hin hafin magaalaa tana “gabbaraniitti” qoosuu, waayee barattoota Oromoo Oromiyaa mara keessaa loltoota mootummaa Toopphiyaa kanaatiin ajjeefamaa jiranii sagaleen takkallee afaan isaa keessaa hin baane. Kun qaanii fi salphina mootummaa fi biyya guddaa fi aangawaa kanaati. Kanaaf, OSAn xalayaa waayee kanaa fi waayee gargaarsa mootummoonni biyyoota Lixaa mootummaa TPLF-iif godhanii ibsu erguufiin mishoo taha.

Mee ammammoo waayee walgayii dheengadda-kaan (gaafa 03. 05. 14) magaalaa Biyya Jarmanii, Muunshin-itti tahee sanii yoon isiniif tuqe, akkamitti yeroo ammaa Orormoonni biyyotambaa (“diaspora“) keessa jiraatan aarii fi tokkummaan akka waltahaa deemaa jiran isinitti agarsiisa. Nuti magaalmataa (“capital city“) Jarmanii, Barliin irraa barii-barraaqaa ka’uun konkolaataa konkolaachisaa oollee, wantee (kiilomeetira) 586 deemuun walgayii sa’aa 14-tti jalqabamuu san dhaqqabne. Ennaa manaa baanu san bultee nyaannullee, beelawuu fi dheebochuun keenya hin oolle. Manneen bunaa fi manneen nyaataa karaa deemnu san cinaa bakka hedduutti argamu. Garuu, walgayii san yeroon dhaqqabuuf kana hin goone. Bakka walgayiin itti-adeemu san keessa, mana nyaataa tokko seennee dhiyaana ajajanne. Keessummoota baay’ee waan qabaniif akka nuti barbaannetti hatattamaan nuuf dhiyeessuu hin dandeenye. Nu keessa jaallee keenya tokko gara galmoo (“hall“) walgayichi keessatti tahuu san yoo ilaalu, Oromootaan guutamee jira. Inni kana nutti himee, tajaajiltuu mana nyaataa san gara keenyatti waamuun akka nuti dhiyaana san nyaachuu hin dandeenyee fi akka bunaa fi shaayii qofa ariitiin nuuf dhiyeessitu damboobina Oromoo sanaan gaafate. Ishinis damboobduu dha turtee: “kun rakkoo hin qabu daddafeetan bunaa fi shaayii isiniif fida“, jettee nutti himte. Silaa beelofneerraa, jaalleenumti sun “daabboo nuuf fiduu dandeessuu?” jechuun dubartii san gaafatee, ishiin ennasuma nuuf dhiyeessite. Daabboon kun daabboo adii fi gurraacha kan xixiqqaatee mummuramuun korboon namaaf dhiyaatu. Aadaan kunillee kan Jarmanii mitii, kan warra Xaaliyaanii irraa fudhatame. Nuti ishii walsaamnee, walitti qoosaa afaan keewwannee buna Oromootiin gadi buufannee, walgayichaaf olseenuun, bakka nuuf qabamee duwwaa jiru tokko teenye. Kan nu gammachiise, Oromoonni gaafa san, akkuma saganteeffametti, sa’aa jedhame san mataa isaa irratti argamuu dha. Nuti Oromoonni magaalaawwan keessatti dhalannee fi guddanne yookaan kanneen manneen barumsaa impaayera Toopphiyaa keessa dabarre, hedduun keenya akkuma warra Amaaraa tahuun, beellama Habashaa (“ya-Habashaa qaxaroo“) san fudhannee argamna. Kunoo, gaafas dhiignii fi lafeen ijoollee teenyaa sun gara aadaa uummata Oromootti waan namoota keenya deebiseef gammanne.

Walgayiin sun akkuma aadaa Oromootti eebba manguddootiin jalqabee, booda haasaa fi xiinxalli jalqabme. Amma Oromoonni waraqaalee ibsannoo dhiyeessanis, warri ka’anii dubbataniis kaan imimmaaniin hudhamaa, kaan imimmaan maddii (boqoo) ofiirra gayyaasaa dubbatu ture. Dubartii fi dhiira, mangoddoo fi dargaggeeyyiin martii aarii fi seexaa guddaan ka’anii yaada ciccimaa dhiyeessuyyu. Namni ka’ee dubbatu hundi dirqiin immimmaan dhoowwachaa yookaan ofirra lolaasaa, aarii fi itti-gaafatama cimaa taheen dubbata ture. Namni taa’ee dhaggeeffatus akkanuma ture. Dubartoonni Oromoo imimmaan ofirra yaasaa, nu warra dhiiratiin: “tokkummaan olka’aatii qabsaawaa, tahuu baannann surree keessan nutti keennaa!“, jechaa turani. Mee yaa Waaq, jechi dubartoota keenyaa kan akka dhagaatti jabatu kun, kan akka dammaatti mi’awuu kun, kan itti-gaafatama harmee teenya Oromiyaatiif qabnu, marfannoo fi jaalala uummata Oromootiif qabnu akka daawwitiitti nutti muldhisu kun, kunoo waggaalee 136 booda (1878-2014) deebiyee akka gaariitti dhufuu isaati. Bara waraanni Minilik faashistichaa sun Ka’umsa Oromoota Kurnan Gullallee humna qawwee ibiddaatiin cabsee, dachee Oromiyaa tan Shaggarii fi naannoo isaa dhiiga Oromootiin jiise san dubartoonni Oromoo Gullallee akkana jedhaniiyyu. Dabrees bara 1876 keessa oggaa waraanni Minilik saniin Oromoonni Jahan Bachoo, Afran Walisoo, Torban Kuttaayee fi Caboo faa akka okaatti biyya ofiitiif jecha haamaman san dubartoonni Oromoo akkana jedhaniiyyu. Anaaf erga dubartoonni keenya akkanatti ka’anii, erga ijoollee teenya Oromiyaa guutuu irraa akkanatti olkaatee, Oromiyaan bilisoomuu fi walaabomfuu guyyaa jalabultii irra dhaqqabdee jirti. Si’achi Habashoonni qawween ibiddaatiin biyya keeny guggubaa, ijoollee fi namoota keenya qalaa abadan nagaan taa’uun hin jiru!

Egaa, yaa Oromoo kiyya uummata keenya cinaa waltahuun, tokkoomnee haa dhaabannu! Iyyinee, iyya haa dabarsinuufi! Amma arrabni keenya, qalamnii fi eeboon keenya wali irratti mitii, Oromoo irrattii mitii, gara diina uummata keenyaatti xiyyeeffamuu qaba! Heddumminni loltoota isaanii, gangallanni taankiiwwan isaanii, hangaasuun xayyaara waraana isaanii marti uummata Oromoo isa tokkoomee mirgaa fi haqa uumamaan qabuuf sochowu kana, lamuu jilbeeffachiisuu gonkumaa hin dandayu. Kakuu dhaa, laguu dhaa qabsoo keenya irraa, iyya harmee Oromiyaa irraa duubatti hin deebinu!

Gayeen, gayee-dhaa
Iyyaa, iyya dabarsaa
Yeeyyii isin nyaattu marsaa
Dhaloota boruutti gabrummaa mitii
Bilisummaa fi walabummaa dabarsaa!

Oromoo yaa saba-koo oljedhi
Oromiyaa yaa biyya-too olka’i
Waanjoo gabrummaa caccabsiitii
Ofirraa gamasitti achi-ha’i!

Imimmaan warra ijoollee teenyaa
Sabbata qabsootiin irraa haqna
Dhiiga Oromoota keenyaa
Alaabaa bilisummaatiin irraa faqna!

Bilisummaa, bilisummaa jechaa tarkaanfanna
Walabummaan Oromiyaa akka du’aatii
Homaayyuu hin fafuu ni abdanna
Dhiigaa-lafee keenyan Oromiyaa jaarranna!

==============    //    ==============

01.05.14

BIYYALAATTIS NU QOCHISIIFACHUU FEDHUU?

Taammanaa Bitimaa irraa*

HUBACHIISA: yaa dubbiftoota walaloo kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, inni amma isiniif dhiyaate kun waggaa kurnan harraa, gaafa 28. 06. 2004 mandhe ONA irratti baafamee ture. Ennaa san nafxanyoonni fi ilmaan isaanii kanneen magaalmataa biyya USA-a, Waashingitan Diisii fi naannoo isaa jiraatan, akka “Raadiyoon Sagalee Ameerikaa, VOA“n) Afaan Oromootiin hin dabarsineef, akka sa’aan hin dabalamneef faa hiriira bayuun dura-dhaabatan san walaleeffame. Jarreen kun kunoo amma waggaalee 10 boodas numatti ka’aati jiru. Kunoo, bardheengaddaa irraa kaasee dhibeen isaanii inni, uummata Oromoo jibbisuu fi saba Oromoo irratti isaan kakaasu sirumaa itti-hammaachaa jira. Minilikoonni bardhibbee 21-ffaa kun alaa-manaa nutti duulaa jiru. Gita-bittee Tigraay, kan Wayyaanee jedhamu cinaa goruun qonnaan-bultoota Oromoo qeyee fi araddaa isaa irra buqqisaa jiru. Oobruu fi caffee Oromiyaa kaan summeessaa, kaan onsaa, kaan Oromoota buqqisanii manneen irratti ijaarrachaa jiru. Dabrees uummatoota Kibbaa: Gambeellaa, Beenishaangul, Somaalota Ogaadeniyaa, uummatoota Sulula Laga Omoo faa akkuma qonnaan-bulaa Oromootti qawwee fi tiraaktaraan buqqisaa, buqqisiisaa jiru.

Kunoo, ijuma teenya duratti barri Minilik faashistichaa sun deebiyaa, uummanni keenya fi uummanni Kibbaa buqqifamaa, awwaallan abbootii fi haadholii isaa wajjin gurguramaa jira. Harra akka durii, akka hoolotaatti gabaa dhaabanii nu gurgurachuu daddhabnaan, lafa lafee keenya tahe irraa nu buqqisanii ittiin-daldalchaa, warreen akka isaanii warra baargamaatti gurgurachaa jiru. Siidaawwan Minilik qeyee fi gandeen keenya keessatti akka ijaarruuf nu abboomaa jiru. Uummata Oromoo isa naannoo Finfinnee Shaggar, isa buqqifama Minilik irraa mimmilqee hafe san amma lafarraa-duguugaa jiru. Bakka aadaa fi Afaan Oromoo, aadaa Amaaraa fi Afaan Amaaraa isa qawween nutti dhufe kana buusaa jiru. Afaan isaanii kana, akka waan afaan addunyaalessaa taheetti nutti gurgurachuuf aggamu. Oromiyaa keena keessatti afaan biyyaa, Afaan Oromooti. Namni barabaraan achi jiraatu isa barachuu qaba. Namoonni Oromoo mootummaa jiddu-galeessaa keessattis, paarlamaa Toopphiyaa keessattis, manneen seeraa fi manneen baankii Toopphiyaa isaan Oromiyaa keessa jiran keessattis, Finfinnee mataa ishii keessattis Afaan Oromootiin hojjachuu qabu. Nuti Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin baranna. Dhugaa dha; Afaan Ingiliziis akkuma duriitti baranna. Gaafa Gondor faa, naannoo Manjii faa dhaqinee barabaraan jiraachuu barbaanne callaa Afaan Amaaraa baranna. Garuu, nuti wanni Biyya Amaaraa nu geessu sababni tokkollee hin argamu.

Yaa Oromoo koo, isin harra mandhee Oromiyaa isa: “gadaa.com” jedhamu irratti, waayee ijoollee teenyaa isaan Unibarsiitii Wallaggaa irraa hiriira nagaa, nagaan bayanii warra nagaa hin beeknee fi nagaa hin taaneen reebaman arguun keessan hin oolu. Mucayyoo foolisoota Wayyaneetiin reebamtee, funyaan ishii faa madayee san agartanii jirtu. Mee maaltu isinitti dhagayame? Yaa uummata koo, egaa hamma yoomiitti Habashoota qawween biyya keenya seenan kanaan reebamaa, hidhamaa, waxalamaa, garafamaa, ajjeefamneeyyuu Gaara Suufii faatti waraabessaan nyaatamaa jiraanna? Abboo gayeen gayee dhaa, waltaanee, karaa maraan hidhannee ol haa kaanu! Kunoo, Dhaloonni Qubee hamma harraatti unibarsiitota sagal: Unbarsitii Jimmaa, Unibarsitii Mattuu, Unibarsitii Wallaggaa, Unibarsiitii Amboo, Unibasitii Adaamaa, Unbarsitii Dirree Dhawaa, Unbarsitii Finfinnee, Unibarsitii Haramaayaa fi Unibasitii Bulee Horaa irraa hiriiraaf gayaa’anii jiru. Isaan kaanis akka isaan duukaa-bu’an ni beekama. Dabreeyyuu barattoonni Oromiyaa guutuu, isaan manneen barumsaa Oliyyaalee (“secondary schools“) magaalaawwan: Amboo, Midaa Qanyii, Mandii, Gimbii fi Biiloo Boshee faa irraa hiriiraaf gadi-yaa’anii jiru. Warri hafanis akka fakkeenya hangafoota isaanii faaneffatan ni eegama.

Egaa, warri qawween biyya keenya seenee nagaa nu dhoowwuun nu unkuru kun akka nagaan hin teenya, nagaan rafee hin bulle innumtuu ni beeka, Nagaa booressani nagaan jiraachuun eessumayyuu hin jiru. Leencota madeessanii, qeyee qeerransootaa bubuqqisanii taa’uun yoom jiraree? Kunoo, akka harra miidiyaalee addaddaa irra dhageenyetti loltoonni Wayyaanee barattoota nagaan bayanii mirga ofii fi mirga uummata isaanii dhageessisiifatan, xiyyiitii itti-roobsuun hedduu isaanii galaafateeti jira. Ambo keessaa barattoonni 16, Jimma keessaa 4 ajjeefamanii jiru. Hamma haraatti ijoolleen Oromoo 100 ol-tahan, magaalaawwan garagaraa irraa akka galaafatamani gabbaafamee jira.  Ijoolleen teenya, kichuuwwan teenya mootummaa Habashaa kanan dhumuun isaanii daran nu gaddisiisa; ijaa fi qaama keenya guutuu booya. Aarii fi xiiqiitu guggubee nu bobeessa. Bakka jirru maraa waltaanee akka kaanu nu godha! Uummanni Oromoo inni naannoo Amboo waan ijoolleen isaa dhumteef, aaree ka’uun hiriira barattootaa-tti makamuun dirqama Oromummaa isaa bahaa jira! Uummanni Oromoo gaaraa dakaa, naannolee cufa irraa fakkeenya obbolaa isaa kan leencota Amboo fudhachuun, mirgaa fi haqa isaatiif oljechuun yeroon isaa ammuma! Mee waan hundaafuu, walaloon kiyya kun barattoota Oromoo diina uummata Oromootiin madeeffan, reebaman, hidhamanii fi daggala keessatti dhokataniif: raajefannoo, biradhaabannoo, jajjabeessii fi mararfannoo haa tahuufi! Ijoollee teenya xiyyiitii diinatiin nu jalaa harcaateef, walaloon kiyya kun lubbuun isaanii akka jannata seentuuf, Oromoon koo akka barabaraan isaan yaadatuuf, cinaa haa goru! Warraa fi firoota isaanii naaf haa jajjabeessu! Oromoonni alaa-manaa iyyanii iyya akka dabarsaniif haa kakaasu!

________________    //    ___________

28. 06. 04

BIYYALAATTIS NU QOCHISIIFACHUU FEDHUU?

Taammanaa Bitimaa irraa*

Raajii dha, raajii dha
Fardatu baajii dha
Gaangeen gaafa baaftee
Re’een foon albaaftee
Kan baranaa raajii dhaa
Ijji maal na argaa
Fardatu baajii dhaa?
Duubatti kan deebi’e anaa
Duubatti kan deebi’e baraa
Duubatti kan deebi’e jaraa?
Ana moo
Bara moo
Jara moo?

Baran irraanfaddhee-laa
Jaran irraanfaddhee-laa
Barri kun isa kami
Jarri kun isaan kami?

Bara Aannoleetii?
Bara Minilikii?
Bara Raas Daargetii?
Ani nan wallaalee?
Saayinsiitu na takaalee?
Nattimi yaa beekaa
Kurfaayeen si eegaa?

Nafxanyoonni bayyalaattis,
Nu qochisiifachuu fedhuu?
Egaa asittoo qawween,
Harkan jirruu maal ta’uu?

Harki taa’uu bare hin qotuu
Sammuun gabroome hin loluu
Harki qotuu jibbe
Isa qotu tuffataa
Sammuun loluu dide
Isa lolu arrabsaa!

Harki hojii jibbe reeffaa
Sammuun tuffii barees reeffaa
Maarree reeffa du’ee dubbatuu
Harka isaa laate dhiisee
Harma isa! hoosisee dhiisee
Sheexana-faa kan dhungatuu!

Ilaa biyyalaattis
Nu lolchisiifachuu fedhuu
Ammas Ogaadeen dhaqaa
Ertiraatti achol ba’aa
Haadha teessaniif mitii
Tan teenyaaf du’aa jedhuu!

Erga haadha ofii jaalatanii
Erga Tooppphaan dhaadatanii
Maan duuneree dhaqanii
Yoo haqa qabaatanii?
Isaanis haadha qabuu
Nutisoo haadha qabnaa
Haawweeen lameen addaddaa
Kan ta’an gaangee fi fardaa!

Yoo du’aa du’aan dhufe
Gabrummaan itti fufee
Nu haayyoo teenyaf duuna
Harcaanee gadi buuna!

Ammoo otoo harcaaneen bu’in
Ilaa otoo lafarraan dhumin:
Waliso Roggee Ammayya
Kutattuudhaa-chi wayyaa
Jibbaat keessi bosonaa
Qeerransa keessa sonaa
Dalloo keessi daggalaa
Leencatoo itti galaa
Carcar keessi hurrumaa
Gichillaatoo guungumaa
Gibee keessi limixaa
Kan gameef achi lixaa
Mogor keessi shimalaa
Birmaduuf achi malaa
Achittoo deemnee duuna
Harcaanee gadi buuna!
Yoo duune haayyoo ergisaaf mitii
Seenaa isa sobaatiif mitii
Haadha nu deesseef duuna
Seenaa dhugaa gaffuuna!

Biyyalaattis nu sirbisiifachuu fedhuu?
Gaayila keenya irrattillee
Keenyawoo isiniif jira jedhuu
Ragada haadha “reggae” hin sirbinaa nuun jedhu
Jamaayikaas dhaqanii dhoowwuu fedhuu?

Beneensummaa mootummoota saanii
Gara-jabeessummaa gita-bittee sa! anii
Baqannee baanee
Garaa waaqaa jala faffacaanee
Kunoo oliifii-gad tatamsaanee
Biyya raajii-raagaan keenya
Maqaa-saallee hin beekne
Takkaayyuu hin dhageenye
Awustaraaliyaa-llee geenye!

Humma Somaaliyaa lukaan murree
Bosona Sudaan qaxxaamurree
Kaan irbaata leencaa
Kaan dhiyaana hummaa
Ta’ee nu biraa achitti hafee
Kaan akka sheek Saphaaloo
Akkas otoo dhaadatuu
Biyya ofii waammatuu
Biyyee amabaa keessa rafee
ijoolleen hummatti dhalattee
Ishiin kaan caakkaatti guddattee
“Karaa“, “Karee” jedhamtee moggaafamtee
Hammachiisaa Amboo mitii
Harsadii Bishooftuu mitii
Waashingitan-faa geeffamtee
Amma kunoo shororkeessituu jedhamtee!

Seenaan keenya dhiigaan kitaabamee
Seenaa hortee Kuushii
Seenaa hortee Afrikaa
Qaccee fara’oonotaa jedhamee!

Nuti biyya saaniit! tin duullee
Daangaa-saaniin dabrinee
Gaarran-saaniin qaarinee
Odaa-saaniin mummurree
Galma-saaniin guggubnee
Biyyum keenya dhufanii
Gandeen teenya gubanii
Hawween-teenya hudhanii
Baar gamatti gurguranii!

Kan Omaan-Iraaq geeffame hin deebinee
Kan Jamaayikaa-Teeksaas geeffame
Seenaa-saallee hin arginee
Kan Jarman dhufe hin gallee
Akkafe’ee, Aagaa, Bililleen-faa
Boolla cabbii keessaa ammallee:
Yaa biyya-koo
Yaa harmee-too
Jedhanii wawwaatuu
Ilmoo gabra durii hundaa
Hortee Kuush-Afrikaa hundaa
Kunoo akkan garaa nyaatuu!

Bar gateettiin abbootii keenyaa
Kan waanjoon madeesse hin fayyinee
Dugdi haayyolee teenyaa
Kan ba’aan jajallise hin qajeellee!

Harmi haayyolee Aannolee
Harki aabbolee Aannolee
Boolla keessaa dubbataa
Hortee Kuush-Afrikaatti iyyataa!

Bar nu seenaa Afrikaa malee
Eekaa seenaa Kuushotaa malee
Seenaa ergisaa homaa hin qabnuu
Mootii Afrikaa Shaakaa malee
Kan Solomoon jedhan barbaachan dhaqnuu!

Qaroominnis asumaa
Qacceen teenya Afrikumaa
Gibxii fara’oonotaa
Nuubiyaa jagnootaa
Simbaawee gamnootaa
Biineen-Timbuktuu qarootaa
Kana qaroominni keenya
Kana ayaan teenya!

Himachuu daddhabne malee
Hin hukkaamamne malee
Aksum kunu! u kan keenyaa
Agawo diroon Laalli balaa
Duguugamee maal himnaa?

Maqaa jibbaa nutti babbaasanii
Arrabsoo barabaraan yayyaasanii:
Walaamoo fi Gudeellaa
Gaallaa fi Shaanqillaa
Guraagee kulii kulii
Adareen tunii tunii
Jedhanii arrabsoo Kilimaanjaroo fakkeessanii
Dhugaa dhara-dharaan addeessanii!

Bar Gaallaa jechuun “Nigger“-ii
Bar Shaanqillaa jechuun “slave“-ii
Lachuu gabra jechuu-dhaa
Ilmoo namaa horii godhee hudhaa
Afaan keenya keessallee
Sagaleen “gabra” jedhamun turree
Afaanuma-saanii Gi’iisii-rraa as-furree!

Bar nuti warri isaan akkan godhan kun
Uummatoonni isaan gaddhiitan kun
Biyya-saanii hin dhaqnee
Abbayya achiin ceenee
Gondor-Tigraay-Manjiin seennee
Biyyoota keenya dhufanii
Gandoota keenya gubanii
Namummaa keenya madeessanii
Aadaawwan keenya barbadeessanii
Afaanota keenya bubbusheessanii!

Bar nuti! saboonni Kuushii
Kan Oromi yaa fi Kibbaa
Karchalleetti walbarree
Manneen hidhaa isaan tarree:
Shaamaa kenninee
Booda dirra garafame
Nafa isa waxalame
Sukkuumnee walii qoorsinee
Imimmaan dhiigaa waliif gogsinee
Bara dheeraa wajjin turree
Sansalata walirraa furree
Bittee-saanii hidduu qaxxaamurre!

Hayyee hayyee ijoollee Kuushiyaa
Hayyee hayyee jabbillee Oromiyaa
Nafni Gaambellaa nafa keenyaa
Dhiigni Benshaangul dhiiga keenyaa
Walitti haa iyyannu
Waliif haa birmannu!

Walaayitaan Kuush lixaatii
Kafichoonis Kuush lixaatii
“Omotic” jettanii maqaa lagaatiin hin waaminaa
Namas lafas kiristinnaa hin kaasinaa!

Hortee Kuushotaa
Qaccee Afrikaanotaa
Ukkaamamnee iyyachuullee daddhabnee
Harki nu hidhamee isa kaaneef hanqannee
Addunyaan dibbee-saanii rukuttii
Haayyoon teenya Afrikaanillee
Soba-saanii fudhattee urguftii!

Kunoo sobni mootomee
Dhugaan awwaalamee
Ilaa shororkeessituu jedhanii
Akka Teediroos isaanii
Akka Minilik isaanii
Gargaarsa ammas gamaa kadhatuu
Shorokeessituu maaf hin-hiine jedhuu
Karchallee gara Diisii fiduu fe’uu?

Kunoo sobni-saanii farda koree
Addunyaa keessa garmaamaa
Balali’aatoo dhabamee ma! lee
Ji’arra olbawuuf wal-waamaa!

Appartaayidi-llee sirni bineensummaa
Naqarsi diinni ilmoo namaa
Maandellaa leenchicha Afrikaa
Bakkalcha addunyaa
Mandhee keessatti hidhee teessisee
Ginni bittee Habashaa
Barsiisaa-saa Taaddoo Birruu
Leenca Kuushiyaa
Urjii Oromiyaa
Hudhee boolla seensisee!

Hayyee ijoollee Kuushiyaa
Hayyee jabbilee Oromiyaa
Isaan jibba dhugaa guddatanii
Aannanii-damma keenyaan akkan furdatanii
Jibbatu moora ijaa-saanii cufee
Bara Teediroos kaasee itti fufee!

Nuti ijoolleen Oromoo jibba
Luugaa hin guddannee
Tuffii sanyii namaatiin hin furdannee:
Aadaan keenya aadaa gadaa-tii
Jibba hin faffacaasuu
Afaan keenya afaan abbaa gadaa-tii
Oftuulummaa hin tatamsaasuu
Amantiin keenya Waaqeffannaa-dhaa
Ilmoo namaa gurguruun laguu-dhaa
Uumaa WAAQA gurraachaa
Salphisuun kakuu-dhaa
Nuti ammas jibba hin hafarsinuu
Wallaalummaa hin labsinuu
Sanyiin hunduu qixxee-dhaa
Afaan hunduu qixxee-dhaa
Addunyaan buburree-dhaa
Kanaaf sonaan miidhagduu-dhaa!

Asxaan walaabummaa dubartii siiqqee
Ateetiyyoon haadha maraaf qixxee
Coqorsi, ejersi-faa lubbuu qabuu
Massaa malee hin ciramanii
Oromiyaan jiituu bosonaa turitee
Daggala bunaa gobbuu
Caakkaa mukaa yabbuu
Sheexannillee qawwee duukaa gaddhufee
Caakkaa gubuu, aadaa gu buu itti-fufee!

Nu wallaalummaa
Dhaloota boruuttin dabarsinuu
Ammoo gabrummaaf
Dugda gadin cabsinuu
Roorrootti harka hin laannuu
Bilisummaan Oromiyaa
Akka du’aatii hin hafuu
Hammasittis garaan keenya
Homaa hin raffuu
Ollummaa boruutiif qopphoofnaa
Uummata cunqurfame
Saba waanjoon gad-qabame
Warra namummaan itti dhagayame
Hundaattuu namummaaf iyyannaa!

Hayyee ijoollee Kuushiyaa
Hayyee jabbilee Oromiyaa
Isaanis namumaa
Namummaa-saanii hin tuqinaa
Garuu harqoota gabrummaa-saanii
Caccabsuu irraa hin deebi’naa
Gabraan daldaltuu fi uummata-saanii
Addaan baaffaddhaa
Firummaa uummatootaa eessattuu
Guddisaa cimsaddhaa!

Biyya keessatti kan isaanii baatu
Addunyaa irrattis kan isaanii kaatu
Bara-baraan kan isaanii laatu
Manneen hidhaallee kan isaanii jaaru
Sharafa alaa kan isaanii argamsiisu
Callaa ofiitiin kan isaan barsiisu
Siree tolchee kan isaan raffisu
Warra Mosolonii-llee kan irraa har’e
Otoo mee hojiitii silaa yoona nuuf bari’ee!

Nuti ijoolleen Kuush Toopphiyaa keessaa
Akkuma abbootii Martin-Luther King-ii
Gabroota manaa fi gabroota alaa turree
Hammallee sansalatatu geeddaramee malee
Roorrisaan homaa nuttiin furree
Egaa amma ka’a harka walqabaddhaa
Gabrummaa jalaa bawuuf kakaddhaa

Isaan kun alaa nutti ka’uu
Isaan sun manaa nutti alb—-
Harra Shaggar irraa nu hari’anii
Handhuura keenyarraa nu kaasanii
Boru Jimma-rraa n! u hari’uu
Iftaan gobba-rraa nu ka asuu
Buqqisiin akkanum jedhee itti fufaa
Rooroon ija baasee Oromiyaa teenya cufaa!

“Mangee“-n saanillee
Kaleessa ilmaan Agawoo Kuushii
Gabaa hoolotaa isa Kolfee Shaggarii mitii
Gabaa Yarusaalem dhaabee gurguratee
Horoo sanaan allaattii sibiilaa bitatee
Ertiraa fi Oromootti summii garroobsee
Mucha dinagdee biyyaas doomsee!

Eekaa gita bittee Israa’el
Isa bulguutti of jijjiiree
Falastiinaa liqimsurraa
Majaa sibiilaas fudhatee
Nu duuguuf kakatee!

Bar Falastiinaanis numaa
Nutis Falastiinumaa
Dhiigni saba miidhamee
Foon uummata cunqurfamee
Hunduu tokkichumaa!
Hayyee jabbillee Oromiyaa
Hayyee ijjoollee warra Kibbaa
Jarri hudhee nu jibbaa
Mee isin wal-marafaddhaa
Adaraa wal-kabajaddhaa
Obbolummaa Taaddoo Birruu faa buusan
Isa dur diroon Xoonaa faa nuuf kuusan
Gagabbisaa cimsaa, jabeessatii tiksaa
Sansalata gabrummaa walirraa ciraa harkisaa
Impaayerittiin tun Karchallee-dhaa
Karchalleen Alambaqqaa-dhaa
Caccabsaa keessaa ba’aa
Galma bilisummaa keessan ga’aa!

Barliin, Amajjii 2004

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: