Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

 

 

Camadaa Hundee irraa*

Angafootiin hooganoota qabsoo Oromoo raaga isaan raagaa turan amma lubbuun jiraachuu baatanis, jechi isaanii dhugoomee jira. Oromoon alagaa irraa gaaffii tokko illee hin qabu. bilisummaa fi abbaan biyyuummaa kiyya kabajamuu qaba kan jedhu duwwaa ilmaan isaa barsiifate. Sabni mirgaa fi bilisummaa dhabe sossobbaa fi fakkeessii wareertonni dhiyeessanii yeroon inni harka kennate seenaa keessa hin jiru. Abashoonni dhufaa darbaa sababni mooraa masaraa Miniliki keessatti wal lolaniif naannoo isaanii bulchuuf ykn bituuf miti. Qabeenyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti duroomuf, aangoo irratti wal lolu. Sirni kaleessaa aangorra tures ta’ee, kan amma aangoorra jiru, yoo toftaan bittaa isaanii garaa garummaa qabaate malee, galiin isaanii Oromoo garboomsuudhaan aangoo siyaasaa fi dinagdee dhuunfachuu dha.

Mana hidhaatti Oromoo guuruun, ajjeessuu fi biyya isaa irraa buqisuun oromomoon mirga isaaf falmachuu irraa tasa duubatti deebisaa hin jiru. Qubattuun abashaa bara Miniliki irraa kaasanii Oromoo akka sabaatti dhabamsiisuuf yaalii eddu taasisanii, itti hin  milkoofne. Miniliki Oromoo miliyoonotaan lakka’aman jumlaan duguugee jira. H/sillaaseen bifuma wal fakkaatuun qabeenyaa fi saba Oromoo akka sabaatti dhabamsiisuuf yaalee jira. bara bittaa dargiis haaluma kanatu itti fufe. Kan bara bittaa TPLF kan bara H/sillaasee fi dargii irraa adda kan taasisu, maqaa afaan kee dubbachuu dandeesse jedhuun, miindeffamtoota irratti ijaaree, qabeenya dachee Oromiyaa saamuu, ilmaan Oromoo egeree sabaaf ta’an karaatti ambisuu, afaan isaa kan dubbatan itti miindessuu, Oromoo aangoo siyaasaa fi dinagdee irraa fageessuu kan kaayyeeffatee dha. haalli TPLF waggaa 22 Oromoo irratti raawwate kanuma. Beektota ilmaan Oromoo egeree sabaaf ta’an toftaa gara garaan dhabamsiisee jira. barataa Oromoo barsiisaa fi beektola lammii Oromiyaa ta’an hundeen balleessuuf kan akka sirna TPLF hojate hin jiru.

Sanas ta’ee kana haqa ummati Oromoo qabu, hukkaamsuun tasa hin danda’amne. Yeroo ammaa dhaloota eenyummaa isaa beekutu Oromiyaaf guddatee jira. galata gootota Oromoo kaleessa lubbuu itti dhabaniif haa ta’uu, yeroo ammaa gaaffiin Oromoo amma galiin isaa qaqabutti sadarkaa humni kamuu dubaatti deebisuu hin dandeenye irra gahee jira. dhaamsa dureen qabsoo Oromoo angafooti dhaammatan qabatamaatti muldhachaa jira. kun bu’aa qabsoo Oromoo ti. Oromoo fi Oromiyaaf gammachuu, diina Oromoof ammoo, mata-dhukkubbii dha. falli TPLF qabu kana booda miindeffamtootaan Oromoo gowwaamsuu fi bituu akka hin dandeenye yeroon itti hubatu amma. Ilmaan Oromoo OPDO keessa galanii, miindeffamtootaan hoogganamaa turan, bifa nama gammachiisuun gara qabsoo sabaatti makamanii jiru. Hoogganni OPDO miindeffamtoota ta’uu isaanii hubachuun, ilmaan Oromoo miliyoonatti lakka’aman miseensa OPDO ta’anii otoo jiranuu, ummata isaanii wajjin dhaabatanii jiru. Kun qabsoon Oromoo diina irratti injifannoo seena qabeessa galmeessisee dha.

TPLF fi miideffamtoota isaa malee,  ilmi Oromoo Oromoo ajjeessuuf diina wajjin dhaabbate hin jiru. Oromoon ilmaan isaa dammaqoo ta’aniifii jiru. Haalli yeroo ammaa tokkummaadhaan barattootiin Oromoo fi ummati Oromoo diddaa garbummaa finiiinsaa jiru kana dhugoomsa. Amma kan  ta’uu qabu OPDOn yeroo kamuu kan walitti haraaramuu hin dandeenye qaama lama ta’uu ishee ti. Isaanis miindeffamtootaa fi sabboontota jedhamanii adda wal baasanii jiru. Keessumaa hoogganootiin OPDO gubbaa jiran yakkaa fi daba gara garaa Oromiyaa fi ilmaan Oromoo irratti waan raawataniif yeroo kamuu ummata wajjin warra haraaramuu hin dandeenyee dha. dhalooti haaraan (dhaloota qubee) kan ta’an garuu OPDO keessa jiraatanis mirgaa fi bilisummaa saba isaaniif akkasumma abbaa biyyummaa isaaniif ifatti falmachuu jalqabanii jiru. Kun guddina siyaasa Oromoo muldhisa.

Kanaaf TPLF amma fedhe meeshaa waranaa fi humna tikaa qabaatus, dachee Oromiyaa keessatti jaamaa (ija dhablee) ta’aa dhufuun isaa ifa ta’ee jira. fincilli barattoon Oromoo golee Oromiyaa hunda keessatti qabsiisan kana muldhisa. Oromoon tokko taanan, diinni keenya amma fedhe guddaa fakkaatus, dachee Oromiyaa keessatti ija hin qabu. ijaa fi gurra diinaa duuchuuf tokkummaan keenya fardii dha.

Keessumaa yeroo ammaa dhaabbileen siyaasaa Oromoo guddaa xinnaa otoo hin jedhiin tokkummaan dhaabbachuu qabu. wal dhibdee ykn garaa garummaa xixiqaaf jecha, diina Oromootiif yeroo kennuu hin qaban. Dhiigdi barattoota Oromoo, dhaabbilee siyaasa Oromoo yeroo kamuu caala, akka waliin hojataniif imaanaa itti ta’uu qaba. xuurii dhiigaan ilmaan Oromoo dhaamte kana dhaabbileen siyaasaa dhaabbatanii ilaaluu qabu. gumaan barattoota Oromoo kan baafamu tokkummaa ilmaan Oromoo dhugoomsuun ta’uu qaba. biyya keessatti ilmaan Oromoo yeroo kamuu caala, waliin dhaabatanii jiru. Dhiigaan muldhisanii jiru. Dhaabbileen siyaasaa biyya keessa jiranis ta’ee, biyya alaa socho’an gaaffiin bilbiltuu tokkummaa ta’uu isaa hubatanii atatamaan waliin hojachuu qabu. hoogganii dhaabaa ykn garee kamuu dhimma tokkummaa Oromoof gurra hin kennine diina gargaaruun ala Oromoof bu’aa tokko illee hin qabaatu. Kanaaf dhiigdi barattoota Oromoo TPLF fi miindeffamtoota isaan dhangala’e, nutokkoomsuu qaba. ajandaa ummata oromomoo fi Oromiyaan ala gaaffiin bilbiltuun hin jiraatu.

Qabsoo galii keenya isa dhumaan nugahu dhugoomsuuf, qabsoo walitti fufiinsa qabuu fi gurraa fi ija diinaa jaamsuu danda’u, gaggeessuu qabna. Kana gochuuf, tokkummaan gaaffii fardii dha. beektotiin Oromoo waldaa fi jaarmiyaan hawaasa Oromoo bakka jiran hundatti dhimma kana dhugoomsuuf dhama’uu qabu. diina keenya dachee Oromiyaa irraa buqisuuf qabsoo roga hundaa gaggeessuu qabna. Keessumaa qabsoo keessa keenyaa, daddaffiin daandii sirrii qabsiiisuun yeroon isaa amma. Hojiin dippilomaasii fi dhageettii sadarkaa addunyaatti argachuu kan dandeenyu, yoo keessi keenya akka Oromootti tasgabbii fi tokkummaa qabaannee dha. kudhan taanee, dhimma tokko dubbachuuf hojii dippilomaasii gaggeessuuf ni yaalla yoo ta’e, namni nama dhaghu hin jiru. Tokkummaa yoo qabaanne, alagaan gurra namaaf kenna. Hojiin dippilomaasii milkii argata. Kana beeknee qabeenyaa qabnu hunda gara humnaatti jijjiruu qabna.

Oromoon biyya Itiyoophiyaa keessatti humna sabni kamuu biyya sana keessatti hin qabaanne qabna. Humna namaa Oromoon qabu, Itiyoophiyaa keessatti guddaa duwwaa otoo hin taane, murteessaa dha. dinagdeen Oromiyaan sirna Itiyoophiyaa jiraachisuuf burqisiiftu bakka bu’aa hin qabu. taa’umsi Oromiyaa Itiyoophiyaa keessatti bakka furtuu dha. qabeenyi keenya  sadan kun gara humnaatti jijjiruu yoo dandeenye, diinni yeroo ammaa kana guddaa fakkaatee of ilaalu kun, galabaa abidda cinaa jiraatuu dha. kana gara humnaatti jijjiruuf dhaabbileen siyaasa Oromoo, caasaan jaarmiyaa hawaasa Oromoo, beektotiin Oromoo gahee murteessaa qabu. kanaaf ilaa fi ilaameedhaan qabeenya ittiin badhaanee jirru, gara humnaatti jijjiruun bilisummaa keenya goonfachuuf haa kaanu. Oromiyaan dhaloota haara egeree isaanii beekan itti guddifattee jirti. Kana booda dhimma qabsoo oromoo tuffatanii bira darbuun tasa hin danda’amu. Gaaffiin oromoo gaaffii mirgaa fi bilisummaa ti. Gaaffii kana deebisuun ala falli abashootii fi bittooti qaban hin jiru. Kana booda gaaffii oromoof otoo hin abboomamiin, egereen isaanii dukkana.

Tokkummaan humna.

* Camadaa Hundee: camadaa@gmail.com

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: