Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

Jiituu Lammii; Adoolessa 13, 2014

DIDDAAN UMMATAA KAN TUFAN NAMA ARRAABSISA!
Waaqaa gaditti kan sodatamuu fi kan bara baraan jiraatu ummata. Ummanni kan jibbe ni buqqisa; kan jaalatemmoo jabeessee dhaaba. Kunuunsee magarfata. Kana hunda gochuuf humnaa fi ga’umsa of harkaa qaba. Ummanni humnoota jallinaa seenaa dhala namaa keessatti dhufanii darban hunda dabareen ofirraa godaanisisaa ofii bara baraan jiraata. Henry VIII (England: 1509-1547), Adolf Hitler (Germany: 1933-1945), Augusto Pinochet (Chile: 1973-1990), Benito Mussolini (Italy: 1922- 1943), Joseph Stalin (USSR: 1922-1953), Jean Bokassa (Central African Republic: 1966 –1976), Idi Amin Dada (Uganda: 1971-1979.) Emperor Menilik, Mengistu Haile Mariam fi Meles Zenawi (Ethiopian Empire), hunduu bara isaanii keessatti hirree jabeeffatanii ummatarratti fokkuu dalaganiiru. Ajjeesaniiru. Ajjeesisaniirus. Isaaniin olitti Waaqayyollee jiraachuu dagataniiru. Haa ta’u malee Isaanis ta’e, akeekni isaanii bakkatti hafuu hin dandeenye. Ummanni garuu yaadannoo xuraawaa isaan dhiisanii darban faana isaaniirraa seenaa keessatti ilaalee yaadachaa bara baraan jiraata.

Adoolessa 13, 2001 Oromoon “guyyaa gaddaa” jedhee yaadata. Guyyaa sirni wayyaanee miidhaa ummata Oromoorraan gahaa jiru daran jabeeffachhuun Labsii jallinaa itti dabarse ture. Finfinneen teessuma lafaatiinis ta’e seenaa, aadaa fi duudhaadhaan Oromootti hidhata addaa qabdi. Diinni Oromoo dhugaa kana waan beekuuf erga Oromiyaa dhuunfatee eegalee Oromoo fi Finfinnee gargar kutuuf shira hanga hin qabne hojjachuu lakkisee hin beeku. Labsiin Adoolessaa kunis itti fufiinsa shira kanaa ti. “Finfinneen magaala guddittii Oromiyaa ti” jechuun maqumti isaatuu diinaaf dhukkubbii dha. Seenaa, Aadaa fi duudhaan Oromoo achitti deebi’ee biqiluu fi guddachuuf hiree argata. Oromoon baroota dheeraadhaaf waa hallerraa moggeeffamee ture carraa kanaan walitti dhufuun guddina eenyummaa isaa furgaasuuf haalatu aanja’a. Inni diinni Oromoo sodaatu isa kana waan ta’eef, golgaa teessoo OPDO geeddarra jedhuun Oromoo rukutuuf karoora baafatan.

Kanaaf Oromoon murtii hamaa kana hadheeffatee mormuun warra murtii kana dabrsee fi murtii kana fudhaterratti gamtaan waldhaansoo eegale.

Jalqaba bara 2004tti, waamicha hiriira mormii Waldaa Maccaa fi Tuulamaatiin qophaawerratti Oromoon xiyyoo lafaa hundarraa walitti dhaamee Finfinneetti fuula deeffate. Dambaliin ummataa fardaa fi lafoo magaalittiirra garagaggaluu kan arge diinni Oromoo, sodaadhaan humna waraanaa naannichaa qabu hunda ummata nagaan mirga isaa gaafachuuf bahetti bobbaase. Waraanni kun Maanguddoo fi dubartii otoo hin jenne diinummaa isaa mirkaneesse. Hooggantoonnii fi miseensonni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hidhaatti guuraman. Waajjirri waldichaa qabeenyi isaa saamamee akka cufamu ta’e. Barattoonni Oromoo Yunbarsiitii Finfinnee keessa baratan hundi barnootarraa hari’aman. Gariin calalamanii hidhaman. Isaan keessaa lama haala sukkanneessan mana hidhaa keessattii ajjeefaman.

Kun hunduu walgahee diddaa ummataa jabeesse. Haariidhaan gamtaa ummataa ijaare. Dallansuun ummataa fincilatti geeddaramee gola Oromiyaa hunda keessaa dheekkamsa ho’aa kaase. FDG Oromoon gamtaa jabaan geggeesseen teessoon diinaa raafame. Warri labsii hammeenyaa labsan irriba dhaban. Ilmaan Oromoo haqa sabaaf jecha heddumminaan wareegaman. Hidhamanii gaaga’aman. Ta’us gatiin dhiigaa – lubbuu isaanii lafatti hin banne.

Waxabajjiin 10, 2005, seenaa addaatiin bari’e. Warri tuffiin labsii jal’inaa ummatarratti labse “… Finfinneen Magaala Guddittii Oromiyaa ta’uu akka qabdu qorannoon irra geenye …” jechuun labsii labsiin kaasuuf dirqaman. Fedhii ummataatiin ala deemuun eessaanuu akka nama hin geenye baruuf qorannoon hin barbaachisu ture. Boru hin-beekneen diinatti hidhattee “…Finfinnee keessatti yoo mana ijaarre hin mul’atu, Adaamaatti garuu ni mul’ata, … Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waa’ee Finfinnee haasa’uuf mooraalii maalii qaba … ?” jechuun afaan darbaa dubbattes har’a taajjabatti hafte. Yeroof fakkaata malee ummanni mo’amee hin beeku. Bubbulullee diddaan ummataa labsii labsiin nama kaasisa. Isa tufan nama arraabsisa.

Isa kaleessaa akkanaan yaadanna. Har’as dubbii wal fakkaataatu gola Oromoo seenee jiraa kanaaf isatti fuulleffaana. Karoorri golgaa ‘magaalaa Finfinnee guddifna.’ jechuun si’a kana labsame itti fufa shira diinaa kan Finfinnee fi Oromoo walirraa kutuuf deemsifamaa turee ti. Tarii inni si’anaa Oromoo fi Finfinnee walirraa kutuu qofa otoo hin taane, Oromiyaa fi Oromiyaa gargar kutuuf kan akeekame murtii fokkisaa fi abaaramaa dha. Erga karoorri kun ifa ta’ee eegalee Oromiyaa keessatti diddaan ummataa jabaachuu namuu gurraa qaba. Oromoon akkuma kanaan duraa gatii lubbuutiin shira kana ofirraa debisuun ala furmaata dhibii harkarraa hin qabu. Kanammoo hojiin agarsiisaa jira. Mormii ummataa tuffachuun labsiin kun ragga’ee hojiirra oola taanaan, badii hanga hin qabnetu dhufuuf deema. Warri karoora kana raggaasisuuf olii gadi fiigaa jiran seenaa fokkuu hojjachuun dura waan boodarra dhufuuf malu otoo xiinxalanii isaaniif wayya. Sana gochuu hanqatanii tuffii agarsiisuu fi fedhii ummataan ala bahuu isaaniitiin adda dureen gatii baasu. Seenaarraa baruu dadhabuun doofummaa dha. Afaan qawweetiin fedhii ofii ummata fudhachiisuuf carraaquun booddeen isaa salphina ta’uu kan darbe yaadachuu feesisa. Gaafa tuffiin akka kanaa diinarraa dhiibee dhufe, Oromoon hundi waliif humna. Humna halkan tokkoon labsii labsiin geeddarsiisu harkaa qaba. Akkuma kaleessa agarre, har’as laaluuf jirru, diddaan ummataa isa tufan nama arraabsisa.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: