Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

Posted: Onkoloolessa/October 21, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com |

(The following report is by OroMedia.net)

(Bitaa irraa gara mirgaatti) Abbaa Duulaa fi Diimaa - OroMedia.net

(Finfinnee, 20 Onkoloolessa 2014) Ittaanaa Dura Taa’aa ODF/ADO kan ta’e Dr. Diimaa Nagoo gabaasa dhimma isaa ilaalchisee bahe irratti hedduu akka aare beekame.

Maddi keenya akka gabaasetti, Dr. Diimaan Abbaa Duulaa waliin du’agahii amaatii isaa, Aadde Tsehaay Tolasaa, taa’e waa’ee isaa ilaalchisee gaabsaan himamaa jiru hedduu akka isa aarse dubbate.

Suuraan qabatamaan nu gahe akka addeessuttis, Dr. Diimaan Abbaa Duulaa waliin taaée sirna gaddaa irratti argamuu isaa kan mulísuudha.

“Diimaan hidhameera jedhaa odeesssaa, silaa asuma keessaa baatanii soba odeessituu,” jedhee yeroo dheekkamsaan dubbatus dhagaámeera.

Dr. Diimaan, sirna awwaalchaa booda, ODF/ADO galmeessisuuf gara boordii Filannoo Wayyaanee deemus haaldureen dhiyaateef amma illee paarticha galmeeffamuuf danqaan akka dura jiru addeessa.

Haalduree yeroo ammaa dhiyaate keesaa gariin, ODF/ADO maaliin akka ABO irraa adda ta’e barreeffamaa fi waltajjiitti akka ibsu kan gafatuudha. Kanuma waliin, Alaabaa ABO dhiisuu, Heera Itoophiyaa ifaan ifatti fudhachuu, lola balaaleffachuu fi caasaa ABO irraa adda taée ifaan ijaaramuu isaa kan mirkaneessu gabaasaa akka galchu gaafatamuu isaa odeessi nu gahe ni addeessa.

OroMedia.net

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: