Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

Fiqruu Tolaa Awurophaa irraa* 14.07.14

Barota hedduu darban kana miidhaa fi dhittaa mirgaa namoomaa gitni bittotaa irraan gahan ofirra qolachuf Uummatni Oromoo qabsoo bifa addaa addatin adeemsisaa turera; ammas itti jira. Keessuma barota 1970 keessa bifa ijaramen qabsoon adeemisisame injifannoo gurguddaa argamsisera. Bu’aa argaman keessa inni angafti ummatni Oromoo kabaa-kibbaa, bahaa- dhihaa walqunnamsisee qabsoo mirga isaa sarbame deebifachu irratti akka dammaqee hirmatu gochuu isaa ti. Keessuma barota 23 darban dhabbileen mirga Oromootif falman baayeen ijaaramudhan qabsoon akka ciminaan itti fufuu fi fedhin ummatichaa bakka gahuf carraqaniru, ammalee carraqaa jiru.

Murni tokko qabsoo kan jalqabu yoo ta’u kan bakkaan gahu hawasa dha. Guyyaa ummatni/hawasni qabsoo kan mataa isaa godhatee ofitti fudhate kaayyoon akka bakka gahetti ilalamuu danda’a. Haala kanaan hawasni Oromoo qabsoo mirga isaa deebifachuf tasisamu erga kan mataa isaa godhatee fudhatee bubbulera.

Haata’u malee dhabbileen qabsoo mirgota ummatni sarbame deebisanii gonfachisuf waregama tilmaamuun hin danda’amne itti baasanii fi ammallee baasaa jiran hawasicha qindeesanii daandii tokko irra hirirsuu irratti hanqinni guddan akka jiru kan nama walgaafachisu miti . Qabsoon mirga ummatichaa deebisee gonfachisuf adeemsisamu bifa tokkoo fi daandii ifaa ta’e tokko jalatti qinda’uu hin dandeenye. Kunis kan ta’uu danda’e bu’uuresitotni qabsoo adeemsa qabsoo irratti walif galanii tokkumman socho’uu dadhabuu isaa ti. Garaa gara faca’uun humnota qabsoo tokkummaa uummataa uumamee ture hanga garaa gara diguu irra geesisera. Kun qabsoo mirgaaf adeemsisamu hagam akka laafisee fi miidhaa caaluf akka ummata saxil baase haalun hin danda’amu.

Humnotin qabsoo waan hin qindofneef ummata qindeesanii daandii qabsoo tokko irraa hirirsuu hin dandeenye. Waan kana ta’eef barattotnii fi dargagootni Oromoo itti gaafatama kana fudhachuf dirqamaniru. Haala kanaan barota darban kana yeroo adda addaa wal qindeesanii bakka jiran maraa yeroo tokkicha warraqudhan mootummaa abbaa irree mirga ummata isaanii dhitu kallatidhan dura dhabbatanii waregama qaalii ta’e kaffalaa turaniru ammas kaffalaa jiru.

Isa fagoo yoo dhisne dhiyoo kana Master plaanii Finfinnee jedhamee qotee bulaa Oromoo naannoo Finfinnee jiraatan lafa akakilee fi ababilee isaanii irraa buqisuf mootumman karoorfate mormudhan wareega guddaa kaffalaniru. Guutu Oromiyaa irrattis hawwasa sochosanii mirgaa isaatif falmachuu akka qabu gochudhan kan silaa dhabbileen siyaasaa hojjechuu/dalaguun irraa eegamu raawachudhan ittigaafatama dhalootaa bahaniru. Ummatni mirgi isaa sarbame, lafa isaa irraa akka buqa’uu fi eennyummaa isaa dhabamsisuf irratti duulamee mana isaa keessatti dorsifamu mirga isaatif du’uu akka qabus ofif dura du’anii agarsisaniru. Kanaafuu seenaa ummata isaanii keessatti iddoo ol aanaa qabu. Sabbontotni ilmaanii fi obbollewan isaanii cinaa hirirani adda isaanii rasasa diinaf kennanis goota gototaa waan ta’anif barabaraan ni yaadatamu, ni farfamus.

Warreen wareegaman kun qabsoon mirgaf adeemsisamu kan guutuu hawasaati malee kan dhabbilee siyaasaa qofa akka hin taanes mootummaa abba irree fi farra namoomaa ta’e kanatti mullisaniru. kaayyo Qabsoon gudhamuf yoo ifa ta’ee beekame hawwasa warraqsanii akka kan isaa godhate qabsa’u gochudhaf salphaa ta’uus humnota qabsootti agarsisaniru.

Gootummaa, gara kuteenyaa fi xiiqi barattotni Oromoo yuniversitii addaa addaa keessatti baratan agarsisan uummata biyya keessa jiru qofaa miti lammilee Oromoo biyyota ambaa keessatti faca’anii jiranillee yaadan walitti fidudhan bakka jiru maraa ajjeechaa mootummaan ilmaan Oromoo irratti raawwatee fi adeemsa qotee bulaa Oromoo naannoo Finfinnee irraa buqisuf karoorfame sagalee tokkon mormii akka dhageesisan gochuu danda’aniru. Kananis kan humnotin qabsoo mirgaa Oromoo gochuu dhadhaban raawachuu isaanii agarsisan.

Oromoon gamaa fi gamanaa sagalee tokko dhageesisuun isaas hawasa adunyaa kanaa fii mootummota gargarsa mootummaa Itopiyatif kennanis dammaqsudhan maqaa misoomatin ummata lafa isaa irraa buqisuu, ummata nagaa mirga isaatif karaa nagaa mormii dhiyesee fi barattota Oromoo ajjeesuu fi hidhun tasuma kan fudhatama hin qabnee ta’uu ibsanii mootumma Itopiyaa akka balalefatan gochuu danda’era.

Dhimma kana parlamaa isaanii irratti dhiyeesani mootummaa Itopiya ilaalchise seerri akka bahu kan carraqan ta’uu kan ibsanis ni jiru. Isaan keessa bakka bu’aan ummataa biyya Australia kabajamo obbo Anthony Byrne paarlamaa biyya isaanii irratti odeefannoo argatanirraa kahudhan gabaasa dhiyeesuu isaani Oromiya media net work irra hubachuun danda’amera. Akkasumas bakka bu’ootni (Senators) biyya Amerika kutaa (State) garaa garaa akkataa mootummaan Itopiyaa itti saba Oromoo qabaa jiru kan isaan yaaddese ta’uu isaa ministera hajaa alaa kan ta’an John kerrytif xalayaa barreesuu isaanii mediyaa addaa addaa irraa hubachun danda’amera.

Karaa biroos uummatni Oromoo sagalee tokkon yakka mootummaan raawwate balaalefachuun isaa ummattotni biyyatti callisanii ilaaluu akka hin dandenye agarsisera. Kunis kan ta’uu danda’ef gaafin Oromoo gaafii mirgaa, dimokraasii fi namoomaa ummattotni cunqurfamoon biyyatti marti gaafatan waan ta’ef callisuu akka hin dandenye gochuu danda’era.
Hirira biyya keessattis ta’e biyyota alatti gagesaman irratti dhadannolen dhiyatan keessaa haga tokko tuqudhaf:

– Mootummaan Itopiyaa barattotaa fi lammilee Oromoo mirga isaani gaafatan ajjeesuu haa dhabu,
– Qoteebulaa lafa isaa irraa buqqisun haa dhabbatu,
– Heerri mootummaa keeyyatni 49(5) Finfinnee ilaalchisee bahe hojiirra haa oolu,
– Afaan Oromoo afaan hojiii federalaa haa ta’u,
– Finfinneen haandhura Oromiyaa ti,
– Lafti Oromoo hin gurguramu,

Maqaa misoomatin ummata lafa isaa irraa buqqisun haa dhabbatu.
Olaantumaan seeraa haa kabajamu, hidhamtootni siyaasaa haa hikaman kan jedhani fi kkf turan. Dhadannolee kana irraa kan hubatamu walumaa galatti biyyatti keessatti mirgi dimokraasii, namoomaa fi olaantummaan seeraa akka kabajaman kan gaafatani dha. Kun gaafilee ummattotni biyyatti keessuma cunqurfamtotni marti gaafatanii fi falmanif waan ta’eef Oromoo cina hiriranii tumsa gochuun isaanii kan ta’uu qabuu fi kan eegamudha.

Itti galli qabsoo siyaasaa fi fincilli ummattotaa mootummaa abba irree, farra dimokraasii fi namoomaa aangoo irraa buusuu ykn gocha isaa irraa of qabee akka mirgota kana kabajuu fi bulchisni gaarin jiraatu gochuu dha.

Mootummaa ummataf hin taane tokkoo aangoo irraa buusun kan danda’amu karaa lama ta’uu ni danda’a. Karaan tokko akkuma biyyota baayee boodatti hafaa ta’an keessatti barame qawweedhan lolanii mo’udhan fonqolchuu dha. Isuma gareen TPLF mootummaa Dargii irratti hojjete jechu dha. Karaan inni lammafan paartidhan ijaaramudhan karaa nagaa filannoo dhan mo’anii aangoo irraa buusudha.

Gartuu mootummaa amma jiru kana aangoo irraa buqisuf karaan hidhannoo hanga ammatti akka yaadame ta’uu hin dandeenye. Kunis jijjirama siyaasa adunyaa kanaa irraan dhiibbaa uumamee fi qindomina dhabuu humnota qabsoo irraa ta’uun beekamaa dha.

Baroota 23 darban kana qabsoon siyaasaa godhamaa turee fi ammas itti jiru filannodhan mootummicha jijjiruu kan jedhu dha. Haga harratti filannon yeroo 4 yoo deemsisameyyuu mootummicha jijjiruun hin danda’amne. Kanafis sababa kan ta’an waan lama tuquun ni danda’ama. Inni tokkofan paartin aangoo irra jiru dirree siyasaa dhiphisuu irra darbee tasuma waan cufee fi miseensota paartilee mormitotaa maqaa dhabbilee farra nagaa wajjin hojjetu jedhu itti baasee hidhudhan paartileen akka humna hin horatne dhiibbaa irraan gahuu isaa ti.

Sababni inni lammafaa fi inni guddaan paartii aangoo irra jiruf carraa kenne paartileen mormitotaa biyyatti keessatti socho’an mataan isaanii ofif waan walmormanif qinda’anii dorgomaa ykn dorgomtota cimaa ta’uu dadhabuu dha. Kun ammalee hiika hin argane. Ganna afur dura paartileen 8 ta’an walitti dhufanii maree waggaa tokko olif adeemsisanin gamtaa ”Madrak” jedhamee beekamu ijaarun danda’amee yoo ture iyyuu martinuu walin itti fufuu hin dandeenye. Mootumman aangoo irra jiru akka gamtaan kun hin jabaneef harka isaa dheeraa keessa galchudhan paartilee tokko tokko keessa yaasuu danda’era.

Gareen oftuultotas maqaa nuyi paarti biyyolesaati jedhun paartilee sabaa irratti hunda’an wajjin hojjechuu hin dandeenyu jechudhun Madrak keessa bahaniru,/ ari’amaniru. Isaan kun duruu kan ajaja fudhatanii hojjetan oftuultota sammuu tortoraa gannaa 40 dura biyya bahani biyyota alaa jiraatan /diaspora/ irraa waan ta’ef kaayyoo rakkoo siyaasa biyyatti hiiku hin qaban. Hoggantotni paarti Tokkummaa Dimokrasii fi Haqaa /Andnet/ mindaa isaanii diasporaa irraa waan argatanif waan diasporan jedhee ala deemuu hin danda’an. Madraki wajjin yoo itti fufan akka mindaan irraa dhabbatu beeku. Kana qofa miti kiraa wajjiraa kan kaffalu warra alaa ti. Fakkenyaf wajjira paartichatif baatidhan qarshi 18,000 tu kaffalama ture bara 2010 keessa. Paartin akka WFDO fa moo baatidhan kiraa wajjiraa qarshii 4000 kaffaluu dhabanii rakkataa turan. Konkolaataa fi boba’aanis kanuma diasporaa ti. Barreesan paarti tokkummaa yeroo tokko akka jedhetti warri alaa diasporan jechuu isaati maallaqa nuuf kennanin nu bitanii waan isaan jedhan malee paartichi ofi isaatin akka waa gochuu hin dandeenye ajaja dabarsu jedhee anuma barreesa kanatti himera.

Gareen oftultotaa yoomuu abjuu keessa jiran keessaa bahuu hin danda’an. Isaan kanas ta’e mootummaa aangoo qabatee itti ciche sirreesun kan danda’amu yoo Paartileen mormitota ummatota cunqurfamoo bakka bu’an tokkummaa isaanii cimsanii ummattota isaani fincilaa fi diddaadhaf qopheesan qofaa dha. Oftultotni kan isaan kophaa burraquu barbadan dadhabina paartilee sabota garaa garaa bakka bu’ani irraa ti malee dhuguma humna qabatanii miti.

Gara qabsa’otaa fi dhabbilee siyasa Oromootti yoo deebines akkuman olitti tuqe rakkoon kayyoo fi adeemsa qabsoo irratti waligalanii qindominan hojjechuu waan jiruf qabsoo mirgaaf barattotaa fi hawwasni Oromoo biyya keessatti adeemsisan qindeesanii bu’a qabeesa gochun hin danda’amne.
Hunda caalaa qabsa’oti Oromoo walif galanii qabsoo qinda’e gaggesuu dadhabun mootmummaa abbaa irreetifis carraa guddaa ta’ee argamera. Akkasumas gurmuun oftuultotas qabsoo mirgaaf ummatni Oromoo adeemsisu siyaasa gosaa (”የጎሳ ፖለቲካ”’) jechudhan duula walirraa hin citne akka irratti adeemsisanif daandii ballaa baneraf.

Humnoti qabsoo Oromoo qinda’ani socho’uu dhadhabuun isaanii uummatota biyyattis sochosanii qabsoo mirga dimokraasii fi namoomaa ummatni Oromoo adeemsisu cinaa hirirsuu irrattis dhiibbaa gochun isaa kan beekamu dha. Yoo qabsa’oti Oromoo qinda’an ummatni Oromoos ni qinda’a. Yoo ummatni Oromoo qinda’ee socho’e hawwasni biyyattis akka duka socho’uu dhiibbaa godha.

Master planii finfinne irratti mormii hawasni Oromoo biyyaa keessa fi guutuu adunyaa kana irratti taasise hagam sabota biroo akka sochose yoo ilaaluu Oromoon gamtadhan socho’uun murteesaa ta’uu isaa nu hubachisa. Akkuman kanaan dura barreefama kiyya irratti tuquf yaale barota 1990 ota keessa yeroo Oromoon qaama tokko ta’e mullate uummatotni biyyatti akka Oromoon biyyatti irratti sagalee murteesaa qabu hubatanii turan. Ammas Oromoon bakka jiru maraa ka’e sagalee tokko dhageesisun isaa hawasni olla isaa jiru akka laayyotti ilaaluu akka hin dandenye hubanera. Kanaf jecha tokkummadhan socho’uun qabsa’otaa fi ummata Oromoo akkuma kana dura gaafatamaa ture ammas yoomiyyuu caalaa barbachisaa dha.

Akkuman olitti tuqe tokkummaan qabsa’ota tokkummaa ummataa argamsisa. Tokkumman ummataa karaa isaa humna qabsa’otaa ti. Paartileen yoo gamtadhan waltumsanii socho’an hawwasa kaayyoo tokko jalatti ijaaruu danda’u. Ummata kayyo tokkoo jalatti ijarame sochosun hin dhibu. Dhaba siyaasa tokkome dhabuun qabsoo qinda’e adeemsisuu irratti dhiibbaa guddaa akka fide hawwasni Oromoo erga hubatee waamicha gochuu eegalee barri fagatera.

Baroota darban barattotaa fi dargaggotni Oromoo ”fincila diddaa gabrumaa” dhadannoo jedhu qabatanii wareegama lubbuu fi qaama isaanii baasuu isaanii olitti ibsamera. Tokkummaan dhabbilee waan hin jirref qaamni sochii kana qindeesee hoogganu hin ture. Kanafis fincilli isaani akka tasaa (spontaneous) ka’ee deebi’ee akka qabana’u ta’uu danda’era. Qaama hoogganuu fi qindeesu otuu hin qabatin warregama qaalii ta’e kan kaffalaa jiranif haccucaa fi dhiibba daangaa hin qabne ummata isaani irra gahu obsaanii dabarsuu waan dadhabanif. Hoogani waaltesu tokko otuu jirate yoom akka ficilli barbachisu ni karoorsa, ni qindeesa, qajeelfama kenna ni hoogganas.

Ammas taanan mootummaa abbaa irree fi farra dimokrasii kana aangoo irraa buusudhaf qabsoon barattotaa fi hawaasaa cimee itti fufuun isaa waan hin oolle, dirqamas. Hacuccaa fi rorron hanga jiranitti qabsoon ni jiraata. Yeroo hacuccaa fi gadi qabaan daangaa darbu obsi ummatotas daangaa qabaata. Haala yeroo amma mullataa jiru irraa kaane yoo ilaalle obsa fixachuun kan Oromoo qofa ilaalu hin fakkatu. Hundumtuu garaan dhiiga dhugee jira. Martinuu aaridhan bokokee jira. Garaa dhiiga dhugee fi mataa aaridhan bokoke kanatti fayyadamanii akka dhuka’u gochudhaf qindomanii hoogganun waan yeroon gaafatu ta’ee argama.

Yoo gareen amma aangoo qabatee ummattota biyyatti dararaa jiru kun akkuma amma itti jiru adeemsa baleesanii baduu qabatee itti fufe ummattotni filmata hin qaban fincilanii ofirraa darbachun waan hin oolle ta’a- kan barota sadan darban biyyota kaaba Afrikaatti, amma dhiyoo kana biyya Ukreini fi Thailanditti ta’es isuma kana.

Mootummaa karaa nagaa aangoo gadi dhisu dide dirqidhan aangoo irraa buusuu jechu dha. Dirqisisun kan danda’amu akkuman bakka birotti tuqe yoo dhabbileen siyasaa walif galanii ummattota fincilaa fi diddadhaf hiririsuu danda’an qofaa dha.

Egaa yoo Fincilaa fi diddaa ummatotaa malee mirgi argamuu hin danda’u kan jedhu fala ta’e kana eenyu haa hojjetu ykn haa qindeesuu kan jedhu gaafii itti aanu ta’a. Akkuma yeroo biraa jedhamaa ture kana kan gochuu danda’u Oromoo dha.

Oromoon tokko ta’ee yoo socho’e uummattota hafan mara sochosuu akka danda’u mallattoo arginera. Amma kan barbaachisu isa kana xiinxaludhan gara fuula duratti attamitti haalli kun cimee gara sadarkaa ola’anatti guddataa kan jedhu irratti hojjechu dha. Kanafimoo dhabbileen siyaasaa Oromoo dura ofif qinda’uu qabu.

Humnoti qabsoo Oromoo otuu walif hin galin warra kaan qindeesuun hafee ummata Oromoo qindeesun akka hin danda’amne hubannera jedheen amana. Akka ilaalcha kiyyatti Yoo dhabbileen Oromoo walif galanii karaa hunda dhiibba gochuu hin dandenye qabsoo Oromoos biyyattin karaa qaxamuraa (Crossroad) ce’uu hin danda’an.

Qindoominni humnota bilisummaa Oromoo kan barbadamuu fincilaa fi diddaa uummatotaa qindeesuu qofaf miti. Mootummaan amma jiru kun waldhibdee isa keessatti dhalatan irraa kan dhufuu danda’an haalota hin eegamnenis diigamee tamsa’uu ni danda’a kan jedhus tilmaamuun ni danda’ama.

Yoo haalli akkasi umame aangoo mootummaa banaa ta’e qabachuf kan hin sochone hin jira jechun hin danda’amu. Yoo haalli akkasi dhalate mootummotni adunyaa kana to’atan kan akka Ameerikaafaa keessa galuun isaanii waan oolu miti. Biyyatin mootummaa malee jiraachuu waan hin dandeenyef paartileen mormitoota walitti dhufanii akkuma bara 1991 mootummaa ce’umsaa dhabutti deemunis waan hin oolle dha. Mootummaan ce’umsaa dhabatu motummaa dhabbataa ijaruuf haala mijeesa jechudha akkuma maqaan isaa ibsu ce’umsa waan ta’ef. Yoo akkas ta’e bakka bu’ootni sabotaa fi sablamota biyyatti keessa jiran martinuu qooda fudhachun dirqama ta’a. Maalif yoo jedhame qaamni tokkolle alatti hafee mootummaa guutuu ijaarun waan hin danda’amnef.

Mootummaa ce’umsaa keessattis ta’e dhabbataa keessaatti qooda fudhachu kan danda’an kan sirritti ijaaraman qofaa dha. Ijaramuu qofa miti ijaarsa cimaa qabachun waan gaafii hin qabne dha. Ijaarsa cimaa yoo qabatan sagalee cimaas ni qabaatu. Sagalee cimaa yoo qabaatanimoo yaada ummata ofii fayyadu warra hafan fudhachisun ni danda’ama. Ijaarsa cimaa yoo qabatan yaada marii cimas (Strong negotiation power) ni qabaatu. kunimoo mataa isatti waan barbadan argachuf gargaara.

Haala kanaan Oromoon maal keessa jiraa? Yoo waanti tokko dhalatef hagam qopha’ee jiraa yoo jedhamee gaafatame akkuma olitti tuqame ammallee gaafii fi adeemsa qabsoo walfakkatu jala hiriree hin jiru. Hanga yaada tokko irratti walii hin galetti ijaarsa cimaa qabachuun hin danda’amu. Hanga ijaarsa cimaa hin qabanettimoo humna marii (Negotiation power) olitti tuqame qabachuunis hin danda’amu. Sana qabachuu baananimoo waan ummata ofitif hawwan argachuun hin danda’amu. Akkuma kanaan duraa waan warri humna qabu fudhadhaa jedhan fudhachuu qofa ta’a. Kunimoo tasumaa fudhatama hin qabu.

Egaa yoo biyyatti sana keessatti Oromoon iddoo isaaf malu argachu qaba jennee kan yaadnu ta’e amma irraa eegallee waan hundafuu qopha’uu qabna jechu dha. Biyya Itopiyaa jedhamtu kanaaf dimokraasii guutuu ta’e malee kan fala ta’u hin jiru. Waan baayee hawwuun ni danda’ama. Hawwin yeroo hunda bakka gaha jedhanii yaadun hin fakkatu. Dimookrasii guutuu fiduuf kan dandeettis ta’e gaafatama qabu Oromoo dha. Kun kan nama walgaafachisu miti. Kanaafuu Oromoon kanaf qopha’uun dirqama isaa ti. Qopha’uu jechunmoo ijaarsa cimaa qabachuu jechu dha. Oromoon yoo ijaarsa cimaa qabate waan ummata isaatif hin taane diduu danda’a. Yaadni Oromoon hin fudhane hoji irraa ooluu hin danda’uu jechu dha. Kunimoo akka Oromoon sagalee murteesaa (veto power) qabatu isa godha.

Yoo qindomini jirate humni jira. Yoo kun ta’uu baate akkuma Dr. Mararaan yeroo mara ”hanga humna keenyaa, hamma dandeenye” jedhu sana taanee hafna. Anilee jechi akkasi siyaasa keessatti hin hojjetu jedhee waanan amanuf jechicha sana hin jaaladhu. Garuu Dr. Mararaan waan kana jedheef qaba. Mootummaan sobaa adii sobudhan maqaa ”ABO wajjin hariroo qabu” jedhun itti moggasee miseensota dhaba isaanii Kongreesii Fedrealisti Oromoo (KFO) guree mana hidhatti naqee akka isaani humna hin godhane taasisuu ibsuuf yoo ta’u karaa biroomoo Oromoon qaama tokko ta’ee waan wal hin tumsineef martinuu kopha kophaa humna xiqoo qabuun socho’uun dirqama ta’uu isaa ti. Dhaabni ummata miliyonii 30 ol of duubaa qabu silaa humna dhabe jedhee waakachuu hin qabu ture.

Waan maraafuu akkuma bishaan darbe waraabuun hin danda’amne isa darbee dhisuudhan fincilaa fi diddaa ummatootni biyyatti adeemsisan qindeesudhan qabsoo galmaan gahuf hojjechun yeroon isaa amma dha. Yoo humnoti qabsoo bilisummaa kana gochuu danda’an sabbontotni Oromoo kuma heddutti lakka’aman biyya isaanitti deebi’ani ummata isaanii cinaa dhabbatani wareegama barbachisu kaffaludhaf qopha’oo dha jedhen amana. Hacuccaa waggaa hedduu irra bilisummaa guyyaa tokkotif wareegamuu kan caalu hin jiru.

Dubbistotaf, barreefamni kiyya kun irra deddebii baayee qabachuu ni danda’a. Kanaafuu yoo dheeratee isin nufisisef na ofkalchaan jedha.

Galatoma

* Fiqruu Tolaa: fiqrutola@yahoo.com

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: