Ani Oromoo , Biyyii koo Oromiyaan Ni Bilisoomtii!!!

 

Amin Jundi irraa | Waxxabajjii 1, 2014

Hoogganoota ABO Maraafi

Jaallan yeroo tokko keessatti qabsoo oromoo firii arra muli’atu kana agarsiisuufi qoodnni isin laachaa turtaniifi itti jirtan seena keessatti bakka guddaa qaba. Haata’uu garuu seenaan kun hujii boonsaa dalaydanii fi dogoggoroota tokko tokko  godhameen walmakee arra dhaloota haaraya oromo biratti bifa addaa qabaachaa akka deemaa jirruufi daranuu haalli kun hindhaqabaminne yoo ta’e seenaa qabsoo oromoo keessatti galmee gurrattiin akka dibamuufi deeminnu xinxalluu hindandeettan jedhee hinyaadu.

ABOn tattaaffii keessanniin onnee oromoo keessatti facaafittan arrallee qalbii oromoo keessatti osoo abdatamaa jiruu isin abbaa ilaacha eenyummaa oromoo wareegama danuudhaan dhalichiise dagaagsee kunuunsee guddise asiin gaye kana ammoo tuffachuun, salphisuu fii  xiqqeessuun galata keessan ta’aa akka jiru isintti hinmuli’atu jechuun hindanda’mu.

Arra yoo dhugaa ufitti himuu dandeenyeefi dhaabbannee kan ufi ilaallu ta’e hogganni ABO warra bu’uresarraa eegalee hanga qondaalota koonyaalee dhaaba  keessaa fofottoqa keenyaan sadarkaa hoogganaa dhufan dabalatee hoogganni dhaaba kanaa xiqaatee salaphaatee kabajaan irraa fuudhamee sadarkaa moraa oromoo keessatti kabajaan yaadatamuun hafee namoota seena qabsoo oromoo hinhubanneefi farroota dhaaba keenyaatiin huccuun nurraa muliqamee akka qullaa nudhaaba jiran namnni hinhubanne jira jedhee hinyaadu.

Hoogganni kaleessa oromoo kumaan walitti qabee barsiisa ture ,miseensota meeqa ufijalatti ammatee geggessa ture, hoogganna dhaaba ABO osoo hinta’in akka hooggana ummata oromootti waaroo kabajaa uffataa ture, hoogganni kaleessa jechoonni isaa akka jecha waaqaatti jaalatamaafi kabajamaa ture ,hunduu arra sadarkaa idilee oromootti ulfinna argachuun hafee qe’ee ufii keessa qubatu keessattillee nama oromoo diige ta’ee akka  qubnni itti laatamaa jiru namnni waakkatu jira natti hinfakkaatu.

Hedduun keessan qabsoo umrii dardarummaatiin eegalttanii  rifeensa  itti jijjiirattan kanaafi yoo xiqqaatte asii nugeettanii galatoomaan dhabmee seenaa qabsoo oromoo keessatti warra oromoo diigan jedhaminne akka galmee seenaatiifi tilmaamaminne fageesitanii arguu nidadhabidan jedhanii ilaaluun nama dhiba.

Akka carraa ta’ee warri lubbuun dabran hedduun isaanii osoo waaroo salphinna keenya kana hinuffatin dabranii jiru mee kan lubbuun jiran keesaa, hooggannonni akka J/ Abiyyuu Galataa, J/Abbaa Biyyaa Roobaa, J/ dhugaasa bakakkoo, J/Xahaa Abdii  J/Galaasaa Dilboo. J/Leencoo lataa,J/dawud Ibsaa, J/Ibsaa Guutamaa,J/Diima Nagoo, J/Taddasa Ebba, J/Ahmed Hussen, J/Qubsaa , J/Jeeyluu danbooba J/Bultum, akkasummatti sadarkaa itti anutti J/Leencoo Baatii , J/Bayan Asooba  J/Tamaam Yuusuf,J/hassan Huseen,J/Odaa Xasee,J/Gaashuu lammeessa  J/ Kemal Galchuu,J/Hailu Gonfaa akkasummatti sadarkaa sadarkaan gadi bu’aa yoodeeminne arra hooggana kamittu ummata oromoo biratti seenaa bareedaan faarfamaa ummata biratti jaalatamaa jira. Enyutu Jaallan kun nuuf osoo tattaaffanii umrii isaanii guutu dabarssan jedhee seena keessan bifa miidhagaan barreessaa jira.

Arra seenaan keessan dhokatee ifaajeen keessan faallatti hiikamee waan isin umrii dardarummaa keessaan bosona oromiyaa fii mana hidhaa keessatti dhama’aa turtaniifi   faaruu caalaa abrsaan idda bufamee oyiruu isin itti facaafittan miseensonni OPDO irraa omishataa itti soramanii itti farfamanii namoota oromoofi dalagan ta’anii angoo badhaafamaniin bashannaanaa isin ammoo angoo maqaa malee ulfinna hindhaqabnne duwwaa kanaafi jettanii osoo namnni isini hindiigin murnna murnnatti walqooddanii mana guddaa qabdan diigdanii hoxxee xixiqoo goojjoo keessaa hinmuli’anne keessatti murnna  lakkoysaan bicuu ta’aniin sobaan faarfamaa qooda qabsoo keessatti laattan caalaa warra qabsoo oromoo fii ABO diiguu keessatti galmaaya akka jirru hubachuun isin hindhibu.

Jaallan Haalli keessa dabarreefii keessaa jirru osoo tarrisanii kitaaba keessaa baasuun nidanda’ama,tarii  guyyaa tokko dhugaan kun kitaaba ta’ee akka bayus haaluu hindandeenyu.

  Kun hunduu waan ta’ee fii ta’aa jiru yoo ta’u gaafiin guddaan salphinnaafii tuffii xiqqeenyaafi diigmaya kana enyu nurratti dalageedhaa fii keessaa bayuu nidandeenya moo jedhanii ufi gaafachuu nidandeenya moo sal;hinnumma kana wajjiin awwaalaminnaadha?

Gaafii kana osoo hindeebisin seenaa yeroo gabaabaa bara  1998 irraa eegalee nujiddutti yeroo adda addaa dhalachaa ture keessa deebinee gilgaaluu qofaan deebisuu dandeenya. Akka ilaalcha kiyyaatti abbaan salphinni kun irratti gayellee nuta’ee namnni salphinna kana geesselle numa akka ta’e waakkachuun rakkoo kanaafi fala hintaane barbaadutti nugeessa.i Gabaabamatti hundeen diigmayya kanaa beekkanis ta’ee wallallummaan numa akka ta’e ufitti himuun salphinna amma keessa jiru caalaa salphimna hinta’u.  Kanaafi “Manni abbaan Gube Iyya hinqabuu” ta’ee nama nutti dirmatu  dhabinnee wal diiga walsalphisaa ,walxiqeessaa, walkophixeessaa nuhunddi keenyaa murnna bicuu bicuutti walqodinnee xiqqaa guddaa osoo hinjedhin hucuu walirraa mulqinee  waaroo salphinnaa walufifinnee ummata keenya biratti akka tuffataminuufi abaaraminnu nugodhuu caalaa injiffannoolee qabsoo hadhaayaan goonffanne kan akka “Biyya takka ummata tokko hiree takka” jedhulle gaafii keessa galichaa jirra..

Arra namuu akka dhaaba adda addaa ufi tilmaamnne ufillee sobaa miseensota keenyallee sobaa ummata oromoollee sobaa asi geenye ,amma ummanni keenya dhugaa fi dhara keenyalle adda baree gurra nurraa cufataa akka jiru argaa jirra. Mee dhabonni amma adda adda jirru hunddi ODF lle dabalatee kan miseensota ABO ala miseensa oromoo haaraya horate yoo jiraate ufi keessa deebi’aa ufi gamaggamaa hundumitti keenyaa miseensotumma ABO gargar qoodannee bakka addaa addaa dhaabbannee ufitti taphachaa jirra. Murnnumma xixiqqaa toliffanne hogganumma itti ufi moggafinne kanaan qabsoo oromoo milkeesinaan hafee seenama dhuunffa keenyaa fii seena dhaaba keenyaallee  dhaloota itti anutti dhalchifnaan abjuu ta’uun isaa yoo ufitullummaan nuhaguuge malee keessatti namuu numma hubata.Gabaabamatti nucufitti keenya jaallanumma yaada tokkoofi dhaabbanetu ufii diigee seenaa xuriitiin du’a uumaa (natural death) eeggachaa  akkumma EPRP (Ihaapa) maqaa qofaan hafuu deeminna. Akkasumma ABOs ufumma wajjiin ajeessuufi qophii keenya xumurannee waan ta’aa jirru fakkaanna.

Jaallan waan amma isinitti baafachaa jiru kana wajjiin cinqamee akkanummatti wajjiin dhibamee kaayoo wajjiin du’uu hinbarbaadu jedheen waan keessa kootitti nadararee hiribba nadhoogge kana yoo danda’ame akka ABO fii Seenaa keenalle  baraarrufi hucuu nurraa buutee qullaa dhaabbachaa jirru kana namnni nutti deebisu akka hinjirre  eegee dhabinaan nummaan waqinni gootummaa fii qaroomma nuuf laate waliifi dhiifinnee  kaabbaa salphinnaa  walitti uffessinne kana waliirraa muliqinnee Kaabbaa ulfinnaa qabaachaa turre san  deebinee akka ufittis ta’ee dhaaba keenya ABO  itti dhamaane kanatti kabajaa deebisuufi umrii hanga nuuf hafe kana carraaqinnee seenaa keenya haamidhageffannu isinii jechuu barbaada.

Arra yoomiyyu caalaa dinni keenya hujii nutti walirratti hojjannu kana qoratee nutuffatee biiya keenya gurgurachuu bira dabree dachii teenya jennee himannu nudhoogguufi mala adda addaa baafatee socho’aa jira. Ijjoollee oromoo gaafa nutti Motummaa cehumsa keessa seennu dhalatan arra harka qullaa ibidda diina dura dhaabbatanii lubbuu isaani aarsaa kafalaa jiru. wareegama keessatti diina dura diinummaan dhaabbachaa nuun ammoo tokko nuuf ta’aa abdiin keenya isin nuun jedhaa jiru. Yoo dhiiynni ijjoollee kanaa tokko nungoone maalitti nutokkoomisa? oromoo qe’ee isaa irraa godaansisuu caalaa maalittu nutokkomisa? lallabba ummnni keenya ,jaarmayoonni ummata,dubartoonni,bartoonni nutti godhan kana dhagayuu caalaa maalittu nutokkoomisa.

Jaalla hedduu keessanni barsiiftota kiyya heddun keessan hiroyyoota kiyya dandeettiifi waan isin jijjiiruu dandeettanis akka gaarittiin bareechee hubadha yaada kana hinagarittan jedheetiim yeroo tokko tokko “ordinary person can make un extraordinary things” jecha jedhu saanumma hafuura baafadhee haalumma keessa jiru isin yaadachisuufi  yaale malee hinhubattan jedheetiim.

Jaallan tokko tokko osoo barreeffama koo dubbisa jirtan haalli yaanni kun itti milkaayu   rakkoo ta’ee isinitti muli’ata ta’a ,garuu yoo dhugaa rakkoo kana dursinee hubanne falli isaa hedduu ulfaata hinta’u. ,

Kan duraa falafala nuseenee nunyaate nudiigee nusalphise kana irra aanuufi akka ammaan gadii kanatti yaadurraa eegaluu qabnna.

Eeyyee eeyyee nucufittu salphannee jirra ,kan nusalphise ammo nama biroo osoo hinta’in ufummaa walsalphinne, eeyyee diigaminne jirra ,kan nudiige ammoo numma mataa keenya , irra caalaa eeyyee salphinna arraa caalaa seenaan keenyalle kan salphinnaa ta’aa jiraa jennee ufi amansiisuun xurree irraa kaanu ta’u qaba. Guyyaa nucufitti akkasitti walqixa amannee nucufitti salphatoo ta’uu hubanne  ufummaa ufi salphinne kan jedhuttis amanne waliifi obsa horanna,walitti  quba qabuu lakkifinna,ufitulummaa ani jabaa ati laafaa,ani beeka ati wallaala, ani murataa ati sodaata, ani qabsaawa ati gandummaa lalisitta, ani walabummaa ati ethiopia, jechoota kana liqimisinee akkamtti salphinna kana keessaa ufillee ABOlle baafinna kan jedhu qofa dursa godhanna jechuudha.

Jaallan kufaatiin waan uumaan jiru kufaatiin badaan kufaatii ufii hubachuudhaan ka’uufi tattaaffachuu dhabuudha. kanaafi ammoo inni nadura ka’uu qaba jechuunillee dalagaa ijjoolleeti nucufittuu waltakkaa oli ka’uufi ufi haaqopheesinnu. Ani hanga kana yoo jedhe kufaati kanatti yoo amanittan ammoo isin ana caalaa  akka itti kufaati kana keessaa baanu akka lafa nuuf keettan abdiin qaba. Jechoota koo kessatti wanni akka malee isin tuqeen yoo jiraate dhiifama.

Amin Jundi

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Tag Cloud

%d bloggers like this: